الممتحنة

تفسير سورة الممتحنة

الترجمة الأورومية

Oromoo

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني القرآن الكريم للغة الاورومية ترجمها غالي ابابور اباغونا، عام الطبعة 2009م

﴿بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَّخِذُوا عَدُوِّي وَعَدُوَّكُمْ أَوْلِيَاءَ تُلْقُونَ إِلَيْهِمْ بِالْمَوَدَّةِ وَقَدْ كَفَرُوا بِمَا جَاءَكُمْ مِنَ الْحَقِّ يُخْرِجُونَ الرَّسُولَ وَإِيَّاكُمْ ۙ أَنْ تُؤْمِنُوا بِاللَّهِ رَبِّكُمْ إِنْ كُنْتُمْ خَرَجْتُمْ جِهَادًا فِي سَبِيلِي وَابْتِغَاءَ مَرْضَاتِي ۚ تُسِرُّونَ إِلَيْهِمْ بِالْمَوَدَّةِ وَأَنَا أَعْلَمُ بِمَا أَخْفَيْتُمْ وَمَا أَعْلَنْتُمْ ۚ وَمَنْ يَفْعَلْهُ مِنْكُمْ فَقَدْ ضَلَّ سَوَاءَ السَّبِيلِ﴾

Yaa warra amantan! Diina kiyyaafi diina keessan jaalallee hin godhatinaaOdoo isaan dhugaa irraa waan isinitti dhufetti kafaranii, sababa isin Rabbii Gooftaa keessan ta'etti amantaniif qofa Ergamichaafi isinis baasanii jiranuu isin gara isaaniitti jaalala dhaqqabsiiftuYoo karaa Kiyya keessatti qabsaa'uufi jaalala Kiyya barbaacha kan baatan taataniif (jaalalloo hin godhatinaa)Odoo ani waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan beekuu gara isaaniitti iccitiin jaalala dhaqqabsiiftuIsin irraa namni kana hojjate dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera.

﴿إِنْ يَثْقَفُوكُمْ يَكُونُوا لَكُمْ أَعْدَاءً وَيَبْسُطُوا إِلَيْكُمْ أَيْدِيَهُمْ وَأَلْسِنَتَهُمْ بِالسُّوءِ وَوَدُّوا لَوْ تَكْفُرُونَ﴾

Yoo isin arganiif diinota isiniif ta'uHarkaafi arraba isaaniis hamtuun gara keessanitti diriirsuKafaruu keessanis ni jaalatu

﴿لَنْ تَنْفَعَكُمْ أَرْحَامُكُمْ وَلَا أَوْلَادُكُمْ ۚ يَوْمَ الْقِيَامَةِ يَفْصِلُ بَيْنَكُمْ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ﴾

Firoonni keessaniifi ilmaan keessanis homaa isin hin fayyadanu; Guyyaa Qiyaamaa (Rabbiin) addaan isin baasaRabbiinis waan isin hojjattan argaadha.

﴿قَدْ كَانَتْ لَكُمْ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ فِي إِبْرَاهِيمَ وَالَّذِينَ مَعَهُ إِذْ قَالُوا لِقَوْمِهِمْ إِنَّا بُرَآءُ مِنْكُمْ وَمِمَّا تَعْبُدُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ كَفَرْنَا بِكُمْ وَبَدَا بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمُ الْعَدَاوَةُ وَالْبَغْضَاءُ أَبَدًا حَتَّىٰ تُؤْمِنُوا بِاللَّهِ وَحْدَهُ إِلَّا قَوْلَ إِبْرَاهِيمَ لِأَبِيهِ لَأَسْتَغْفِرَنَّ لَكَ وَمَا أَمْلِكُ لَكَ مِنَ اللَّهِ مِنْ شَيْءٍ ۖ رَبَّنَا عَلَيْكَ تَوَكَّلْنَا وَإِلَيْكَ أَنَبْنَا وَإِلَيْكَ الْمَصِيرُ﴾

Dhugumatti, Ibraahimiifi warra isa wajjiin turan keessatti hidhannoon gaariin isiniif ta'eeraYeroo (isaan) ummata isaaniitiin "nuti isiniifi waan isin Rabbiin alatti gabbartan irraa qulqulluudha; isinitti kafarre; hanga Rabbii tokkichatti amantanutti gidduu keenyaafi gidduu keessanitti diinummaafi jibbansi abadii ifa ba'eera" jedhan (hidhannoon gaariin isiniif jira)Garuu jechi Ibraahiim abbaa isaatiin "araaraman siif kadhaa (adabbii) Rabbii irraa immoo waan tokko siif hin fayyadu" jedhe qoftii odoo hafuu"Gooftaa keenya! Sirratti hirkanne; gara Keettis deebine; deebiinis garuma kee qofa" (jedhan san hordofaa)

﴿رَبَّنَا لَا تَجْعَلْنَا فِتْنَةً لِلَّذِينَ كَفَرُوا وَاغْفِرْ لَنَا رَبَّنَا ۖ إِنَّكَ أَنْتَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ﴾

"Gooftaa keenya! warra kafaraniif mokkoroo nu hin godhinGooftaa keenya! Nuuf araarami; Ati injifataa ogeessa

﴿لَقَدْ كَانَ لَكُمْ فِيهِمْ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ لِمَنْ كَانَ يَرْجُو اللَّهَ وَالْيَوْمَ الْآخِرَ ۚ وَمَنْ يَتَوَلَّ فَإِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ﴾

Dhugumatti, nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa kajeeluuf isaan keessa hidhannoo gaariitu isiniif jiraNamni (kanarraa) garagale (ofuma miidha)Dhugumatti Rabbiinis dureessa faarfamaadha.

﴿۞ عَسَى اللَّهُ أَنْ يَجْعَلَ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَ الَّذِينَ عَادَيْتُمْ مِنْهُمْ مَوَدَّةً ۚ وَاللَّهُ قَدِيرٌ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

Rabbiin gidduu keessaniifi gidduu warra isin isaan irraa diinomfattanii (nyaapha godhattanii) jaalala taasisuun ni kajeelamaRabbiinis Danda'aadhaAmmas Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.

﴿لَا يَنْهَاكُمُ اللَّهُ عَنِ الَّذِينَ لَمْ يُقَاتِلُوكُمْ فِي الدِّينِ وَلَمْ يُخْرِجُوكُمْ مِنْ دِيَارِكُمْ أَنْ تَبَرُّوهُمْ وَتُقْسِطُوا إِلَيْهِمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُقْسِطِينَ﴾

Rabbiin isaan sababaa amantiitiin isin hin waraaniniifi manneen keessan irraa isin hin baasiniif tola ooluufi haqaan waliin jiraachuu isin hin dhorguDhugumatti, Rabbiin warra haqa dalagan ni jaalata.

﴿إِنَّمَا يَنْهَاكُمُ اللَّهُ عَنِ الَّذِينَ قَاتَلُوكُمْ فِي الدِّينِ وَأَخْرَجُوكُمْ مِنْ دِيَارِكُمْ وَظَاهَرُوا عَلَىٰ إِخْرَاجِكُمْ أَنْ تَوَلَّوْهُمْ ۚ وَمَنْ يَتَوَلَّهُمْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ﴾

Kan Rabbiin isin dhorgu warra sababaa amantiitiin isin waraananiifi manneen keessan irraa isin baasan, akkasumas isin baasuu irratti gargaaran jaalalloo godhachuudhaNamni isaan jaalalloo godhate, isaan warra of miidhoodha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا جَاءَكُمُ الْمُؤْمِنَاتُ مُهَاجِرَاتٍ فَامْتَحِنُوهُنَّ ۖ اللَّهُ أَعْلَمُ بِإِيمَانِهِنَّ ۖ فَإِنْ عَلِمْتُمُوهُنَّ مُؤْمِنَاتٍ فَلَا تَرْجِعُوهُنَّ إِلَى الْكُفَّارِ ۖ لَا هُنَّ حِلٌّ لَهُمْ وَلَا هُمْ يَحِلُّونَ لَهُنَّ ۖ وَآتُوهُمْ مَا أَنْفَقُوا ۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ أَنْ تَنْكِحُوهُنَّ إِذَا آتَيْتُمُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ ۚ وَلَا تُمْسِكُوا بِعِصَمِ الْكَوَافِرِ وَاسْأَلُوا مَا أَنْفَقْتُمْ وَلْيَسْأَلُوا مَا أَنْفَقُوا ۚ ذَٰلِكُمْ حُكْمُ اللَّهِ ۖ يَحْكُمُ بَيْنَكُمْ ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ﴾

Yaa warra amantan! Yeroo dubartoonni mu’uminaa godaantuu ta'anii isinitti dhufan (amantiif godaanuu isaanii baruuf) isaan qoradhaaIimaana isaanii Rabbitu akkaan beekaYoo mu’uminoota ta'uu isaanii bartan gara warra kafaraniitti isaan hin deebisnaaIsaan (dubartoonni) isaaniif eeyyamamoo miti; isaanis (dhiironni) isaaniif eeyyamamoo mitiIsaaniifis (dhirsota isaanii kan kaafiraatiifis) waan isaan baasan kennaaYeroo mahrii isaanii isaaniif kennitan isaan fuuchuun diliin isin irra hin jiruWaadaa fuudhaa kan niitiwwan keessan kaafiraa hin qabatinaa (nikaan diigameera)Isinis waan isaan (niitolii keessan kan kufrii irra jiran) irratti baaftan gaafadhaa; isaanis (dhirsotiin kaafiraa kan niitolii isaanii amanan) waan baasan haa gaafatanKun murtii Rabbiiti(Isatu) gidduu keessanitti murteessaRabbiin beekaa ogeessa.

﴿وَإِنْ فَاتَكُمْ شَيْءٌ مِنْ أَزْوَاجِكُمْ إِلَى الْكُفَّارِ فَعَاقَبْتُمْ فَآتُوا الَّذِينَ ذَهَبَتْ أَزْوَاجُهُمْ مِثْلَ مَا أَنْفَقُوا ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي أَنْتُمْ بِهِ مُؤْمِنُونَ﴾

Yoo tokkoon niitolee keessan irraa taate gara kaafirootaa isin jalaa baatee ergasii loltanii boojitan isaan niitoleen isaanii deemaniif fakkaataa waan isaan baasanii kennaafiiRabbii isa itti amantanis sodaadhaa.

﴿يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ إِذَا جَاءَكَ الْمُؤْمِنَاتُ يُبَايِعْنَكَ عَلَىٰ أَنْ لَا يُشْرِكْنَ بِاللَّهِ شَيْئًا وَلَا يَسْرِقْنَ وَلَا يَزْنِينَ وَلَا يَقْتُلْنَ أَوْلَادَهُنَّ وَلَا يَأْتِينَ بِبُهْتَانٍ يَفْتَرِينَهُ بَيْنَ أَيْدِيهِنَّ وَأَرْجُلِهِنَّ وَلَا يَعْصِينَكَ فِي مَعْرُوفٍ ۙ فَبَايِعْهُنَّ وَاسْتَغْفِرْ لَهُنَّ اللَّهَ ۖ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoonni mu’uminaa Rabbitti homaa qindeessuu dhiisuu, hatuu dhiisuu, Zinaa godhuu dhabuu, ijoollee isaaniis ajjeesuu dhiisuu, cubbuu harka isaaniitiifi miila isaanii gidduutti uumanii odeessuu dhabuufi akka waan gaarii keessatti ajaja kee hin faallessine waadaa sii galuuf gara kee dhufan, waadaa isaan irraa fuudhiRabbiinis araarama isaaniif kadhuDhugumatti, Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَوَلَّوْا قَوْمًا غَضِبَ اللَّهُ عَلَيْهِمْ قَدْ يَئِسُوا مِنَ الْآخِرَةِ كَمَا يَئِسَ الْكُفَّارُ مِنْ أَصْحَابِ الْقُبُورِ﴾

Yaa warra amantan! Ummata Rabbiin irratti dallane jaalallee hin godhatinaaAkkuma kaafiroonni warra qabrii irraa abdii muratan isaanis Aakhiraa irraa dhugumatti abdii murataniiru.

الترجمات والتفاسير لهذه السورة: