البقرة

تفسير سورة البقرة

الترجمة الأورومية

Oromoo

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني القرآن الكريم للغة الاورومية ترجمها غالي ابابور اباغونا، عام الطبعة 2009م

﴿بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ الم﴾

Alif, Laam, Miim

﴿ذَٰلِكَ الْكِتَابُ لَا رَيْبَ ۛ فِيهِ ۛ هُدًى لِلْمُتَّقِينَ﴾

Kun kitaaba [Rabbiin biraa ta’uu isaa ilaalchisee] mamiin isa keessa hin jirreedha;warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama

﴿الَّذِينَ يُؤْمِنُونَ بِالْغَيْبِ وَيُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنْفِقُونَ﴾

Isaan "Ghaybitti" (wantoota miiraan hin dhaqqabamnetti) amanan, kan salaata sirnaan salaataniifi waan Nuti isaaniif arjoomne irraa kennaniidha

﴿وَالَّذِينَ يُؤْمِنُونَ بِمَا أُنْزِلَ إِلَيْكَ وَمَا أُنْزِلَ مِنْ قَبْلِكَ وَبِالْآخِرَةِ هُمْ يُوقِنُونَ﴾

Ammas isaan warra waan gara keetti buufameefi waan si dura buufametti amananiifi isaan Aakhiraa dhugoomsaniidha.

﴿أُولَٰئِكَ عَلَىٰ هُدًى مِنْ رَبِّهِمْ ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ﴾

Warri sun qajeelfama Rabbii isaanii biraa ta’e irra jiruAmmas warri sun isaantu milkaa’oodha

﴿إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا سَوَاءٌ عَلَيْهِمْ أَأَنْذَرْتَهُمْ أَمْ لَمْ تُنْذِرْهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ﴾

Dhugumatti, isaan kafaran isaan akeekkachiiftes isaan akeekkachiisuu dhiiftes [lamaanuu] isaan irratti wal qixa; hin amananu.

﴿خَتَمَ اللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ وَعَلَىٰ سَمْعِهِمْ ۖ وَعَلَىٰ أَبْصَارِهِمْ غِشَاوَةٌ ۖ وَلَهُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ﴾

Rabbiin onnee isaaniitiifi dhageettii isaanii irratti cufe; agartuu isaanii irras haguuggiitu jiraIsaaniif adabbii guddaatu jira.

﴿وَمِنَ النَّاسِ مَنْ يَقُولُ آمَنَّا بِاللَّهِ وَبِالْيَوْمِ الْآخِرِ وَمَا هُمْ بِمُؤْمِنِينَ﴾

Namoota irraa nama odoo hin amanin "Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanne" jedhutu jira.

﴿يُخَادِعُونَ اللَّهَ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَمَا يَخْدَعُونَ إِلَّا أَنْفُسَهُمْ وَمَا يَشْعُرُونَ﴾

Rabbiifi warra amanan gowwoomsan [isaanitti fakkaata]; hin beekan malee lubbuu isaanii malee homaa hin gowwoomsanu.

﴿فِي قُلُوبِهِمْ مَرَضٌ فَزَادَهُمُ اللَّهُ مَرَضًا ۖ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ بِمَا كَانُوا يَكْذِبُونَ﴾

Onnee isaanii keessa dhukkuba [shakkiifi nifaaqaatu] jiraRabbiinis dhukkuba isaaniif dabaleWaan kijibaa turaniif jechas adabbii laalessaa ta’etu isaaniif jira

﴿وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ لَا تُفْسِدُوا فِي الْأَرْضِ قَالُوا إِنَّمَا نَحْنُ مُصْلِحُونَ﴾

Yeroo "Dachii keessatti badii hin raawwatinaa" isaaniin jedhames "nuti warra tolchu qofa" jedhu.

﴿أَلَا إِنَّهُمْ هُمُ الْمُفْسِدُونَ وَلَٰكِنْ لَا يَشْعُرُونَ﴾

Dhagayaa! Dhugumatti isaan isaanumatu warra badiitiGaruu [haala gadhee isaanii kana] hin beekanu.

﴿وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ آمِنُوا كَمَا آمَنَ النَّاسُ قَالُوا أَنُؤْمِنُ كَمَا آمَنَ السُّفَهَاءُ ۗ أَلَا إِنَّهُمْ هُمُ السُّفَهَاءُ وَلَٰكِنْ لَا يَعْلَمُونَ﴾

Yeroo "akka namoonni amananitti amanaa" isaaniin jedhames, "sila nuti akka warri gowwaan amananitti amannaa?" jedhuDhagayaa! dhugumatti isaan isaanumatu gowwootaGaruu isaan hin beekan.

﴿وَإِذَا لَقُوا الَّذِينَ آمَنُوا قَالُوا آمَنَّا وَإِذَا خَلَوْا إِلَىٰ شَيَاطِينِهِمْ قَالُوا إِنَّا مَعَكُمْ إِنَّمَا نَحْنُ مُسْتَهْزِئُونَ﴾

Yeroo warra amanan qunnaman "nuti amanneerra" jedhuYeroo sheyxaanota (hoggantoota) isaanii waliin kophaa ba’an immoo "dhugumatti nuti isin waliin jirra; nuti isaanitti qishnuma (qoosaa) godhuuf [akkas goone]" jedhu.

﴿اللَّهُ يَسْتَهْزِئُ بِهِمْ وَيَمُدُّهُمْ فِي طُغْيَانِهِمْ يَعْمَهُونَ﴾

Rabbiin [mindaa qishnaa isaaniitiif] isaanitti qishnaa godha; jallina isaanii keessatti odoo isaan dhama’anuu isaan dhiisa.

﴿أُولَٰئِكَ الَّذِينَ اشْتَرَوُا الضَّلَالَةَ بِالْهُدَىٰ فَمَا رَبِحَتْ تِجَارَتُهُمْ وَمَا كَانُوا مُهْتَدِينَ﴾

Isaan warra jallina qajeelumaan bitataniidhaDaldalli isaaniis bu’aa dhabeIsaanis warra qajeelan hin turre.

﴿مَثَلُهُمْ كَمَثَلِ الَّذِي اسْتَوْقَدَ نَارًا فَلَمَّا أَضَاءَتْ مَا حَوْلَهُ ذَهَبَ اللَّهُ بِنُورِهِمْ وَتَرَكَهُمْ فِي ظُلُمَاتٍ لَا يُبْصِرُونَ﴾

Fakkeenyi isaanii akka fakkii isa ibidda qabsiifatee, yeroma isheen waan naannoo isaa ibsitu Rabbiin ifaa isaanii adeemsisee dukkana keessatti haala hin argineen isaan dhiiseeti

﴿صُمٌّ بُكْمٌ عُمْيٌ فَهُمْ لَا يَرْجِعُونَ﴾

[Isaan] duudaa, arraba qabamaafi jaamaadhaKanaafuu [gara karaa qajeelaa] hin deebi’anu.

﴿أَوْ كَصَيِّبٍ مِنَ السَّمَاءِ فِيهِ ظُلُمَاتٌ وَرَعْدٌ وَبَرْقٌ يَجْعَلُونَ أَصَابِعَهُمْ فِي آذَانِهِمْ مِنَ الصَّوَاعِقِ حَذَرَ الْمَوْتِ ۚ وَاللَّهُ مُحِيطٌ بِالْكَافِرِينَ﴾

Yookiin akka bokkaa cimaa samii irraa ta’ee kan isa keessa dukkanni, kakawwee (mandiisuu)fi calanqeen (hangaasuun) jiru, du’a bakakkaa irraa ta’e sodaaf quba gurra isaanii keessa kaa’atuRabbiinis kaafirootatti marsaadha.

﴿يَكَادُ الْبَرْقُ يَخْطَفُ أَبْصَارَهُمْ ۖ كُلَّمَا أَضَاءَ لَهُمْ مَشَوْا فِيهِ وَإِذَا أَظْلَمَ عَلَيْهِمْ قَامُوا ۚ وَلَوْ شَاءَ اللَّهُ لَذَهَبَ بِسَمْعِهِمْ وَأَبْصَارِهِمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

Calanqichi ija isaanii butuutti dhiyaataDhawaata isaaniif ifuun isa keessa deemuYeroo isaan irratti dukkanaa’e immoo ni dhaabatuRabbiin odoo fedhee dhageettiifi agartuu isaanii ni deemsisa tureDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha

﴿يَا أَيُّهَا النَّاسُ اعْبُدُوا رَبَّكُمُ الَّذِي خَلَقَكُمْ وَالَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ﴾

Yaa namootaa! Akka Rabbiin sodaattaniif jecha gooftaa keessan isa isiniifi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa!

﴿الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ الْأَرْضَ فِرَاشًا وَالسَّمَاءَ بِنَاءً وَأَنْزَلَ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَخْرَجَ بِهِ مِنَ الثَّمَرَاتِ رِزْقًا لَكُمْ ۖ فَلَا تَجْعَلُوا لِلَّهِ أَنْدَادًا وَأَنْتُمْ تَعْلَمُونَ﴾

[Rabbiin] Isa dachii afata, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif taasisee, kan samii irraa bishaan buusee ergasii isaan fuduraa irraa soorata isiniif baaseedhaKanaafuu odoo [kan gabbaramuun malu Rabbiin qofa ta’uu] beektanuu Rabbiif shariikota hin godhinaa.

﴿وَإِنْ كُنْتُمْ فِي رَيْبٍ مِمَّا نَزَّلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا فَأْتُوا بِسُورَةٍ مِنْ مِثْلِهِ وَادْعُوا شُهَدَاءَكُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ﴾

Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne (Qur’aana) irraa mamii keessa taataniif, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, suuraa akka isaa [tokko] fidaatii ragoota (gargaartotaafi deeggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiranis waamadhaa.

﴿فَإِنْ لَمْ تَفْعَلُوا وَلَنْ تَفْعَلُوا فَاتَّقُوا النَّارَ الَّتِي وَقُودُهَا النَّاسُ وَالْحِجَارَةُ ۖ أُعِدَّتْ لِلْكَافِرِينَ﴾

Yoo [amma dura] hin dalagin; fuuldurattis hin dalagdanu; kanaafuu ibidda qabsiisaan ishee namaafi dhagaa ta’e kan kaafirootaaf qopheeffamte sodaadhaa.

﴿وَبَشِّرِ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ أَنَّ لَهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ ۖ كُلَّمَا رُزِقُوا مِنْهَا مِنْ ثَمَرَةٍ رِزْقًا ۙ قَالُوا هَٰذَا الَّذِي رُزِقْنَا مِنْ قَبْلُ ۖ وَأُتُوا بِهِ مُتَشَابِهًا ۖ وَلَهُمْ فِيهَا أَزْوَاجٌ مُطَهَّرَةٌ ۖ وَهُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, jannatoonni laggeen jala ishee yaatu isaaniif jira jechuun [isaan] gammachiisiDhawaatuma firii ishee irraa sooramaniin "kun soorata kana dura sooramneedha" jedhuWal fakkaataa ta'ee isaaniif kennameIsaaniif ishee keessa haadholeen manaa qulqulleeffamanis ni jiruIsaanis ishee keessatti hafoodha

﴿۞ إِنَّ اللَّهَ لَا يَسْتَحْيِي أَنْ يَضْرِبَ مَثَلًا مَا بَعُوضَةً فَمَا فَوْقَهَا ۚ فَأَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا فَيَعْلَمُونَ أَنَّهُ الْحَقُّ مِنْ رَبِّهِمْ ۖ وَأَمَّا الَّذِينَ كَفَرُوا فَيَقُولُونَ مَاذَا أَرَادَ اللَّهُ بِهَٰذَا مَثَلًا ۘ يُضِلُّ بِهِ كَثِيرًا وَيَهْدِي بِهِ كَثِيرًا ۚ وَمَا يُضِلُّ بِهِ إِلَّا الْفَاسِقِينَ﴾

Dhugumatti Rabbiin bookees taatee waan ishee irra guddaa (yookiin xiqqaa) fakkeenya taasisuu hin saalfatuWarri amanan akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e ni beekuIsaan kafaran immoo "Rabbiin fakkeenya kanatti maal fedhe?" jedhu[Rabbiin] kanaan (namoota) baay’ee jallisee (namoota) baay’ees qajeelchaFinciltoota malees (kan biraa) ittiin hin jallisu

﴿الَّذِينَ يَنْقُضُونَ عَهْدَ اللَّهِ مِنْ بَعْدِ مِيثَاقِهِ وَيَقْطَعُونَ مَا أَمَرَ اللَّهُ بِهِ أَنْ يُوصَلَ وَيُفْسِدُونَ فِي الْأَرْضِ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ﴾

[Isaan] warra waadaa Rabbii erga kakuun jabeessanii booda diiganii, waan (firummaa) Rabbiin fufamuu isaatti ajaje kutanii, dachii keessatti badii raawwataniidhaWarri sun hoonga’oon isaanuma.

﴿كَيْفَ تَكْفُرُونَ بِاللَّهِ وَكُنْتُمْ أَمْوَاتًا فَأَحْيَاكُمْ ۖ ثُمَّ يُمِيتُكُمْ ثُمَّ يُحْيِيكُمْ ثُمَّ إِلَيْهِ تُرْجَعُونَ﴾

Sila odoo Inni haala isin du’aa turtaniin isin jiraachisee ergasii isin ajjeesee ergasii isin jiraachisuun ergasii gara Isaatti kan deebifamtanu taatanii jirtanuu akkamitti Rabbitti kafartu?

﴿هُوَ الَّذِي خَلَقَ لَكُمْ مَا فِي الْأَرْضِ جَمِيعًا ثُمَّ اسْتَوَىٰ إِلَى السَّمَاءِ فَسَوَّاهُنَّ سَبْعَ سَمَاوَاتٍ ۚ وَهُوَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ﴾

Inni (Rabbiin) Isa waan dachii keessa jiru hunda isiniif uumee ergasii gara samii ol ta’ee samii torba isaan taasiseedhaInni waan hunda akkaan beekaadha.

﴿وَإِذْ قَالَ رَبُّكَ لِلْمَلَائِكَةِ إِنِّي جَاعِلٌ فِي الْأَرْضِ خَلِيفَةً ۖ قَالُوا أَتَجْعَلُ فِيهَا مَنْ يُفْسِدُ فِيهَا وَيَسْفِكُ الدِّمَاءَ وَنَحْنُ نُسَبِّحُ بِحَمْدِكَ وَنُقَدِّسُ لَكَ ۖ قَالَ إِنِّي أَعْلَمُ مَا لَا تَعْلَمُونَ﴾

Yeroo Gooftaan kee malaa’ikootaan "dhugumatti, Ani (ilmaan namaa) dachii keessatti bakka bu’aa (khaliifaa) taasisuufan jira" jedhes [yaadadhu]Isaanis ni jedhan: "Sila odoo nuti galata keetiin si faarsinuufi si qulqulleessinuu namoota ishee (dachii) keessatti badii dalagan, kan dhiiga (walii) dhangalaasan ishee keessatti taasiftaa?" [Innis] ni jedhe: "Dhugumatti, Ani akkaan beekaa waan isin hin beekneti."

﴿وَعَلَّمَ آدَمَ الْأَسْمَاءَ كُلَّهَا ثُمَّ عَرَضَهُمْ عَلَى الْمَلَائِكَةِ فَقَالَ أَنْبِئُونِي بِأَسْمَاءِ هَٰؤُلَاءِ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ﴾

Aadamiinis maqoota [waan] hundaa isa barsiiseErgasii malaa’ikoota irra isaan fideetiin "yoo kan dhugaa dubbattan taataniif maqoota wantoota kanneenii naaf odeessaa” jedhe

﴿قَالُوا سُبْحَانَكَ لَا عِلْمَ لَنَا إِلَّا مَا عَلَّمْتَنَا ۖ إِنَّكَ أَنْتَ الْعَلِيمُ الْحَكِيمُ﴾

[Malaa’ikoonnis] ni jedhan: "Ati qulqulloofteNu waan Ati nu barsiifte malee beekumsa hin qabnu; dhugumatti, Ati Simatu akkaan beekaa ogeessa."

﴿قَالَ يَا آدَمُ أَنْبِئْهُمْ بِأَسْمَائِهِمْ ۖ فَلَمَّا أَنْبَأَهُمْ بِأَسْمَائِهِمْ قَالَ أَلَمْ أَقُلْ لَكُمْ إِنِّي أَعْلَمُ غَيْبَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَأَعْلَمُ مَا تُبْدُونَ وَمَا كُنْتُمْ تَكْتُمُونَ﴾

[Rabbiin] ni jedhe: "Yaa Aadam! maqoota isaanii isaanitti himi." Yeroma inni maqoota isaanii isaanitti himu [Rabbiin] ni jedhe: "Sila Ani akkaan beekaa wantoota fagoo kan samiifi dachiiti; ammas Ani akkaan beekaa waan isin ifa taasiftaniifi waan isin dhoksaa turtaniiti’ isiniin hin jennee?"

﴿وَإِذْ قُلْنَا لِلْمَلَائِكَةِ اسْجُدُوا لِآدَمَ فَسَجَدُوا إِلَّا إِبْلِيسَ أَبَىٰ وَاسْتَكْبَرَ وَكَانَ مِنَ الْكَافِرِينَ﴾

Yeroo Nuti malaa’ikootaan "Aadamiif sujuuda[] godhaa" jennes [yaadadhu]Ibliisa malee Isaan sujuuda godhan; [Inni] ni dide; ni boonesKaafiroota irraayis ta’e.

﴿وَقُلْنَا يَا آدَمُ اسْكُنْ أَنْتَ وَزَوْجُكَ الْجَنَّةَ وَكُلَا مِنْهَا رَغَدًا حَيْثُ شِئْتُمَا وَلَا تَقْرَبَا هَٰذِهِ الشَّجَرَةَ فَتَكُونَا مِنَ الظَّالِمِينَ﴾

Ni jennes: "Yaa Aadam! Atiifi haati manaa kee jannata keessa jiraadhaaIshee irraa bal'oo haala taateen iddoo feetanii nyaadhaaMukattii kanatti immoo hin dhiyaatinaaYoos miidhaa hojjattoota irraa taatu."

﴿فَأَزَلَّهُمَا الشَّيْطَانُ عَنْهَا فَأَخْرَجَهُمَا مِمَّا كَانَا فِيهِ ۖ وَقُلْنَا اهْبِطُوا بَعْضُكُمْ لِبَعْضٍ عَدُوٌّ ۖ وَلَكُمْ فِي الْأَرْضِ مُسْتَقَرٌّ وَمَتَاعٌ إِلَىٰ حِينٍ﴾

Shayxaannis ishee (jannata) irraa isaan mucucaachiseWaan isaan isa keessa turan irraas isaan baaseNutis ni jenne: "gariin keessan gariif diina ta’aa gadi bu’aaIsiniifis dachii keessa iddoo jireenyaatiifi waan itti fayyadamtan kan yeroo murtaa’eetu jira."

﴿فَتَلَقَّىٰ آدَمُ مِنْ رَبِّهِ كَلِمَاتٍ فَتَابَ عَلَيْهِ ۚ إِنَّهُ هُوَ التَّوَّابُ الرَّحِيمُ﴾

Aadamis Gooftaa isaa irraa jechoota[] fudhatee sana booda [Rabbiin] dhiifama isaaf godheDhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.

﴿قُلْنَا اهْبِطُوا مِنْهَا جَمِيعًا ۖ فَإِمَّا يَأْتِيَنَّكُمْ مِنِّي هُدًى فَمَنْ تَبِعَ هُدَايَ فَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ﴾

Nuti ni jenne: "Hundi keessanuu ishee (jannata) irraa gadi bu’aaErgasii yoo Ana irraa qajeelfamni isiniif dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus."

﴿وَالَّذِينَ كَفَرُوا وَكَذَّبُوا بِآيَاتِنَا أُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

Warri kafaranii keeyyattoota keenyas kijibsiisan, isaan sun warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha.

﴿يَا بَنِي إِسْرَائِيلَ اذْكُرُوا نِعْمَتِيَ الَّتِي أَنْعَمْتُ عَلَيْكُمْ وَأَوْفُوا بِعَهْدِي أُوفِ بِعَهْدِكُمْ وَإِيَّايَ فَارْهَبُونِ﴾

Yaa Ilmaan Israa’iil! Ni’imaa kiyya kan Ani ittiin isin qanansiise yaadadhaaWaadaa kiyyas[] guutaa; Anis waadaa keessan nan guutaAna qofa sodaadhaas!

﴿وَآمِنُوا بِمَا أَنْزَلْتُ مُصَدِّقًا لِمَا مَعَكُمْ وَلَا تَكُونُوا أَوَّلَ كَافِرٍ بِهِ ۖ وَلَا تَشْتَرُوا بِآيَاتِي ثَمَنًا قَلِيلًا وَإِيَّايَ فَاتَّقُونِ﴾

Waan Ani buuse kan mirkaneessaa waan isin bira jiruu (Tawraatiifi Injiil) ta’ettis amanaaJalqaba warra isatti kafaruu hin ta’inaaKeeyyattoota kiyyaanis gatii xiqqaa hin bitatinaaAna qofa sodaadhaa.

﴿وَلَا تَلْبِسُوا الْحَقَّ بِالْبَاطِلِ وَتَكْتُمُوا الْحَقَّ وَأَنْتُمْ تَعْلَمُونَ﴾

Odoo beektanii dhugaa sobaan [walitti] hin makinaa; haqa hin dhoksinaas.

﴿وَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَآتُوا الزَّكَاةَ وَارْكَعُوا مَعَ الرَّاكِعِينَ﴾

Salaata seeraan salaataa; zakaas kennaa; warra rukuu’a godhan wajjinis rukuu’a godhaa.

﴿۞ أَتَأْمُرُونَ النَّاسَ بِالْبِرِّ وَتَنْسَوْنَ أَنْفُسَكُمْ وَأَنْتُمْ تَتْلُونَ الْكِتَابَ ۚ أَفَلَا تَعْقِلُونَ﴾

Sila odoo kitaaba dubbiftanuu gaariitti nama ajajaa lubbuu keessan dagattuu! Sila hin xiinxaltanuu!

﴿وَاسْتَعِينُوا بِالصَّبْرِ وَالصَّلَاةِ ۚ وَإِنَّهَا لَكَبِيرَةٌ إِلَّا عَلَى الْخَاشِعِينَ﴾

Obsaafi salaataan gargaarsa barbaadaaDhugumatti, isheen warra [Rabbiin] sodaatan irratti malee ulfaattuudha.

﴿الَّذِينَ يَظُنُّونَ أَنَّهُمْ مُلَاقُو رَبِّهِمْ وَأَنَّهُمْ إِلَيْهِ رَاجِعُونَ﴾

[Isaan] warra Gooftaa isaanii wajjiin wal qunnamuufi gara Isaatti deebi’uu mirkaneeffataniidha.

﴿يَا بَنِي إِسْرَائِيلَ اذْكُرُوا نِعْمَتِيَ الَّتِي أَنْعَمْتُ عَلَيْكُمْ وَأَنِّي فَضَّلْتُكُمْ عَلَى الْعَالَمِينَ﴾

Yaa Ilmaan Israa’iil! Ni’imaa kiyya kan Ani isinii ooleefi kan Ani aalama hunda irra isin caalchise [yaadadhaa].

﴿وَاتَّقُوا يَوْمًا لَا تَجْزِي نَفْسٌ عَنْ نَفْسٍ شَيْئًا وَلَا يُقْبَلُ مِنْهَا شَفَاعَةٌ وَلَا يُؤْخَذُ مِنْهَا عَدْلٌ وَلَا هُمْ يُنْصَرُونَ﴾

Guyyaa lubbuun [tokko] lubbuu (biraa) homaa hin fayyadne, kan jaarsummaan (araarsi) ishee irraa hin fudhatamneefi gumaanis ishee irraa hin fuudhamne, kan isaanis hin tumsamne san sodaadhaa.

﴿وَإِذْ نَجَّيْنَاكُمْ مِنْ آلِ فِرْعَوْنَ يَسُومُونَكُمْ سُوءَ الْعَذَابِ يُذَبِّحُونَ أَبْنَاءَكُمْ وَيَسْتَحْيُونَ نِسَاءَكُمْ ۚ وَفِي ذَٰلِكُمْ بَلَاءٌ مِنْ رَبِّكُمْ عَظِيمٌ﴾

Ammas yeroo Nuti ummata Fir’awn kan hamtuu adabbii isin dhandhamsiisaa turan, ilmaan dhiiraa keessan gorra’aniifi dubartoota keessan dhiisan irraa bilisa isin baafne san [yaadadhaa]Sana keessa balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.

﴿وَإِذْ فَرَقْنَا بِكُمُ الْبَحْرَ فَأَنْجَيْنَاكُمْ وَأَغْرَقْنَا آلَ فِرْعَوْنَ وَأَنْتُمْ تَنْظُرُونَ﴾

Yeroo bahra isiniif addaan foonee, ergasii bilisa isin baafnee ummata Fir’awn odoo isin argitanuu bishaaniin dhidhimsine sanis [yaadadhaa].

﴿وَإِذْ وَاعَدْنَا مُوسَىٰ أَرْبَعِينَ لَيْلَةً ثُمَّ اتَّخَذْتُمُ الْعِجْلَ مِنْ بَعْدِهِ وَأَنْتُمْ ظَالِمُونَ﴾

Yeroo Muusaaf halkan afurtama beellamnes [yaadadhaa]Ergasii isin bakka inni hin jirretti warra of miidhe taatanii mirgoo (jibicha) [gabbaramaa] taasifattan.

﴿ثُمَّ عَفَوْنَا عَنْكُمْ مِنْ بَعْدِ ذَٰلِكَ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ﴾

Ergasii sana booda akka isin galateeffataniif jecha dhiifama isiniif goone.

﴿وَإِذْ آتَيْنَا مُوسَى الْكِتَابَ وَالْفُرْقَانَ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ﴾

|Yeroo Muusaaf kitaaba (Tawraatii)fi addaan fooyaa dhugaafi kijibaa akka isin qajeeltaniif jecha kennines [yaadadhaa].

﴿وَإِذْ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوْمِهِ يَا قَوْمِ إِنَّكُمْ ظَلَمْتُمْ أَنْفُسَكُمْ بِاتِّخَاذِكُمُ الْعِجْلَ فَتُوبُوا إِلَىٰ بَارِئِكُمْ فَاقْتُلُوا أَنْفُسَكُمْ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَكُمْ عِنْدَ بَارِئِكُمْ فَتَابَ عَلَيْكُمْ ۚ إِنَّهُ هُوَ التَّوَّابُ الرَّحِيمُ﴾

Yeroo Muusaan ummata isaatiin "yaa ummata kiyya! isin mirgoo [gabbaramaa] taasifachuun lubbuu keessan miitanii jirtanKanaaf gara [Rabbii] uumaa keessan ta’eetti deebi’aaLubbuu keessanis ajjeesaaSanatu Uumaa keessan biratti isiniif caala" jedhes [yaadadhaa]Ergasii [Rabbiin] dhiifama isinii godhe (tawbaa keessan qeebale)Dhugumatti, Inni akkaan tawbaa qeebalaa akkaan rahmata godhaadha.

﴿وَإِذْ قُلْتُمْ يَا مُوسَىٰ لَنْ نُؤْمِنَ لَكَ حَتَّىٰ نَرَى اللَّهَ جَهْرَةً فَأَخَذَتْكُمُ الصَّاعِقَةُ وَأَنْتُمْ تَنْظُرُونَ﴾

Yeroo isin "yaa Muusaa! nuti hanga Rabbiin ifatti arginutti siif hin amannu" jettanii odoo isin argitanuu duuti isin qabattes [yaadadhaa].

﴿ثُمَّ بَعَثْنَاكُمْ مِنْ بَعْدِ مَوْتِكُمْ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ﴾

Ergasii akka isin galateeffattaniif jecha booda du’a keessaniitii isin kaafne.

﴿وَظَلَّلْنَا عَلَيْكُمُ الْغَمَامَ وَأَنْزَلْنَا عَلَيْكُمُ الْمَنَّ وَالسَّلْوَىٰ ۖ كُلُوا مِنْ طَيِّبَاتِ مَا رَزَقْنَاكُمْ ۖ وَمَا ظَلَمُونَا وَلَٰكِنْ كَانُوا أَنْفُسَهُمْ يَظْلِمُونَ﴾

Duumessa isin irratti gaaddiseessineManniifi Salwiis[] isin irratti buufne"Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa" (isiniin jenne)Isaanis homaa nu hin miine; garuu lubbuu isaanii kan miidhan turan

﴿وَإِذْ قُلْنَا ادْخُلُوا هَٰذِهِ الْقَرْيَةَ فَكُلُوا مِنْهَا حَيْثُ شِئْتُمْ رَغَدًا وَادْخُلُوا الْبَابَ سُجَّدًا وَقُولُوا حِطَّةٌ نَغْفِرْ لَكُمْ خَطَايَاكُمْ ۚ وَسَنَزِيدُ الْمُحْسِنِينَ﴾

Yeroo Nuti "magaalattii[] kana seenaa; ishee irraas iddoo feetanii [nyaata] bal’aa nyaadhaaBalbalichas sujuudaa seenaa"[Kadhaan keenyas badiin] nurraa harca'uudha" jedhaa, badii keessan isiniif araaramnaWarra toltuu hojjataniif [mindaa] dabaluuf jirra" jennes [yaadadhaa].

﴿فَبَدَّلَ الَّذِينَ ظَلَمُوا قَوْلًا غَيْرَ الَّذِي قِيلَ لَهُمْ فَأَنْزَلْنَا عَلَى الَّذِينَ ظَلَمُوا رِجْزًا مِنَ السَّمَاءِ بِمَا كَانُوا يَفْسُقُونَ﴾

|Warri miidhaa hojjatan [jecha isaaniin jedhame] jecha isa isaaniin hin jedhaminitti jijjiiranWaan isaan fincilaa turaniif jecha warra miidhaa hojjatan irratti adabbii samii irraa ta'e buufne.

﴿۞ وَإِذِ اسْتَسْقَىٰ مُوسَىٰ لِقَوْمِهِ فَقُلْنَا اضْرِبْ بِعَصَاكَ الْحَجَرَ ۖ فَانْفَجَرَتْ مِنْهُ اثْنَتَا عَشْرَةَ عَيْنًا ۖ قَدْ عَلِمَ كُلُّ أُنَاسٍ مَشْرَبَهُمْ ۖ كُلُوا وَاشْرَبُوا مِنْ رِزْقِ اللَّهِ وَلَا تَعْثَوْا فِي الْأَرْضِ مُفْسِدِينَ﴾

Yeroo Muusaan ummata isaatiif dhugaatii (bishaan) barbaadee achumaan Nutis "ulee keetiin dhagicha rukuti" jennaan burqituun kudha lama isa irraa maddite [yaadadhaa]Namoonni hundi iddoo irraa dhugan beekanii jiru"Soorata Rabbii irraa nyaadhaa, dhugaa; Dachii keessas badii hin babal’isinaa" [jenneen].

﴿وَإِذْ قُلْتُمْ يَا مُوسَىٰ لَنْ نَصْبِرَ عَلَىٰ طَعَامٍ وَاحِدٍ فَادْعُ لَنَا رَبَّكَ يُخْرِجْ لَنَا مِمَّا تُنْبِتُ الْأَرْضُ مِنْ بَقْلِهَا وَقِثَّائِهَا وَفُومِهَا وَعَدَسِهَا وَبَصَلِهَا ۖ قَالَ أَتَسْتَبْدِلُونَ الَّذِي هُوَ أَدْنَىٰ بِالَّذِي هُوَ خَيْرٌ ۚ اهْبِطُوا مِصْرًا فَإِنَّ لَكُمْ مَا سَأَلْتُمْ ۗ وَضُرِبَتْ عَلَيْهِمُ الذِّلَّةُ وَالْمَسْكَنَةُ وَبَاءُوا بِغَضَبٍ مِنَ اللَّهِ ۗ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَانُوا يَكْفُرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ وَيَقْتُلُونَ النَّبِيِّينَ بِغَيْرِ الْحَقِّ ۗ ذَٰلِكَ بِمَا عَصَوْا وَكَانُوا يَعْتَدُونَ﴾

Yeroo "Yaa Muusaa! nuti nyaata tokko irratti hin obsinuu, akka waan dachiin biqilchitu irraa, kudraa ishee irraa, dabaaqula ishee irraas, qamadii ishee irraas, misira ishee irraas, shunkurtii ishee irraas nuuf baasu Gooftaa kee nuuf kadhu" jettanis [yaadadhaa](Muusaanis) ni jedhe: "Sila isin isa gadi aanaa ta’etti isa caalaa ta’e jijjiirrattuu? Gara magaalaa gadi bu’aa; wanti gaafattan isiniif jira." Salphinaafi hiyyummaan isaan irratti haguugamtee, dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’anKun waan isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaraa, nabiyyootas haqaan ala ajjeesaa turaniifiKun waan isaan fincilaa, daangaas dabraa turaniif

﴿إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَالَّذِينَ هَادُوا وَالنَّصَارَىٰ وَالصَّابِئِينَ مَنْ آمَنَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ وَعَمِلَ صَالِحًا فَلَهُمْ أَجْرُهُمْ عِنْدَ رَبِّهِمْ وَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ﴾

Dhugumatti warri amanan, isaan yahuudoman, kiristaanonniifi saabi’oonni,[] [isaan irraa] namni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee toltuus hojjate, isaaniif mindaan Gooftaa isaanii biratti qophaa’ee jiraSodaanis isaan irra hin jiru; Isaanis hin gaddanu.

﴿وَإِذْ أَخَذْنَا مِيثَاقَكُمْ وَرَفَعْنَا فَوْقَكُمُ الطُّورَ خُذُوا مَا آتَيْنَاكُمْ بِقُوَّةٍ وَاذْكُرُوا مَا فِيهِ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ﴾

[Yaa ilmaan Israa’iil!] Yeroo Nuti waadaa keessan qabanneefi [gaara] Xuuris isin gubbaatti ol kaafnee "waan Nuti isiniif kennine cimsaa qabadhaaAkka Rabbiin sodaattaniif waan isa keessa jirus yaadadhaa’ isiniin jenne [yaadadhaa]."[]

﴿ثُمَّ تَوَلَّيْتُمْ مِنْ بَعْدِ ذَٰلِكَ ۖ فَلَوْلَا فَضْلُ اللَّهِ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَتُهُ لَكُنْتُمْ مِنَ الْخَاسِرِينَ﴾

Ergasii sana booda gara galtanOdoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa isin warra hoongaye irraa taatu.

﴿وَلَقَدْ عَلِمْتُمُ الَّذِينَ اعْتَدَوْا مِنْكُمْ فِي السَّبْتِ فَقُلْنَا لَهُمْ كُونُوا قِرَدَةً خَاسِئِينَ﴾

Dhugumatti isin warra isin irraa [dhimma] Sanbataa keessatti[] daangaa dabranii, "isin jaldeeyyii salphattoota ta’aa" isaaniin jenne beektanii jirtu.

﴿فَجَعَلْنَاهَا نَكَالًا لِمَا بَيْنَ يَدَيْهَا وَمَا خَلْفَهَا وَمَوْعِظَةً لِلْمُتَّقِينَ﴾

Kanaafuu Nuti ishee (adabbii sana) warra isaaniin duraatiifi isaaniin boodaatiif jiilchaa, warra Rabbiin sodaataniif immoo gorsa taasifne.

﴿وَإِذْ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوْمِهِ إِنَّ اللَّهَ يَأْمُرُكُمْ أَنْ تَذْبَحُوا بَقَرَةً ۖ قَالُوا أَتَتَّخِذُنَا هُزُوًا ۖ قَالَ أَعُوذُ بِاللَّهِ أَنْ أَكُونَ مِنَ الْجَاهِلِينَ﴾

Yeroo Muusaan ummata isaatiin "dhugumatti, Rabbiin sa’a qaluutti isin ajaja" jedhe [yaadadhaa][Ummanni isaas] "sila ati qishnaa nu godhattaa?" jedhan[Muusaanis] "ani warra wallaaloo [namatti qoosan] ta’uu irraa Rabbittin maganfadha" jedhe

﴿قَالُوا ادْعُ لَنَا رَبَّكَ يُبَيِّنْ لَنَا مَا هِيَ ۚ قَالَ إِنَّهُ يَقُولُ إِنَّهَا بَقَرَةٌ لَا فَارِضٌ وَلَا بِكْرٌ عَوَانٌ بَيْنَ ذَٰلِكَ ۖ فَافْعَلُوا مَا تُؤْمَرُونَ﴾

[Ummanni isaas] "isheen maal akka taate ifa nuuf haa godhuu Gooftaa kee nuuf gaafadhu" jedhaniin[Muusaanis] ni jedhe: "dhugumatti, Inni (Rabbiin) ‘isheen sa’a hin dulloomin, kan jabbiis hin ta’in giddu gala taate’ jedhaWaanuma ajajamtan dalagaa."

﴿قَالُوا ادْعُ لَنَا رَبَّكَ يُبَيِّنْ لَنَا مَا لَوْنُهَا ۚ قَالَ إِنَّهُ يَقُولُ إِنَّهَا بَقَرَةٌ صَفْرَاءُ فَاقِعٌ لَوْنُهَا تَسُرُّ النَّاظِرِينَ﴾

[Ummanni isaas] "bifa ishee ifa nuuf haa godhuu Gooftaa kee nuuf gaafadhu" jedhan[Muusaanis] "dhugumatti, Inni (Rabbiin) ‘isheen sa’a daalattii, bifti ishee akkaan daalattii daaw’attoota gammachiiftuudha' jedha" jedheen.

﴿قَالُوا ادْعُ لَنَا رَبَّكَ يُبَيِّنْ لَنَا مَا هِيَ إِنَّ الْبَقَرَ تَشَابَهَ عَلَيْنَا وَإِنَّا إِنْ شَاءَ اللَّهُ لَمُهْتَدُونَ﴾

[Ummanni isaas] “Dhugumatti, sa’oonni nurratti wal fakkaataniiru; maalummaa ishee ifa nuuf haa godhuu Gooftaa kee nuuf gaafadhuNuti yoo Rabbiin fedhe qajeeluuf jirra" jedhan.

﴿قَالَ إِنَّهُ يَقُولُ إِنَّهَا بَقَرَةٌ لَا ذَلُولٌ تُثِيرُ الْأَرْضَ وَلَا تَسْقِي الْحَرْثَ مُسَلَّمَةٌ لَا شِيَةَ فِيهَا ۚ قَالُوا الْآنَ جِئْتَ بِالْحَقِّ ۚ فَذَبَحُوهَا وَمَا كَادُوا يَفْعَلُونَ﴾

[Muusaanis] ni jedhe: "Inni (Rabbiin) ‘dhugumatti isheen sa’a dachii qotuufi oorruu (bishaan) obaasuu irratti hin leenjifamin, kan [hirdhuu qaamaa irraa] nagaa taateefi bifti makaan ishee keessa hin jirreedha’ jedha." [Ummanni isaas] "amma dhugaa fiddee jirta" jedhanKan hojjachuuttis hin dhihaanne ta’anii ishee qalan.

﴿وَإِذْ قَتَلْتُمْ نَفْسًا فَادَّارَأْتُمْ فِيهَا ۖ وَاللَّهُ مُخْرِجٌ مَا كُنْتُمْ تَكْتُمُونَ﴾

Yeroo lubbuu ajjeeftanii [waa’ee] ishee keessatti wal falmitan [yaadadhaa]Rabbiin waan isin dhoksaa turtan ifa baasaadha.

﴿فَقُلْنَا اضْرِبُوهُ بِبَعْضِهَا ۚ كَذَٰلِكَ يُحْيِي اللَّهُ الْمَوْتَىٰ وَيُرِيكُمْ آيَاتِهِ لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ﴾

"Garii [qaama] isheetiin isa (reeffa isaa) rukutaa" jenneAkka isin xiinxaltaniif jecha akka kanatti Rabbiin du’aa jiraachisee mallattoolee Isaas isinitti agarsiisa.

﴿ثُمَّ قَسَتْ قُلُوبُكُمْ مِنْ بَعْدِ ذَٰلِكَ فَهِيَ كَالْحِجَارَةِ أَوْ أَشَدُّ قَسْوَةً ۚ وَإِنَّ مِنَ الْحِجَارَةِ لَمَا يَتَفَجَّرُ مِنْهُ الْأَنْهَارُ ۚ وَإِنَّ مِنْهَا لَمَا يَشَّقَّقُ فَيَخْرُجُ مِنْهُ الْمَاءُ ۚ وَإِنَّ مِنْهَا لَمَا يَهْبِطُ مِنْ خَشْيَةِ اللَّهِ ۗ وَمَا اللَّهُ بِغَافِلٍ عَمَّا تَعْمَلُونَ﴾

Ergasii booda onneen keessan ni gogdeIsheen [gogiinsa keessatti] akkuma dhagaati; yookiin goginaan ni caaltiDhugumatti dhagoota irraa kan laggeen isarraa maddantu jiruIsaan(dhagoota) irraa kan dhodhooyee bishaan isa irraa ba’us ni jiraAmmas isaan irraa kan sodaa Rabbii irraa ka'ee gadi kufutu jiraRabbiin waan isin dalagdan irraa dagataa miti.

﴿۞ أَفَتَطْمَعُونَ أَنْ يُؤْمِنُوا لَكُمْ وَقَدْ كَانَ فَرِيقٌ مِنْهُمْ يَسْمَعُونَ كَلَامَ اللَّهِ ثُمَّ يُحَرِّفُونَهُ مِنْ بَعْدِ مَا عَقَلُوهُ وَهُمْ يَعْلَمُونَ﴾

Sila! odoo gareen isaan (Yahuudaa) irraa ta’e haasa’a Rabbii kan dhaga’an ta’anii, eega hubatanii booda odoo beekanuu jijjiiran jiranuu, nuuf amanu jechuu kajeeltuu?

﴿وَإِذَا لَقُوا الَّذِينَ آمَنُوا قَالُوا آمَنَّا وَإِذَا خَلَا بَعْضُهُمْ إِلَىٰ بَعْضٍ قَالُوا أَتُحَدِّثُونَهُمْ بِمَا فَتَحَ اللَّهُ عَلَيْكُمْ لِيُحَاجُّوكُمْ بِهِ عِنْدَ رَبِّكُمْ ۚ أَفَلَا تَعْقِلُونَ﴾

Yeroo warra amanan qunnaman "nuti amannee jirra" jedhanYeroo gariin isaanii garii waliin kophaa ba'an, "sila akka Rabbii keessan biratti ittiin isin falmanuuf waan Rabbiin isin beeksise isaanitti odeessituu! Sila hin xiinxaltanuu!" jedhu.

﴿أَوَلَا يَعْلَمُونَ أَنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ مَا يُسِرُّونَ وَمَا يُعْلِنُونَ﴾

Sila isaan akka Rabbiin waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhan beeku hin beekanuu?

﴿وَمِنْهُمْ أُمِّيُّونَ لَا يَعْلَمُونَ الْكِتَابَ إِلَّا أَمَانِيَّ وَإِنْ هُمْ إِلَّا يَظُنُّونَ﴾

Isaan irraas wallaaltota hawwii sobaa malee kitaaba hin beeknetu jiraIsaan kan shakkan malee homaa miti.

﴿فَوَيْلٌ لِلَّذِينَ يَكْتُبُونَ الْكِتَابَ بِأَيْدِيهِمْ ثُمَّ يَقُولُونَ هَٰذَا مِنْ عِنْدِ اللَّهِ لِيَشْتَرُوا بِهِ ثَمَنًا قَلِيلًا ۖ فَوَيْلٌ لَهُمْ مِمَّا كَتَبَتْ أَيْدِيهِمْ وَوَيْلٌ لَهُمْ مِمَّا يَكْسِبُونَ﴾

Warra kitaaba harka isaaniitiin katabanii, ergasii isaan gatii muraasa bitachuuf jecha "kun Rabbiin biraa bu’e" jedhaniif badiin mirkanaa'e! Waan harki isaanii barreessiteef jecha badiin isaaniif haa ta’u! Ammas waan isaan carraaqqataniif jecha badiin isaaniif haa ta’u.

﴿وَقَالُوا لَنْ تَمَسَّنَا النَّارُ إِلَّا أَيَّامًا مَعْدُودَةً ۚ قُلْ أَتَّخَذْتُمْ عِنْدَ اللَّهِ عَهْدًا فَلَنْ يُخْلِفَ اللَّهُ عَهْدَهُ ۖ أَمْ تَقُولُونَ عَلَى اللَّهِ مَا لَا تَعْلَمُونَ﴾

"Ibiddi guyyaa lakkaa’amtuu malee nu hin tuqxu" jedhan"Sila isin Rabbiin bira waadaa kaayattanii? [Yoo akkas ta’eef] Rabbiin waadaa isaa hin diigu; [miti] dhugaatti, waan hin beekne Rabbi irratti dubbattu" jedhi.

﴿بَلَىٰ مَنْ كَسَبَ سَيِّئَةً وَأَحَاطَتْ بِهِ خَطِيئَتُهُ فَأُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

[Dubbiin akka isin jettan] miti! Namni hamtuu hojjatee hamtuun isaa isa marsite, isaan warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha.

﴿وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ أُولَٰئِكَ أَصْحَابُ الْجَنَّةِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

Warri amananii, gaggaarii hojjatan immoo isaan warra jannataa kan ishee keessatti hafanuudha.

﴿وَإِذْ أَخَذْنَا مِيثَاقَ بَنِي إِسْرَائِيلَ لَا تَعْبُدُونَ إِلَّا اللَّهَ وَبِالْوَالِدَيْنِ إِحْسَانًا وَذِي الْقُرْبَىٰ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينِ وَقُولُوا لِلنَّاسِ حُسْنًا وَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَآتُوا الزَّكَاةَ ثُمَّ تَوَلَّيْتُمْ إِلَّا قَلِيلًا مِنْكُمْ وَأَنْتُمْ مُعْرِضُونَ﴾

Ammas yeroo Nuti Ilmaan Israa’iil irraa "Rabbiin malee [waan biraa] hin gabbarinaa; abbaafi haadhaaf, firootaafis, yatiimotaafis, hiyyeeyyiifis tola oolaa; namootattis toltuu haasa’aa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa" (jechuun) waadaa qabanne [yaadadhaa]Ergasii nama muraasa isin irraa ta’e malee, duuba deebi’aa taatanii irraa gara galtani.

﴿وَإِذْ أَخَذْنَا مِيثَاقَكُمْ لَا تَسْفِكُونَ دِمَاءَكُمْ وَلَا تُخْرِجُونَ أَنْفُسَكُمْ مِنْ دِيَارِكُمْ ثُمَّ أَقْرَرْتُمْ وَأَنْتُمْ تَشْهَدُونَ﴾

Yeroo Nuti "dhiiga keessan hin dhangalaasinaa; namoota keessanis manneen isaanii irraa hin baasinaa" (jechuun) waadaa keessan qabannee ergasii isin ragaa taatanii mirkaneessitan [yaadadhaa].

﴿ثُمَّ أَنْتُمْ هَٰؤُلَاءِ تَقْتُلُونَ أَنْفُسَكُمْ وَتُخْرِجُونَ فَرِيقًا مِنْكُمْ مِنْ دِيَارِهِمْ تَظَاهَرُونَ عَلَيْهِمْ بِالْإِثْمِ وَالْعُدْوَانِ وَإِنْ يَأْتُوكُمْ أُسَارَىٰ تُفَادُوهُمْ وَهُوَ مُحَرَّمٌ عَلَيْكُمْ إِخْرَاجُهُمْ ۚ أَفَتُؤْمِنُونَ بِبَعْضِ الْكِتَابِ وَتَكْفُرُونَ بِبَعْضٍ ۚ فَمَا جَزَاءُ مَنْ يَفْعَلُ ذَٰلِكَ مِنْكُمْ إِلَّا خِزْيٌ فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا ۖ وَيَوْمَ الْقِيَامَةِ يُرَدُّونَ إِلَىٰ أَشَدِّ الْعَذَابِ ۗ وَمَا اللَّهُ بِغَافِلٍ عَمَّا تَعْمَلُونَ﴾

Ergasii isinuma kanneentu lubbuu walii ajjeesaOdoo isaan baasuun dhorgaa isin irratti ta’ee jiruu garee isin irraa ta’e manneen isaanii irraa baaftu; isaan irrattis badiifi diinummaan wal gargaartuYoo isaan booji’amtoota ta’anii isinitti dhufanii immoo isaan bilisoomsituSila garii kitaabaatti amantanii gariitti kafartuu? Mindaan nama isin irraa kana hojjatuu jireenya addunyaa kanaa keessatti salphina malee hin jiruGuyyaa Qiyaamaas gara adabbii cimaa deebifamuRabbiin waan isin dalagdan kan dagatus hin taane.

﴿أُولَٰئِكَ الَّذِينَ اشْتَرَوُا الْحَيَاةَ الدُّنْيَا بِالْآخِرَةِ ۖ فَلَا يُخَفَّفُ عَنْهُمُ الْعَذَابُ وَلَا هُمْ يُنْصَرُونَ﴾

Isaan warra jireenya addunyaatiin Aakhiraa jijjiirrataniidhaKanaafuu adabbiin isaan irraa hin salphifamuIsaan hin gargaaramanus.

﴿وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْكِتَابَ وَقَفَّيْنَا مِنْ بَعْدِهِ بِالرُّسُلِ ۖ وَآتَيْنَا عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ الْبَيِّنَاتِ وَأَيَّدْنَاهُ بِرُوحِ الْقُدُسِ ۗ أَفَكُلَّمَا جَاءَكُمْ رَسُولٌ بِمَا لَا تَهْوَىٰ أَنْفُسُكُمُ اسْتَكْبَرْتُمْ فَفَرِيقًا كَذَّبْتُمْ وَفَرِيقًا تَقْتُلُونَ﴾

Dhugumatti Nuti Muusaaf kitaaba kenniineerraIsa boodas ergamtoota walitti aansuun hordofsiifnee jirraIisaa ilma Maryamiifis mallattoolee ifa ta’an kenninee jirra"Ruuhul Qudsiin" (Jibriiliinis) isa jabeessinee jirraSila dhawaata ergamaan waan lubbuun keessan hin feeneen isinitti dhufuun boontaniiti garii kijibsiiftanii garii ajjeeftuu?

﴿وَقَالُوا قُلُوبُنَا غُلْفٌ ۚ بَلْ لَعَنَهُمُ اللَّهُ بِكُفْرِهِمْ فَقَلِيلًا مَا يُؤْمِنُونَ﴾

[Isaanis] "Onneen keenya cufamaadha" jedhanDhugumatti sababa kufrii isaanii Rabbiin waan isaan abaareef xiqqoo malee hin amananu.

﴿وَلَمَّا جَاءَهُمْ كِتَابٌ مِنْ عِنْدِ اللَّهِ مُصَدِّقٌ لِمَا مَعَهُمْ وَكَانُوا مِنْ قَبْلُ يَسْتَفْتِحُونَ عَلَى الَّذِينَ كَفَرُوا فَلَمَّا جَاءَهُمْ مَا عَرَفُوا كَفَرُوا بِهِ ۚ فَلَعْنَةُ اللَّهِ عَلَى الْكَافِرِينَ﴾

Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’e kan waan isaanii wajjin jiru (Tawraatifi injiilin) dhugoomsu isaanitti dhufu, kan san dura akka warra kafaran irratti injifannoo argataniif [dhufaatii Nabi Muhammadiin SAW Rabbiin] kadhachaa turanii yeroo wanti isaan beekan isaanitti dhufu isatti kafaranKanaafuu abaarsi Rabbii kaafiroota irra haa jiraatu.

﴿بِئْسَمَا اشْتَرَوْا بِهِ أَنْفُسَهُمْ أَنْ يَكْفُرُوا بِمَا أَنْزَلَ اللَّهُ بَغْيًا أَنْ يُنَزِّلَ اللَّهُ مِنْ فَضْلِهِ عَلَىٰ مَنْ يَشَاءُ مِنْ عِبَادِهِ ۖ فَبَاءُوا بِغَضَبٍ عَلَىٰ غَضَبٍ ۚ وَلِلْكَافِرِينَ عَذَابٌ مُهِينٌ﴾

Isaan Rabbiin tola Isaa irraa gabroota Isaa gidduu nama fedhe irratti buusuu waanyuun (jibbuun) waan Rabbiin buusetti kafaruun, wanti isaan lubbuu isaanii ittiin jijjiirratan waa fokkateKanaafuu dallansuu irratti dallansuudhaan deebi’anKaafirootaaf adabbii xiqqeessaatu jira.

﴿وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ آمِنُوا بِمَا أَنْزَلَ اللَّهُ قَالُوا نُؤْمِنُ بِمَا أُنْزِلَ عَلَيْنَا وَيَكْفُرُونَ بِمَا وَرَاءَهُ وَهُوَ الْحَقُّ مُصَدِّقًا لِمَا مَعَهُمْ ۗ قُلْ فَلِمَ تَقْتُلُونَ أَنْبِيَاءَ اللَّهِ مِنْ قَبْلُ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ﴾

Yeroo waan Rabbiin buusetti amanaa isaaniin jedhame "nuti waan nurratti buufametti amanna" jedhuWaan isaan ala jiru odoo inni dhugaa dhugoomsaa waan (kitaaba) isaanii wajjin jiruu ta’ee jiruu itti kafaran(Yaa Muhammad! SAW) jedhi: "Sila yoo dhugaan mu’uminoota taataniif maaliif sana dura nabiyyoota Rabbii ajjeeftu?"

﴿۞ وَلَقَدْ جَاءَكُمْ مُوسَىٰ بِالْبَيِّنَاتِ ثُمَّ اتَّخَذْتُمُ الْعِجْلَ مِنْ بَعْدِهِ وَأَنْتُمْ ظَالِمُونَ﴾

Dhugumatti Muusaanis ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jiraErgasii isin lubbuu keessan miidhoo taatanii isa booda (bakka inni hin jirretti) mirgoo [gabbaramaa] godhattan.

﴿وَإِذْ أَخَذْنَا مِيثَاقَكُمْ وَرَفَعْنَا فَوْقَكُمُ الطُّورَ خُذُوا مَا آتَيْنَاكُمْ بِقُوَّةٍ وَاسْمَعُوا ۖ قَالُوا سَمِعْنَا وَعَصَيْنَا وَأُشْرِبُوا فِي قُلُوبِهِمُ الْعِجْلَ بِكُفْرِهِمْ ۚ قُلْ بِئْسَمَا يَأْمُرُكُمْ بِهِ إِيمَانُكُمْ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ﴾

Yeroo Nuti waadaa keessan qabannee Gaara Xuurii gubbaa keessan irratti ol fuunee "Waan Nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa[Jecha keenyas] dhaga'aa" jenne [yaadadhaa]Ni jedhan: "Dhageenyee faallessineerra." Onnee isaanii keessa sababaa kufrii isaanitiin [jaalala] mirgoo [gabbaruu] obaafamanii jiru"Yoo mu’uminoota taataniif wanti iimaanni keessan itti isin ajaju waa fokkate" jedhi!

﴿قُلْ إِنْ كَانَتْ لَكُمُ الدَّارُ الْآخِرَةُ عِنْدَ اللَّهِ خَالِصَةً مِنْ دُونِ النَّاسِ فَتَمَنَّوُا الْمَوْتَ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ﴾

Jedhi: "Yoo manni Aakhiraa Rabbiin biratti isin qofaaf namoota biraatiin ala kophatti ta’e, yoo dhugaa kan dubbattan taataniif mee du’a hawwaa."

﴿وَلَنْ يَتَمَنَّوْهُ أَبَدًا بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِالظَّالِمِينَ﴾

Sababa waan harki isaanii dabarfatteef jecha gonkumaa isa hin hawwanuRabbiin warra miidhaa dalaganu akkaan beekaadha.

﴿وَلَتَجِدَنَّهُمْ أَحْرَصَ النَّاسِ عَلَىٰ حَيَاةٍ وَمِنَ الَّذِينَ أَشْرَكُوا ۚ يَوَدُّ أَحَدُهُمْ لَوْ يُعَمَّرُ أَلْفَ سَنَةٍ وَمَا هُوَ بِمُزَحْزِحِهِ مِنَ الْعَذَابِ أَنْ يُعَمَّرَ ۗ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِمَا يَعْمَلُونَ﴾

Nama hunda irra jireenyaaf bololaa (saassataa) ta’uu isaanii argitaMushrikoota irrallee [jireenyaaf bololu]Tokkoon isaanii haala jiraachifamuun isaa kan isa hin fayyanne ta’ee jiruun, odoo waggaa kuma jiraachifamee jaalataRabbiin waan isaan dalagan akkaan argaadha.

﴿قُلْ مَنْ كَانَ عَدُوًّا لِجِبْرِيلَ فَإِنَّهُ نَزَّلَهُ عَلَىٰ قَلْبِكَ بِإِذْنِ اللَّهِ مُصَدِّقًا لِمَا بَيْنَ يَدَيْهِ وَهُدًى وَبُشْرَىٰ لِلْمُؤْمِنِينَ﴾

"Namni sababa Jibriil isa (Qur’aana) dhugoomsaa waan isa duraatiifi mu’uminootaaf qajeelfamaafi gammachuu ta’e fedha Rabbiitiin onnee kee irratti waan buuseef Jibriiliif diina ta’e, [dallansuu isaatiin haa du’u]” jedhi.

﴿مَنْ كَانَ عَدُوًّا لِلَّهِ وَمَلَائِكَتِهِ وَرُسُلِهِ وَجِبْرِيلَ وَمِيكَالَ فَإِنَّ اللَّهَ عَدُوٌّ لِلْكَافِرِينَ﴾

Namni Rabbiif, malaa’ikootaaf, ergamtootaaf, Jibriiliifi Miikaa’iiliif diina ta’e [kaafira]Dhugumatti Rabbiin kaafirootaaf diina.

﴿وَلَقَدْ أَنْزَلْنَا إِلَيْكَ آيَاتٍ بَيِّنَاتٍ ۖ وَمَا يَكْفُرُ بِهَا إِلَّا الْفَاسِقُونَ﴾

Nuti dhugumatti keeyyattoota ifa ta’an gara keetti buufnee jirraIsaanitti kan kafaru finciltoota malee hin jiru.

﴿أَوَكُلَّمَا عَاهَدُوا عَهْدًا نَبَذَهُ فَرِيقٌ مِنْهُمْ ۚ بَلْ أَكْثَرُهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ﴾

Sila isaan dhawaata waadaa wahii seenaniin, gareen isaan irraa ta’e isa gataa (waadaa diigaa)? Dhugaatti irra hedduun isaanii hin amanan.

﴿وَلَمَّا جَاءَهُمْ رَسُولٌ مِنْ عِنْدِ اللَّهِ مُصَدِّقٌ لِمَا مَعَهُمْ نَبَذَ فَرِيقٌ مِنَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ كِتَابَ اللَّهِ وَرَاءَ ظُهُورِهِمْ كَأَنَّهُمْ لَا يَعْلَمُونَ﴾

| Yeroo ergamaan Rabbiin biraa dhugoomsaa waan isaan biraa ta’ee isaanitti dhufes, gareen warra kitaabni kennameef irraa ta’e akka waan hin beekiniitti kitaaba Rabbii dugda duuba isaaniitti of irraa darbu.

﴿وَاتَّبَعُوا مَا تَتْلُو الشَّيَاطِينُ عَلَىٰ مُلْكِ سُلَيْمَانَ ۖ وَمَا كَفَرَ سُلَيْمَانُ وَلَٰكِنَّ الشَّيَاطِينَ كَفَرُوا يُعَلِّمُونَ النَّاسَ السِّحْرَ وَمَا أُنْزِلَ عَلَى الْمَلَكَيْنِ بِبَابِلَ هَارُوتَ وَمَارُوتَ ۚ وَمَا يُعَلِّمَانِ مِنْ أَحَدٍ حَتَّىٰ يَقُولَا إِنَّمَا نَحْنُ فِتْنَةٌ فَلَا تَكْفُرْ ۖ فَيَتَعَلَّمُونَ مِنْهُمَا مَا يُفَرِّقُونَ بِهِ بَيْنَ الْمَرْءِ وَزَوْجِهِ ۚ وَمَا هُمْ بِضَارِّينَ بِهِ مِنْ أَحَدٍ إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ وَيَتَعَلَّمُونَ مَا يَضُرُّهُمْ وَلَا يَنْفَعُهُمْ ۚ وَلَقَدْ عَلِمُوا لَمَنِ اشْتَرَاهُ مَا لَهُ فِي الْآخِرَةِ مِنْ خَلَاقٍ ۚ وَلَبِئْسَ مَا شَرَوْا بِهِ أَنْفُسَهُمْ ۚ لَوْ كَانُوا يَعْلَمُونَ﴾

| Waan shayxaanonni bara mootummaa Sulaymaan keessa qara’aa turan hordofanSulaymaanis hin kafarreGaruu shayxaanonni sihriifi waan malaa’ikoota lamaan Haaruutiifi Maaruut irratti Baabil keessatti buufame nama kan barsiisan ta'anii kafaranIsaan (malaa’ikoonni) lamaan nama tokkos odoo "Nuti mokkoroof dhufnee hin kafarinaa" hin jedhin (sihrii) hin barsiisanu(Namoonnis malaa’ikoota) lamaan irraa waan ittiin dhirsaafi niitii addaan baasan baratuIsaanis nama tokko hayyama Rabbiitin ala kan miidhan hin taaneWaan isaan miidhuu malee isaan hin fayyadne baratanDhugumatti, isaan (yahuudonni) akka warri isa (sihrii) jijjiirrate Aakhiratti qooda hin qabaanne sirritti beekaniiruOdoo kan beekan ta’anii, wanti isaan lubbuu isaanii itti gurguran waa fokkate!

﴿وَلَوْ أَنَّهُمْ آمَنُوا وَاتَّقَوْا لَمَثُوبَةٌ مِنْ عِنْدِ اللَّهِ خَيْرٌ ۖ لَوْ كَانُوا يَعْلَمُونَ﴾

Odoo isaan amananii Rabbiin sodaatanii, silaa mindaan isaan Rabbiin biraa argatan akkaan caalaa ture; odoo kan beekan ta’anii (silaa kan biraa hin filatanu).

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَقُولُوا رَاعِنَا وَقُولُوا انْظُرْنَا وَاسْمَعُوا ۗ وَلِلْكَافِرِينَ عَذَابٌ أَلِيمٌ﴾

Yaa warra amantan! (Ergamaa Rabbiitiin) "Raa’inaa" hin jedhinaatii "Unzurnaa" jedhaa; dhageeffadhaasKaafirootaaf adabbii laalessaa ta’etu jira

﴿مَا يَوَدُّ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ وَلَا الْمُشْرِكِينَ أَنْ يُنَزَّلَ عَلَيْكُمْ مِنْ خَيْرٍ مِنْ رَبِّكُمْ ۗ وَاللَّهُ يَخْتَصُّ بِرَحْمَتِهِ مَنْ يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ﴾

Abbootii kitaabaas ta’ee mushrikoota irraa warri kafaran Gooftaa keessan irraa toltuun isin irratti buufamuu hin jaalatanuRabbiin rahmata Isaatiin nama fedhe filataRabbiinis abbaa tola guddaati.

﴿۞ مَا نَنْسَخْ مِنْ آيَةٍ أَوْ نُنْسِهَا نَأْتِ بِخَيْرٍ مِنْهَا أَوْ مِثْلِهَا ۗ أَلَمْ تَعْلَمْ أَنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

Wanta keeyyata irraa jijjiirre yookiin si irraanfachiifne caaltuu ishee yookiin fakkaattuu ishee finnaSila ati Rabbiin waa hunda irratti danda’aa ta’uu hin beektuu?

﴿أَلَمْ تَعْلَمْ أَنَّ اللَّهَ لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۗ وَمَا لَكُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ مِنْ وَلِيٍّ وَلَا نَصِيرٍ﴾

Sila ati mootummaan samiifi dachii kan Rabbii ta’uu hin beektuu? Isiniifis Rabbiin ala jaalalleefi gargaaraan hin jiru.

﴿أَمْ تُرِيدُونَ أَنْ تَسْأَلُوا رَسُولَكُمْ كَمَا سُئِلَ مُوسَىٰ مِنْ قَبْلُ ۗ وَمَنْ يَتَبَدَّلِ الْكُفْرَ بِالْإِيمَانِ فَقَدْ ضَلَّ سَوَاءَ السَّبِيلِ﴾

Dhugaatti isin akka Muusaan kana dura gaafatame ergamaa keessan gaafachuu feetuNamni kufrii iimaanaan jijjiirrate, dhugumatti karaa sirrii irraa jallateera.

﴿وَدَّ كَثِيرٌ مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ لَوْ يَرُدُّونَكُمْ مِنْ بَعْدِ إِيمَانِكُمْ كُفَّارًا حَسَدًا مِنْ عِنْدِ أَنْفُسِهِمْ مِنْ بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ الْحَقُّ ۖ فَاعْفُوا وَاصْفَحُوا حَتَّىٰ يَأْتِيَ اللَّهُ بِأَمْرِهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

Hedduun warra kitaabaa irraa ta’an erga dhugaan ifa isaanii galee booda, waanyoo lubbuu isaanii irraa kan ka'e erga amantanii booda kaafiroota taatanii isin deebisuu jaallatuHanga Rabbiin ajaja Isaa fidutti dhiifama godhaa; irras dabraaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

﴿وَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَآتُوا الزَّكَاةَ ۚ وَمَا تُقَدِّمُوا لِأَنْفُسِكُمْ مِنْ خَيْرٍ تَجِدُوهُ عِنْدَ اللَّهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ﴾

Salaata gadi dhaabaa; zakaas kennaaToltuu irraa waan lubbuu keessaniif dabarfattan (kamillee) Rabbiin biratti isa argattuDhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan akkaan argaadha.

﴿وَقَالُوا لَنْ يَدْخُلَ الْجَنَّةَ إِلَّا مَنْ كَانَ هُودًا أَوْ نَصَارَىٰ ۗ تِلْكَ أَمَانِيُّهُمْ ۗ قُلْ هَاتُوا بُرْهَانَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ﴾

"Nama yahuudaa yookiin kiristaana ta’e malee jannata hin seenu” jedhanKun hawwii isaaniiti“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa" jedhi.

﴿بَلَىٰ مَنْ أَسْلَمَ وَجْهَهُ لِلَّهِ وَهُوَ مُحْسِنٌ فَلَهُ أَجْرُهُ عِنْدَ رَبِّهِ وَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ﴾

(Dubbiin akka isin jettanii) miti; namni gaarii dalagaa fuula isaa Rabbiif kenne mindaan isaa Rabbii isaa bira isaaf jira; sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.

﴿وَقَالَتِ الْيَهُودُ لَيْسَتِ النَّصَارَىٰ عَلَىٰ شَيْءٍ وَقَالَتِ النَّصَارَىٰ لَيْسَتِ الْيَهُودُ عَلَىٰ شَيْءٍ وَهُمْ يَتْلُونَ الْكِتَابَ ۗ كَذَٰلِكَ قَالَ الَّذِينَ لَا يَعْلَمُونَ مِثْلَ قَوْلِهِمْ ۚ فَاللَّهُ يَحْكُمُ بَيْنَهُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ فِيمَا كَانُوا فِيهِ يَخْتَلِفُونَ﴾

Oduma kitaaba qara’anuu yahuudonni “kiristaanonni homaa irra (amantii sirrii ta’e hordofaa) hin jiranu” jedhu; Kiristaanonnis “yahuudonni homaa irra hin jiranu” jedhuAkkuma san warri hin beekne fakkaataa jecha isaanii dubbatanRabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan irratti murteessa.

﴿وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنْ مَنَعَ مَسَاجِدَ اللَّهِ أَنْ يُذْكَرَ فِيهَا اسْمُهُ وَسَعَىٰ فِي خَرَابِهَا ۚ أُولَٰئِكَ مَا كَانَ لَهُمْ أَنْ يَدْخُلُوهَا إِلَّا خَائِفِينَ ۚ لَهُمْ فِي الدُّنْيَا خِزْيٌ وَلَهُمْ فِي الْآخِرَةِ عَذَابٌ عَظِيمٌ﴾

Nama masjiidota Rabbii akka isaan keessatti maqaan Rabbii hin faarfamne dhorgeefi onsuu isaaniitiif carraaqe caalaa namni miidhaa hojjate hin jiruWarri sun haala sodaan guutamaniin malee isaan (masjiidota Rabbii) seenuun isaaniif hin ta’uIsaaniif addunyaa keessatti salphinatu jiraAmmas isaaniif Aakhiratti adabbii guddaa ta’etu jira.

﴿وَلِلَّهِ الْمَشْرِقُ وَالْمَغْرِبُ ۚ فَأَيْنَمَا تُوَلُّوا فَثَمَّ وَجْهُ اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ وَاسِعٌ عَلِيمٌ﴾

Bahaafi Dhiitis kanuma RabbiitiKanaafuu gara feetan yoo gara galtan, Fuulli Rabbii achuma jiraDhugumatti, Rabbiin (rahmanni Isaa) bal’aadha; hunda beekaadha.

﴿وَقَالُوا اتَّخَذَ اللَّهُ وَلَدًا ۗ سُبْحَانَهُ ۖ بَلْ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ كُلٌّ لَهُ قَانِتُونَ﴾

"Raabbiin ilma godhate" jedhanInni qulqullina isaaf (malu ququllaa'e)Dhugaatti wanti samiifi dachii keessa jiru (hundi) kan IsaatiHunduu isaaf ajajamoodha.

﴿بَدِيعُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ وَإِذَا قَضَىٰ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُ كُنْ فَيَكُونُ﴾

(Inni) argamsiisaa samiifi dachiitiYeroo dhimma wahii murteesses, wanti Inni isaan jedhu argamii qofa; yeroma san argama.

﴿وَقَالَ الَّذِينَ لَا يَعْلَمُونَ لَوْلَا يُكَلِّمُنَا اللَّهُ أَوْ تَأْتِينَا آيَةٌ ۗ كَذَٰلِكَ قَالَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ مِثْلَ قَوْلِهِمْ ۘ تَشَابَهَتْ قُلُوبُهُمْ ۗ قَدْ بَيَّنَّا الْآيَاتِ لِقَوْمٍ يُوقِنُونَ﴾

Warri (homaa) hin beekne: "maaliif Rabbiin nuun hin dubbanne yookiin maaliif mallattoon wahii nuuf hin dhufne? jedhu; akkasuma warri isaaniin duraa fakkaataa jecha isaanii dubbatanOnneen isaanii wal fakkaatteDhugumatti, Nuti namoota (amantii Rabbii) mirkaneeffataniif mallattoolee (keenya) ifa taasifnee jirra

﴿إِنَّا أَرْسَلْنَاكَ بِالْحَقِّ بَشِيرًا وَنَذِيرًا ۖ وَلَا تُسْأَلُ عَنْ أَصْحَابِ الْجَحِيمِ﴾

Nuti dhugaan gammachiisaafi akeekkachiisaa taasifnee si ergineAti warra ibiddaa irraa hin gaafatamtu.

﴿وَلَنْ تَرْضَىٰ عَنْكَ الْيَهُودُ وَلَا النَّصَارَىٰ حَتَّىٰ تَتَّبِعَ مِلَّتَهُمْ ۗ قُلْ إِنَّ هُدَى اللَّهِ هُوَ الْهُدَىٰ ۗ وَلَئِنِ اتَّبَعْتَ أَهْوَاءَهُمْ بَعْدَ الَّذِي جَاءَكَ مِنَ الْعِلْمِ ۙ مَا لَكَ مِنَ اللَّهِ مِنْ وَلِيٍّ وَلَا نَصِيرٍ﴾

Yahuudotas ta’anii kiristaanonni hanga ati amantii isaanii hordoftutti sirraa hin jaalatanu(Yaa Muhammad! SAW) "Dhugumatti qajeelfamni Rabbii isuma qofatu qajeelfama (sirriidha)" jedhiErga beekumsa irraa sitti dhufee yoo fedha lubbuu isaanii hordofte, Rabbi irraa jaalallees ta’ee tumsaan siif hin jiru.

﴿الَّذِينَ آتَيْنَاهُمُ الْكِتَابَ يَتْلُونَهُ حَقَّ تِلَاوَتِهِ أُولَٰئِكَ يُؤْمِنُونَ بِهِ ۗ وَمَنْ يَكْفُرْ بِهِ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ﴾

Isaannan Nuti kitaaba (Tawraatiin yookiin Qur’aana) isaaniif kennine qaraatii (hordoffii) malu isa qara’uIsaan isatti amanuNamni isatti kafares, isaan warra hoonga’oodha.

﴿يَا بَنِي إِسْرَائِيلَ اذْكُرُوا نِعْمَتِيَ الَّتِي أَنْعَمْتُ عَلَيْكُمْ وَأَنِّي فَضَّلْتُكُمْ عَلَى الْعَالَمِينَ﴾

Yaa ilmaan Israa’iil! Ni’imaa kiyya kan Ani isin irratti oole san yaadadhaa; Ani Aalama hunda irra isin caalchisuu kiyyaas [yaadadhaa].

﴿وَاتَّقُوا يَوْمًا لَا تَجْزِي نَفْسٌ عَنْ نَفْسٍ شَيْئًا وَلَا يُقْبَلُ مِنْهَا عَدْلٌ وَلَا تَنْفَعُهَا شَفَاعَةٌ وَلَا هُمْ يُنْصَرُونَ﴾

Guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraa hin fayyanne, kan gumaanis ishee irraa hin fuudhamne, araarri homaatuu ishee hin fayyanneefi isaanis tumsa hin arganne sodaadhaa.

﴿۞ وَإِذِ ابْتَلَىٰ إِبْرَاهِيمَ رَبُّهُ بِكَلِمَاتٍ فَأَتَمَّهُنَّ ۖ قَالَ إِنِّي جَاعِلُكَ لِلنَّاسِ إِمَامًا ۖ قَالَ وَمِنْ ذُرِّيَّتِي ۖ قَالَ لَا يَنَالُ عَهْدِي الظَّالِمِينَ﴾

Yeroo Ibraahiimiin Gooftaan isaa jechootaan isa mokkoree (Ibraahiimis) isa guute [yaadadhaa](Rabbiinis) "Dhugu-matti, Ani namootaaf imaama (dursaan) si taasisa" jedhe(Ibraahiim) ni jedhe:"Sanyii kiyya irraas (taasisi)." (Rabbiinis) ni jedhe: "Waadaan (nabiyyummaan) kiyya warra miidhaa hojjatan hin argatu."

﴿وَإِذْ جَعَلْنَا الْبَيْتَ مَثَابَةً لِلنَّاسِ وَأَمْنًا وَاتَّخِذُوا مِنْ مَقَامِ إِبْرَاهِيمَ مُصَلًّى ۖ وَعَهِدْنَا إِلَىٰ إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ أَنْ طَهِّرَا بَيْتِيَ لِلطَّائِفِينَ وَالْعَاكِفِينَ وَالرُّكَّعِ السُّجُودِ﴾

Yeroo Manicha (Ka’abaa) namootaaf iddoo deddeebiifi iddoo nagaa taasifnes [yaadadhaa]Maqaama Ibraahiim irraas iddoo salaataa taasifadhaa(Nutis) Ibraahiimiifi Ismaa’iiliin mana Kiyya warra isa irra naanna’aniif, warra keessa taa’aniifi warra (isa keessatti) rukuu’aafi sujuuda godhaniif qulqulleessuu isaan ajajnee jirra.

﴿وَإِذْ قَالَ إِبْرَاهِيمُ رَبِّ اجْعَلْ هَٰذَا بَلَدًا آمِنًا وَارْزُقْ أَهْلَهُ مِنَ الثَّمَرَاتِ مَنْ آمَنَ مِنْهُمْ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ ۖ قَالَ وَمَنْ كَفَرَ فَأُمَتِّعُهُ قَلِيلًا ثُمَّ أَضْطَرُّهُ إِلَىٰ عَذَابِ النَّارِ ۖ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ﴾

Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Magaalaa kana (Makkaan) iddoo tasgabbii taasisiWarra (jiraattota) isaas, namoota isaan irraa Rabbiifi guyyaa Aakhiraatti amaneef fuduraalee irraa soorata isaaniif kenni" jedhe [yaadadhaa](Rabbiinis) "Nama kafares (niin nyaachisa); Ani xiqqoon isa qanansiisee ergasii gara adabbii ibiddaattin isa geessaIddoo deebii kan akkaan fokkateedha!" jedhe.

﴿وَإِذْ يَرْفَعُ إِبْرَاهِيمُ الْقَوَاعِدَ مِنَ الْبَيْتِ وَإِسْمَاعِيلُ رَبَّنَا تَقَبَّلْ مِنَّا ۖ إِنَّكَ أَنْتَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ﴾

Yeroo Ibraahiimiifi Ismaa’iil "Yaa Rabbi Ati dhagahaa beekaa dhaa! nurraa qeebali" jedhaa; bu’uura manaa (Ka’abaa) ol fuudhan (ummataaf himi).

﴿رَبَّنَا وَاجْعَلْنَا مُسْلِمَيْنِ لَكَ وَمِنْ ذُرِّيَّتِنَا أُمَّةً مُسْلِمَةً لَكَ وَأَرِنَا مَنَاسِكَنَا وَتُبْ عَلَيْنَا ۖ إِنَّكَ أَنْتَ التَّوَّابُ الرَّحِيمُ﴾

"Gooftaa keenya! Nu lamaanuu Siif ajajamtoota nu taasisi; sanyii keenya irraas ummata Siif ajajamtoota (taasisi)‘Manaasika’ keenyas (sirnoota hajjiifi umraah irratti raawwachuu qabnus) nutti agarsiisiTawbaa keenyas nurraa qeebaliDhugumatti, Ati Situ akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.

﴿رَبَّنَا وَابْعَثْ فِيهِمْ رَسُولًا مِنْهُمْ يَتْلُو عَلَيْهِمْ آيَاتِكَ وَيُعَلِّمُهُمُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَيُزَكِّيهِمْ ۚ إِنَّكَ أَنْتَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ﴾

Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e kan keeyyattoota kee isaan irratti qara’u, kan kitaabaafi ogummaa isaan barsiisee isaanis qulqulleessu isaan keessatti ergiDhugumatti, Ati Situ akkaan injifataa, ogeessa."

﴿وَمَنْ يَرْغَبُ عَنْ مِلَّةِ إِبْرَاهِيمَ إِلَّا مَنْ سَفِهَ نَفْسَهُ ۚ وَلَقَدِ اصْطَفَيْنَاهُ فِي الدُّنْيَا ۖ وَإِنَّهُ فِي الْآخِرَةِ لَمِنَ الصَّالِحِينَ﴾

Sila nama lubbuu isaa gowwoomse malee namni amantii Ibraahiim irraa gara galu ni jiraa? addunyaa keessattis isa filannee jirra; dhugumatti, inni Aakhiraa keessattis warra gaggaarii irraayyi.

﴿إِذْ قَالَ لَهُ رَبُّهُ أَسْلِمْ ۖ قَالَ أَسْلَمْتُ لِرَبِّ الْعَالَمِينَ﴾

Yeroo Gooftaan isaa "(Rabbiin jala) butami" isaan jennaan, [Inni] "Gooftaa aalamaa jala butameera" jedhe [yaadadhu].

﴿وَوَصَّىٰ بِهَا إِبْرَاهِيمُ بَنِيهِ وَيَعْقُوبُ يَا بَنِيَّ إِنَّ اللَّهَ اصْطَفَىٰ لَكُمُ الدِّينَ فَلَا تَمُوتُنَّ إِلَّا وَأَنْتُمْ مُسْلِمُونَ﴾

Ibraahiim ilmaan isaatiif ishee (Islaamummaa) dhaamee ture; Ya’aquubiis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Dhugumatti, Rabbiin amantii isiniif filee jiraa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa" (jedhe).

﴿أَمْ كُنْتُمْ شُهَدَاءَ إِذْ حَضَرَ يَعْقُوبَ الْمَوْتُ إِذْ قَالَ لِبَنِيهِ مَا تَعْبُدُونَ مِنْ بَعْدِي قَالُوا نَعْبُدُ إِلَٰهَكَ وَإِلَٰهَ آبَائِكَ إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ إِلَٰهًا وَاحِدًا وَنَحْنُ لَهُ مُسْلِمُونَ﴾

Sila yeroo Ya’aquubitti duuti dhufnaan ilmaan isaatiin "ana booda maal gabbartu?" jedhu isin bira jirtumoo? Isaanis ni jedhan: "Nuti Gooftaa kee, Gooftaa abboota kee Ibraahiim, Ismaa’iiliifi Isihaaq gabbaramaa tokkicha kan ta’e gabbarraNuti Isaaf ajajamtoota (Muslimoota)."

﴿تِلْكَ أُمَّةٌ قَدْ خَلَتْ ۖ لَهَا مَا كَسَبَتْ وَلَكُمْ مَا كَسَبْتُمْ ۖ وَلَا تُسْأَلُونَ عَمَّا كَانُوا يَعْمَلُونَ﴾

Dhugumatti isheen sun ummata dabarteIsheedhaaf mindaa waan oomishteetu jira; Isiniifis mindaa waan oomishtaniitu jiraIsinis waan isaan hojjataa turan irraa hin gaafatamtanu.

﴿وَقَالُوا كُونُوا هُودًا أَوْ نَصَارَىٰ تَهْتَدُوا ۗ قُلْ بَلْ مِلَّةَ إِبْرَاهِيمَ حَنِيفًا ۖ وَمَا كَانَ مِنَ الْمُشْرِكِينَ﴾

"Ni qajeeltuu Yahuudaa yookiin Kiristaanota ta’aa" jedhan"Dhugaatti karaa Ibraahiim isa qajeelaa ta’e (hordofna); Innis mushrikoota irraa hin taane" jedhi.

﴿قُولُوا آمَنَّا بِاللَّهِ وَمَا أُنْزِلَ إِلَيْنَا وَمَا أُنْزِلَ إِلَىٰ إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ وَالْأَسْبَاطِ وَمَا أُوتِيَ مُوسَىٰ وَعِيسَىٰ وَمَا أُوتِيَ النَّبِيُّونَ مِنْ رَبِّهِمْ لَا نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِنْهُمْ وَنَحْنُ لَهُ مُسْلِمُونَ﴾

(Mu’uminoonni) jedhaa: “Nuti Rabbitti amannee jirra; waan gara keenyatti buufamettis; waan gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubii[]fi Asbaaxitti buufametti (amannee jirra)Waan Muusaafi Iisaan kennamanittisWaan nabiyyootaaf Gooftaa isaanii irraa kennamettis (amannee jirra)Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin baafnuNutis warra Isaaf butameedha.”

﴿فَإِنْ آمَنُوا بِمِثْلِ مَا آمَنْتُمْ بِهِ فَقَدِ اهْتَدَوْا ۖ وَإِنْ تَوَلَّوْا فَإِنَّمَا هُمْ فِي شِقَاقٍ ۖ فَسَيَكْفِيكَهُمُ اللَّهُ ۚ وَهُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ﴾

Yoo fakkaataa waan isin itti amantaniititti amananiif dhugumatti qajeelaniiruYoo isa irraa gara galan immoo isaan wal faallessuu qofa keessa jiruRabbiinis isaan siif ga’a (sirraa dhorga)Innis akkaan dhagayaa, akkaan beekaadha.

﴿صِبْغَةَ اللَّهِ ۖ وَمَنْ أَحْسَنُ مِنَ اللَّهِ صِبْغَةً ۖ وَنَحْنُ لَهُ عَابِدُونَ﴾

Halluu Rabbii isa uumamaa (amantii Isaa) (qabadhaa)Namni Rabbirra halluu dibuu tolchu eenyu? Nuti isuma gabbarra

﴿قُلْ أَتُحَاجُّونَنَا فِي اللَّهِ وَهُوَ رَبُّنَا وَرَبُّكُمْ وَلَنَا أَعْمَالُنَا وَلَكُمْ أَعْمَالُكُمْ وَنَحْنُ لَهُ مُخْلِصُونَ﴾

(Yaa Muhammad! Yahuudotaafi Kiristaanotaan) jedhi: “odoo Inni Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessan ta’ee jiruu, nuufis dalagaan keenya, isiniifis dalagaan keessan jiruu, waa’ee Rabbii keessatti nuun falmituu? Nuti (amantii) Isaaf qulqulleessoodha.

﴿أَمْ تَقُولُونَ إِنَّ إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ وَالْأَسْبَاطَ كَانُوا هُودًا أَوْ نَصَارَىٰ ۗ قُلْ أَأَنْتُمْ أَعْلَمُ أَمِ اللَّهُ ۗ وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنْ كَتَمَ شَهَادَةً عِنْدَهُ مِنَ اللَّهِ ۗ وَمَا اللَّهُ بِغَافِلٍ عَمَّا تَعْمَلُونَ﴾

Sila Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubiifi Asbaax yahuudota yookiin kiristaanota turan jettuu? Sila isintu irra beekamoo Rabbi?” jedhiinSila nama ragaa Rabbirraa bu’e kan isa bira jiru dhokse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Rabbiinis waan isin dalagdan dagataa miti."

﴿تِلْكَ أُمَّةٌ قَدْ خَلَتْ ۖ لَهَا مَا كَسَبَتْ وَلَكُمْ مَا كَسَبْتُمْ ۖ وَلَا تُسْأَلُونَ عَمَّا كَانُوا يَعْمَلُونَ﴾

Dhugumatti isheen sun ummata dabarteIsheefis mindaa waan oomishteetu jira; Isiniifis mindaa waan oomishtaniitu jiraIsinis waan isaan hojjataa turan irraa hin gaafatamtanu

﴿۞ سَيَقُولُ السُّفَهَاءُ مِنَ النَّاسِ مَا وَلَّاهُمْ عَنْ قِبْلَتِهِمُ الَّتِي كَانُوا عَلَيْهَا ۚ قُلْ لِلَّهِ الْمَشْرِقُ وَالْمَغْرِبُ ۚ يَهْدِي مَنْ يَشَاءُ إِلَىٰ صِرَاطٍ مُسْتَقِيمٍ﴾

Namoota irraa warri gowwaan "Sila qiblaa irra turan (Beytal-Maqdis)irraa maaltu isaan garagalche?" jedhu"Kallattiin Bahaafi Dhihaas kanuma RabbiitiInni nama fedhe gara karaa sirrii qajeelcha" jedhi.

﴿وَكَذَٰلِكَ جَعَلْنَاكُمْ أُمَّةً وَسَطًا لِتَكُونُوا شُهَدَاءَ عَلَى النَّاسِ وَيَكُونَ الرَّسُولُ عَلَيْكُمْ شَهِيدًا ۗ وَمَا جَعَلْنَا الْقِبْلَةَ الَّتِي كُنْتَ عَلَيْهَا إِلَّا لِنَعْلَمَ مَنْ يَتَّبِعُ الرَّسُولَ مِمَّنْ يَنْقَلِبُ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ ۚ وَإِنْ كَانَتْ لَكَبِيرَةً إِلَّا عَلَى الَّذِينَ هَدَى اللَّهُ ۗ وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُضِيعَ إِيمَانَكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ بِالنَّاسِ لَرَءُوفٌ رَحِيمٌ﴾

Akkasuma (akkuma isin qajeelchinetti) namoota irratti ragaa akka taatanuufi ergamichis ragaa isin irratti ta’uuf jecha filatamtuu ummataa isin taasifneNuti qiblaa ati irra turtes nama ergamaa hordofuufi nama (amantii irraa) duubatti deebi’u eenyu akka ta’e beekuuf malee hin taasifneDhugumatti sun warra Rabbiin qajeelche irratti malee ulfaattuu turteRabbiin iimaana (salaata) keessan (kan gara Beytal-Maqdis gara galtanii sagadaa turtan) kan balleessu hin taaneDhugumatti, Rabbiin namootaaf mararfataa, rahmata godhaadha.

﴿قَدْ نَرَىٰ تَقَلُّبَ وَجْهِكَ فِي السَّمَاءِ ۖ فَلَنُوَلِّيَنَّكَ قِبْلَةً تَرْضَاهَا ۚ فَوَلِّ وَجْهَكَ شَطْرَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ ۚ وَحَيْثُ مَا كُنْتُمْ فَوَلُّوا وُجُوهَكُمْ شَطْرَهُ ۗ وَإِنَّ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ لَيَعْلَمُونَ أَنَّهُ الْحَقُّ مِنْ رَبِّهِمْ ۗ وَمَا اللَّهُ بِغَافِلٍ عَمَّا يَعْمَلُونَ﴾

Dhugumatti, gara samii deddeebi’uu fuula keetii arginee jirraGara qiblaa ati jaallattuu si deebisuuf jirra(Ammuma) fuula kee gara Masjidal-Haraam (Ka’abaatti) gara galchiEessallee yoo taatan fuula keessan gara isaa gara galchaaDhugumatti, warri kitaabni kennameef akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta'e ni beekuRabbiinis waan isaan hojjatan irraa dagataa miti.

﴿وَلَئِنْ أَتَيْتَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ بِكُلِّ آيَةٍ مَا تَبِعُوا قِبْلَتَكَ ۚ وَمَا أَنْتَ بِتَابِعٍ قِبْلَتَهُمْ ۚ وَمَا بَعْضُهُمْ بِتَابِعٍ قِبْلَةَ بَعْضٍ ۚ وَلَئِنِ اتَّبَعْتَ أَهْوَاءَهُمْ مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَكَ مِنَ الْعِلْمِ ۙ إِنَّكَ إِذًا لَمِنَ الظَّالِمِينَ﴾

|Odoo warra kitaabni isaaniif kennametti mallattoo hundaan itti dhufteeyyuu qiblaa kee hin hordofanuAtis qiblaa isaanii kan hordoftu hin taaneGariin isaaniis qiblaa garii isaanii kan hordofanu hin taaneDhugumatti, erga beekumsa irraa waa sitti dhufee booda odoo fedha lubbuu isaanii hordoftee, ati yoos warra akkaan miidhaa hojjatanu irraa taata turte.

﴿الَّذِينَ آتَيْنَاهُمُ الْكِتَابَ يَعْرِفُونَهُ كَمَا يَعْرِفُونَ أَبْنَاءَهُمْ ۖ وَإِنَّ فَرِيقًا مِنْهُمْ لَيَكْتُمُونَ الْحَقَّ وَهُمْ يَعْلَمُونَ﴾

Warri Nuti kitaaba isaaniif kennine akkuma ilmaan ofii beekanitti isa (Ergamicha) beekuDhugumatti gareen isaan irraa ta’e odoo beekanuu dhugaa dhoksu.

﴿الْحَقُّ مِنْ رَبِّكَ ۖ فَلَا تَكُونَنَّ مِنَ الْمُمْتَرِينَ﴾

Dhugaan Gooftaa kee irraayiKanaafuu warra shakkan irraa hin ta’in.

﴿وَلِكُلٍّ وِجْهَةٌ هُوَ مُوَلِّيهَا ۖ فَاسْتَبِقُوا الْخَيْرَاتِ ۚ أَيْنَ مَا تَكُونُوا يَأْتِ بِكُمُ اللَّهُ جَمِيعًا ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

Hawaasa hundaafuu kallattii isaan itti gara galantu jiraToltuu irratti wal dorgomaaEessallee yoo taatan Rabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) hunda keessanuu ni fidaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

﴿وَمِنْ حَيْثُ خَرَجْتَ فَوَلِّ وَجْهَكَ شَطْرَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ ۖ وَإِنَّهُ لَلْحَقُّ مِنْ رَبِّكَ ۗ وَمَا اللَّهُ بِغَافِلٍ عَمَّا تَعْمَلُونَ﴾

Iddoma (imalaaf) baate kamirraayyuu fuula kee gara Masjidal Haraam gara galchiDhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eRabbiinis waan isin dalagdan dagataa hin taane.

﴿وَمِنْ حَيْثُ خَرَجْتَ فَوَلِّ وَجْهَكَ شَطْرَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ ۚ وَحَيْثُ مَا كُنْتُمْ فَوَلُّوا وُجُوهَكُمْ شَطْرَهُ لِئَلَّا يَكُونَ لِلنَّاسِ عَلَيْكُمْ حُجَّةٌ إِلَّا الَّذِينَ ظَلَمُوا مِنْهُمْ فَلَا تَخْشَوْهُمْ وَاخْشَوْنِي وَلِأُتِمَّ نِعْمَتِي عَلَيْكُمْ وَلَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ﴾

Iddoma (imalaaf) baate kamirraayyuu fuula kee gara Masjiidal Haraam gara galchiEessallee yoo taatan akka namootaaf ragaan isin irratti hin jiraanneef, akka Anis qananii kiyya guutee isiniif kennuufi isinis (gara haqaa) qajeeltaniif jecha fuula keessan gara isaa gara galchaaGaruu isaan irraa warra miidhaa hojjatan hin sodaatinaatii Anuma qofa sodaadhaa.

﴿كَمَا أَرْسَلْنَا فِيكُمْ رَسُولًا مِنْكُمْ يَتْلُو عَلَيْكُمْ آيَاتِنَا وَيُزَكِّيكُمْ وَيُعَلِّمُكُمُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَيُعَلِّمُكُمْ مَا لَمْ تَكُونُوا تَعْلَمُونَ﴾

Akkuma ergamaa isin irraa ta’e kan keeyyattoota keenya isin irratti qara’u, isin qulqulleessu, kitaabaafi hikmaa (hadiisa) isin barsiisuufi waan isin hin beeknes isin barsiisu isin keessatti ergine (isin qanansiifne).

﴿فَاذْكُرُونِي أَذْكُرْكُمْ وَاشْكُرُوا لِي وَلَا تَكْفُرُونِ﴾

Ana yaadadhaa; Anis isiniin yaadadhaaGalatas naaf galchaa; Nattis hin kafarinaa.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اسْتَعِينُوا بِالصَّبْرِ وَالصَّلَاةِ ۚ إِنَّ اللَّهَ مَعَ الصَّابِرِينَ﴾

Yaa warra amantan! Obsaafi salaataan gargaarsa barbaadaaDhugumatti, Rabbiin warra obsan waliin jira.

﴿وَلَا تَقُولُوا لِمَنْ يُقْتَلُ فِي سَبِيلِ اللَّهِ أَمْوَاتٌ ۚ بَلْ أَحْيَاءٌ وَلَٰكِنْ لَا تَشْعُرُونَ﴾

Nama karaa Rabbii keessatti ajjeefamuun du’aadha hin jedhinaaDhugumatti isaan fayyaadha, garuu isin hin beektanu.

﴿وَلَنَبْلُوَنَّكُمْ بِشَيْءٍ مِنَ الْخَوْفِ وَالْجُوعِ وَنَقْصٍ مِنَ الْأَمْوَالِ وَالْأَنْفُسِ وَالثَّمَرَاتِ ۗ وَبَشِّرِ الصَّابِرِينَ﴾

Isaan warra yeroo balaan isaan tuqe "dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaattis deebi’oodha" jedhaniidha.

﴿الَّذِينَ إِذَا أَصَابَتْهُمْ مُصِيبَةٌ قَالُوا إِنَّا لِلَّهِ وَإِنَّا إِلَيْهِ رَاجِعُونَ﴾

Isaan warra faaruufi tolli Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudhaWarri sun isaanumatu qajeelfamoodha.

﴿أُولَٰئِكَ عَلَيْهِمْ صَلَوَاتٌ مِنْ رَبِّهِمْ وَرَحْمَةٌ ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُهْتَدُونَ﴾

Isaan warra faaruufi tolli Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudhaWarri sun isaanumatu qajeelfamoodha.

﴿۞ إِنَّ الصَّفَا وَالْمَرْوَةَ مِنْ شَعَائِرِ اللَّهِ ۖ فَمَنْ حَجَّ الْبَيْتَ أَوِ اعْتَمَرَ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْهِ أَنْ يَطَّوَّفَ بِهِمَا ۚ وَمَنْ تَطَوَّعَ خَيْرًا فَإِنَّ اللَّهَ شَاكِرٌ عَلِيمٌ﴾

Dhugumatti, Safaafi Marwaan mallattoolee Rabbii irraayyiNamni Manichatti hajja’e yookiin umraa godhe isaan lamaan jidduu naanna’uun badiin isarra hin jiruNamni fedhii isaatiin toltuu hojjates (ni mindeeffama)Rabbiin galateeffataa beekaadha

﴿إِنَّ الَّذِينَ يَكْتُمُونَ مَا أَنْزَلْنَا مِنَ الْبَيِّنَاتِ وَالْهُدَىٰ مِنْ بَعْدِ مَا بَيَّنَّاهُ لِلنَّاسِ فِي الْكِتَابِ ۙ أُولَٰئِكَ يَلْعَنُهُمُ اللَّهُ وَيَلْعَنُهُمُ اللَّاعِنُونَ﴾

Dhugumatti, isaannan waan Nuti buufne kan ragaawwan ifa ta’aniifi qajeelfama irraa ta’e erga kitaabicha (keenya) keessatti namootaaf addeessinee booda dhoksan, warra san Rabbiin isaan abaara; warri abaaranus isaan abaaru.

﴿إِلَّا الَّذِينَ تَابُوا وَأَصْلَحُوا وَبَيَّنُوا فَأُولَٰئِكَ أَتُوبُ عَلَيْهِمْ ۚ وَأَنَا التَّوَّابُ الرَّحِيمُ﴾

Garuu warri tawbatanii, hojii gaarii hojjatanii, (dhugaa dhoksan san) ifatti mul’isan warra san tawbaa isaanii isaan irraa nan qeebalaAni akkaan tawba-qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.

﴿إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا وَمَاتُوا وَهُمْ كُفَّارٌ أُولَٰئِكَ عَلَيْهِمْ لَعْنَةُ اللَّهِ وَالْمَلَائِكَةِ وَالنَّاسِ أَجْمَعِينَ﴾

Dhugumatti, warri kafaranii kaafirtoota ta’anii du’an, sunniin abaarsi Rabbii, malaa’ikootaafi kan namoota hundaatuu isaan irra jiraata.

﴿خَالِدِينَ فِيهَا ۖ لَا يُخَفَّفُ عَنْهُمُ الْعَذَابُ وَلَا هُمْ يُنْظَرُونَ﴾

Isii keessa yeroo hunda jiraatuadabbiin isaan irraa hin salphifamuBaallamnis isaaniif hin kennamu.

﴿وَإِلَٰهُكُمْ إِلَٰهٌ وَاحِدٌ ۖ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الرَّحْمَٰنُ الرَّحِيمُ﴾

Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkichaIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru(Inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha.

﴿إِنَّ فِي خَلْقِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَاخْتِلَافِ اللَّيْلِ وَالنَّهَارِ وَالْفُلْكِ الَّتِي تَجْرِي فِي الْبَحْرِ بِمَا يَنْفَعُ النَّاسَ وَمَا أَنْزَلَ اللَّهُ مِنَ السَّمَاءِ مِنْ مَاءٍ فَأَحْيَا بِهِ الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا وَبَثَّ فِيهَا مِنْ كُلِّ دَابَّةٍ وَتَصْرِيفِ الرِّيَاحِ وَالسَّحَابِ الْمُسَخَّرِ بَيْنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ لَآيَاتٍ لِقَوْمٍ يَعْقِلُونَ﴾

Dhugumatti uumama samiifi dachii, wal irraa bakka bu’uu halkaniifi guyyaa, doonii waan namoota fayyaduun galaana keessa yaatu, bishaan irraa waan Rabbiin samii irraa buusee ittiin dachii erga isiin duutee booda jiraachiseefi lubbu-qabeeyyii hunda irraa isii keessa facaase, bubbisa qilleensaafi duumessa samiifi dachii giddutti (uumamootaaf) mijeeffamanii keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.

﴿وَمِنَ النَّاسِ مَنْ يَتَّخِذُ مِنْ دُونِ اللَّهِ أَنْدَادًا يُحِبُّونَهُمْ كَحُبِّ اللَّهِ ۖ وَالَّذِينَ آمَنُوا أَشَدُّ حُبًّا لِلَّهِ ۗ وَلَوْ يَرَى الَّذِينَ ظَلَمُوا إِذْ يَرَوْنَ الْعَذَابَ أَنَّ الْقُوَّةَ لِلَّهِ جَمِيعًا وَأَنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعَذَابِ﴾

Namoota irraas nama Rabbiin ala gabbaramoota (biraa) kan akka Rabbiin jaallatanutti isaan jaallatan godhatantu jiruIsaan amanan irra caalaa Rabbiin jaallatuWarri miidhaa hojjatanu yeroo adabbii argan akka humni hundi kan Rabbii ta’eefi Rabbiinis (abbaa) adabbii cimaa akka ta’e odoo arguu kan danda’an ta’anii (silaa gabbaramaa biraa hin godhatanu).

﴿إِذْ تَبَرَّأَ الَّذِينَ اتُّبِعُوا مِنَ الَّذِينَ اتَّبَعُوا وَرَأَوُا الْعَذَابَ وَتَقَطَّعَتْ بِهِمُ الْأَسْبَابُ﴾

Yeroo warri hordofaman warra hordofan irraa qulqullaayanii (akka isaan hin jallisin ibsanii)fi (yeroo) adabbii argan, hariiroon isaanii hundi yeroo isaan jalaa citu (odoo beekanii gabbaramaa biraa hin godhatanu ture).

﴿وَقَالَ الَّذِينَ اتَّبَعُوا لَوْ أَنَّ لَنَا كَرَّةً فَنَتَبَرَّأَ مِنْهُمْ كَمَا تَبَرَّءُوا مِنَّا ۗ كَذَٰلِكَ يُرِيهِمُ اللَّهُ أَعْمَالَهُمْ حَسَرَاتٍ عَلَيْهِمْ ۖ وَمَا هُمْ بِخَارِجِينَ مِنَ النَّارِ﴾

Isaan hordofanis ni jedhu: "odoo carraan (gara addunyaa) deebi’uu nuuf jiraatee, silaa akkuma isaan nurraa qulqullaayan nutis isaan irraa qulqulloofna turre." Akka kanatti Rabbiin hojiiwwan isaanii gaabbii (sheenaa) isaan irratti godhee isaanitti mul’isaIsaan ibidda irraas bahoo miti.

﴿يَا أَيُّهَا النَّاسُ كُلُوا مِمَّا فِي الْأَرْضِ حَلَالًا طَيِّبًا وَلَا تَتَّبِعُوا خُطُوَاتِ الشَّيْطَانِ ۚ إِنَّهُ لَكُمْ عَدُوٌّ مُبِينٌ﴾

Yaa namootaa! Waan dachii keessa jiru irraa halaala gaarii ta’e nyaadhaaTarkaanfiilee sheyxaanaas hin hordofinaaDhugumatti, inni isiniif diina ifa bahaadha.

﴿إِنَّمَا يَأْمُرُكُمْ بِالسُّوءِ وَالْفَحْشَاءِ وَأَنْ تَقُولُوا عَلَى اللَّهِ مَا لَا تَعْلَمُونَ﴾

Kan inni itti isin ajaju hamtuu, waan fokkataafi Rabbi irratti waan hin beekne dubbachuudha.

﴿وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ اتَّبِعُوا مَا أَنْزَلَ اللَّهُ قَالُوا بَلْ نَتَّبِعُ مَا أَلْفَيْنَا عَلَيْهِ آبَاءَنَا ۗ أَوَلَوْ كَانَ آبَاؤُهُمْ لَا يَعْقِلُونَ شَيْئًا وَلَا يَهْتَدُونَ﴾

Yeroo "waan Rabbiin buusetti amanaa" isaanin jedhames, "Lakkisaa; nuti waan abbootiin keenya hordofaa turan hordofna" jedhuSila odoo abbootiin isaanii kan homaa hin beekneefi karaa qajeelaa irra hin jirre ta’anilleemoo?

﴿وَمَثَلُ الَّذِينَ كَفَرُوا كَمَثَلِ الَّذِي يَنْعِقُ بِمَا لَا يَسْمَعُ إِلَّا دُعَاءً وَنِدَاءً ۚ صُمٌّ بُكْمٌ عُمْيٌ فَهُمْ لَا يَعْقِلُونَ﴾

Fakkeenyi warra kafaranii, akka fakkeenya isa waan waamichaafi iyyansa malee hin dhageenyetti lallabuuti(Isaan) duudaa, arraba qabamaafi jaamaadha; isaan hin xiinxalanu.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُلُوا مِنْ طَيِّبَاتِ مَا رَزَقْنَاكُمْ وَاشْكُرُوا لِلَّهِ إِنْ كُنْتُمْ إِيَّاهُ تَعْبُدُونَ﴾

Yaa warra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa; yoo kan Isa gabbartan taatan, Rabbiifis galata galchaa.

﴿إِنَّمَا حَرَّمَ عَلَيْكُمُ الْمَيْتَةَ وَالدَّمَ وَلَحْمَ الْخِنْزِيرِ وَمَا أُهِلَّ بِهِ لِغَيْرِ اللَّهِ ۖ فَمَنِ اضْطُرَّ غَيْرَ بَاغٍ وَلَا عَادٍ فَلَا إِثْمَ عَلَيْهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

Kan Inni isin irratti dhorgamaa taasise baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhame qofaNamni odoo halaalli mijaa’uu haraamatti darbuufi nyaata isaa keessatti daangaa darbuun maleetti rakkifame badiin isarra hin jiruDhugumatti, Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha.

﴿إِنَّ الَّذِينَ يَكْتُمُونَ مَا أَنْزَلَ اللَّهُ مِنَ الْكِتَابِ وَيَشْتَرُونَ بِهِ ثَمَنًا قَلِيلًا ۙ أُولَٰئِكَ مَا يَأْكُلُونَ فِي بُطُونِهِمْ إِلَّا النَّارَ وَلَا يُكَلِّمُهُمُ اللَّهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَلَا يُزَكِّيهِمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ﴾

Dhugumatti, isaan kitaaba irraa waan Rabbiin buuse dhoksanii gatii xiqqaa isaan bitatan, isaan sun garaa isaanii keessatti ibidda malee hin nyaatanuRabbiinis Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu; isaan hin qulqulleessus; isaaniifis adabbii laalessaa ta’etu jira.

﴿أُولَٰئِكَ الَّذِينَ اشْتَرَوُا الضَّلَالَةَ بِالْهُدَىٰ وَالْعَذَابَ بِالْمَغْفِرَةِ ۚ فَمَا أَصْبَرَهُمْ عَلَى النَّارِ﴾

Isaan warra qajeelumaan jal’ina, araaramaan immoo adabbii bitataniidhaSila maaltu ibidda irratti akkaan isaan obsisiise!

﴿ذَٰلِكَ بِأَنَّ اللَّهَ نَزَّلَ الْكِتَابَ بِالْحَقِّ ۗ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِي الْكِتَابِ لَفِي شِقَاقٍ بَعِيدٍ﴾

Sun sababa Rabbiin kitaaba dhugaan buufnaan, warri kitaaba keessatti wal dhaban wal diddaa fagoo keessa ta’aniifi.

﴿۞ لَيْسَ الْبِرَّ أَنْ تُوَلُّوا وُجُوهَكُمْ قِبَلَ الْمَشْرِقِ وَالْمَغْرِبِ وَلَٰكِنَّ الْبِرَّ مَنْ آمَنَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ وَالْمَلَائِكَةِ وَالْكِتَابِ وَالنَّبِيِّينَ وَآتَى الْمَالَ عَلَىٰ حُبِّهِ ذَوِي الْقُرْبَىٰ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينَ وَابْنَ السَّبِيلِ وَالسَّائِلِينَ وَفِي الرِّقَابِ وَأَقَامَ الصَّلَاةَ وَآتَى الزَّكَاةَ وَالْمُوفُونَ بِعَهْدِهِمْ إِذَا عَاهَدُوا ۖ وَالصَّابِرِينَ فِي الْبَأْسَاءِ وَالضَّرَّاءِ وَحِينَ الْبَأْسِ ۗ أُولَٰئِكَ الَّذِينَ صَدَقُوا ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُتَّقُونَ﴾

Dalagaan gaariin fuula keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti, Guyyaa Aakhiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti amanee, odoo jaallatuu qabeenya firaaf, yatiimaaf, hiyyeeyyiif, kara deemaaf, kadhattootaafi gabra bilisoomsuuf kennee, salaatas gadi dhaabee, zakaa kenneefi warra yeroo waadaa seenan waadaa isaanii guutanii, warra rakkina, dhukkuba hamaafi yeroo lolan obsaniidhaIsaan warra dhugaa qabataniIsaanis warra Rabbiin sodaataniidha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُتِبَ عَلَيْكُمُ الْقِصَاصُ فِي الْقَتْلَى ۖ الْحُرُّ بِالْحُرِّ وَالْعَبْدُ بِالْعَبْدِ وَالْأُنْثَىٰ بِالْأُنْثَىٰ ۚ فَمَنْ عُفِيَ لَهُ مِنْ أَخِيهِ شَيْءٌ فَاتِّبَاعٌ بِالْمَعْرُوفِ وَأَدَاءٌ إِلَيْهِ بِإِحْسَانٍ ۗ ذَٰلِكَ تَخْفِيفٌ مِنْ رَبِّكُمْ وَرَحْمَةٌ ۗ فَمَنِ اعْتَدَىٰ بَعْدَ ذَٰلِكَ فَلَهُ عَذَابٌ أَلِيمٌ﴾

Yaa warra amantan! Ajjeechaa keessatti "qisaasni" (seerri adabbii wal qixxeessuu) isin irratti barreeffameeraBilisni bilisaan, gabrichi gabrichaan, dubartiin dubartiidhaanNamni obboleessa isaa irraa wanti tokko isaaf dhiifame, toltuun hordofuufi kaffaltiin gumaa dhiigaas haala gaariin raawwatamuutu irra jiraKun laaffisuufi rahmata Gooftaa keessan irraa ta’eedhaNamni sana booda daangaa dabre, isaaf adabbii laalessaa ta’etu jira.

﴿وَلَكُمْ فِي الْقِصَاصِ حَيَاةٌ يَا أُولِي الْأَلْبَابِ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ﴾

Yaa warra sammuu qabdan! "Qisaasa" keessa lubbuu (du’a) irraa baraaruutu isiniif jiraAkka isin ajjeechaa irraa eeggattaniif (kana goone) .

﴿كُتِبَ عَلَيْكُمْ إِذَا حَضَرَ أَحَدَكُمُ الْمَوْتُ إِنْ تَرَكَ خَيْرًا الْوَصِيَّةُ لِلْوَالِدَيْنِ وَالْأَقْرَبِينَ بِالْمَعْرُوفِ ۖ حَقًّا عَلَى الْمُتَّقِينَ﴾

Yeroo duuti tokkoon keessanitti dhufe, yoo kan qabeenya of duubatti dhiise ta’e: abbaa, haadhaafi firootaaf haala gaariin dhaamuun isin irratti murteeffameera

﴿فَمَنْ بَدَّلَهُ بَعْدَمَا سَمِعَهُ فَإِنَّمَا إِثْمُهُ عَلَى الَّذِينَ يُبَدِّلُونَهُ ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

Namni erga isa (dhaamsa) dhagayee booda isa jijjiire, badiin isaa warra isa jijjiiran irratti ta’aDhugumatti, Rabbiin dhagayaa, beekaadha.

﴿فَمَنْ خَافَ مِنْ مُوصٍ جَنَفًا أَوْ إِثْمًا فَأَصْلَحَ بَيْنَهُمْ فَلَا إِثْمَ عَلَيْهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

Namni isa dhaamu san irraa jal’ina yookiin badii sodaatee gidduu isaaniitti nagaa buuse, badiin isa irra hin jiruDhugumatti, Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُتِبَ عَلَيْكُمُ الصِّيَامُ كَمَا كُتِبَ عَلَى الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ﴾

Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreeffameera.

﴿أَيَّامًا مَعْدُودَاتٍ ۚ فَمَنْ كَانَ مِنْكُمْ مَرِيضًا أَوْ عَلَىٰ سَفَرٍ فَعِدَّةٌ مِنْ أَيَّامٍ أُخَرَ ۚ وَعَلَى الَّذِينَ يُطِيقُونَهُ فِدْيَةٌ طَعَامُ مِسْكِينٍ ۖ فَمَنْ تَطَوَّعَ خَيْرًا فَهُوَ خَيْرٌ لَهُ ۚ وَأَنْ تَصُومُوا خَيْرٌ لَكُمْ ۖ إِنْ كُنْتُمْ تَعْلَمُونَ﴾

Guyyoota lakkaa’amtuu (qofatu murteeffame)Isin irraa namni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira)Warra isa (Soomuu) danda’an irratti kaffaltii (fidyaa) hiyyeessa nyaachisuutu jiraNamni fedha isaatiin toltuu dabalatee hojjate, sun isaaf caalaadhaYoo kan beektan taataniif soomuutu isiniif caala

﴿شَهْرُ رَمَضَانَ الَّذِي أُنْزِلَ فِيهِ الْقُرْآنُ هُدًى لِلنَّاسِ وَبَيِّنَاتٍ مِنَ الْهُدَىٰ وَالْفُرْقَانِ ۚ فَمَنْ شَهِدَ مِنْكُمُ الشَّهْرَ فَلْيَصُمْهُ ۖ وَمَنْ كَانَ مَرِيضًا أَوْ عَلَىٰ سَفَرٍ فَعِدَّةٌ مِنْ أَيَّامٍ أُخَرَ ۗ يُرِيدُ اللَّهُ بِكُمُ الْيُسْرَ وَلَا يُرِيدُ بِكُمُ الْعُسْرَ وَلِتُكْمِلُوا الْعِدَّةَ وَلِتُكَبِّرُوا اللَّهَ عَلَىٰ مَا هَدَاكُمْ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ﴾

Jiini Ramadaanaa isa Qur’aanni namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) ta’e keessa buufameedhaNamni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomuNamni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira)Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessuu hin fedhuAkka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka (Rabbiin) galateeffattaniif jecha (kana goone).

﴿وَإِذَا سَأَلَكَ عِبَادِي عَنِّي فَإِنِّي قَرِيبٌ ۖ أُجِيبُ دَعْوَةَ الدَّاعِ إِذَا دَعَانِ ۖ فَلْيَسْتَجِيبُوا لِي وَلْيُؤْمِنُوا بِي لَعَلَّهُمْ يَرْشُدُونَ﴾

Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatanis “dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha” (jedhiin)Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadhaAkka qajeelaniif jecha naaf haa owwaatanu; nattis haa amananu.

﴿أُحِلَّ لَكُمْ لَيْلَةَ الصِّيَامِ الرَّفَثُ إِلَىٰ نِسَائِكُمْ ۚ هُنَّ لِبَاسٌ لَكُمْ وَأَنْتُمْ لِبَاسٌ لَهُنَّ ۗ عَلِمَ اللَّهُ أَنَّكُمْ كُنْتُمْ تَخْتَانُونَ أَنْفُسَكُمْ فَتَابَ عَلَيْكُمْ وَعَفَا عَنْكُمْ ۖ فَالْآنَ بَاشِرُوهُنَّ وَابْتَغُوا مَا كَتَبَ اللَّهُ لَكُمْ ۚ وَكُلُوا وَاشْرَبُوا حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَكُمُ الْخَيْطُ الْأَبْيَضُ مِنَ الْخَيْطِ الْأَسْوَدِ مِنَ الْفَجْرِ ۖ ثُمَّ أَتِمُّوا الصِّيَامَ إِلَى اللَّيْلِ ۚ وَلَا تُبَاشِرُوهُنَّ وَأَنْتُمْ عَاكِفُونَ فِي الْمَسَاجِدِ ۗ تِلْكَ حُدُودُ اللَّهِ فَلَا تَقْرَبُوهَا ۗ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ اللَّهُ آيَاتِهِ لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَتَّقُونَ﴾

Halkan soomaa gara dubartoota (niitiwwan) keessanii dhaquun (qunnamtii saalaa gochuun) isiniif hayyamameeraIsaan isiniif uffata; isiniis isaaniif uffataRabbiin akka isin lubbuu keessan ganaa turtan beekee tawbaa keessan isin irraa qeebalee dhiifamas isiniif godheAmma isaan waliin qunnamtii saalaa godhaa; (ilmaan irraa) waan Rabbiin isiniif katabe barbaaddadhaaHanga barraaqa irraa jibriin adiin (bariisaa) jibrii gurraacha (dukkana halkanii) irraa adda fooyamutti nyaadhaatii dhugaaErgasii hanga halkaniitti sooma keessan guutaaOdoo masjiidoota keessa i’itikaafa taa’aa jirtanuu isaan waliin qunnamtii saalaa hin raawwatinaaSun daangaawwan Rabbiitii isheetti hin dhihaatinaaAkka Isa sodaataniif jecha akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa namootaaf ibsa.

﴿وَلَا تَأْكُلُوا أَمْوَالَكُمْ بَيْنَكُمْ بِالْبَاطِلِ وَتُدْلُوا بِهَا إِلَى الْحُكَّامِ لِتَأْكُلُوا فَرِيقًا مِنْ أَمْوَالِ النَّاسِ بِالْإِثْمِ وَأَنْتُمْ تَعْلَمُونَ﴾

Qabeenya keessanis gidduu keessanitti sobaan hin nyaatinaaQabeenya namootaa irraa garii isaa odoo beektan cubbuun nyaachuuf jecha abbootii seeraatiifis malaan-maltummaan hin dhihaatinaa.

﴿۞ يَسْأَلُونَكَ عَنِ الْأَهِلَّةِ ۖ قُلْ هِيَ مَوَاقِيتُ لِلنَّاسِ وَالْحَجِّ ۗ وَلَيْسَ الْبِرُّ بِأَنْ تَأْتُوا الْبُيُوتَ مِنْ ظُهُورِهَا وَلَٰكِنَّ الْبِرَّ مَنِ اتَّقَىٰ ۗ وَأْتُوا الْبُيُوتَ مِنْ أَبْوَابِهَا ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ﴾

(Yaa Muhammad!) Waa’ee baatii reefuu baatu irraa si gaafatu“Isheen namootaaf kan yeroo ibsituufi hajji (beeksiftuu)dha” jedhiDalagaan gaariin manneen boroo isaaniitiin seenuu keessanii mitiGaruu dalagaan gaariin (iimaana) nama Rabbiin sodaatuutiManneen balbaluma isheetiin seenaa; akka milkooftaniif jecha Rabbiinis sodaadhaa.

﴿وَقَاتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ الَّذِينَ يُقَاتِلُونَكُمْ وَلَا تَعْتَدُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ الْمُعْتَدِينَ﴾

Karaa Rabbii keessattis warra isiniin lolaniin lolaaDaangaas hin dabrinaaRabbiin warra daangaa dabran hin jaalatu.

﴿وَاقْتُلُوهُمْ حَيْثُ ثَقِفْتُمُوهُمْ وَأَخْرِجُوهُمْ مِنْ حَيْثُ أَخْرَجُوكُمْ ۚ وَالْفِتْنَةُ أَشَدُّ مِنَ الْقَتْلِ ۚ وَلَا تُقَاتِلُوهُمْ عِنْدَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ حَتَّىٰ يُقَاتِلُوكُمْ فِيهِ ۖ فَإِنْ قَاتَلُوكُمْ فَاقْتُلُوهُمْ ۗ كَذَٰلِكَ جَزَاءُ الْكَافِرِينَ﴾

Warra isiniin lolan) bakkuma isaan argitanitti isaan ajjeesaaIddoo isaan isin baasan irraas isaan baasaaShirkiitu ajjeechaa caalaa hamaadhaMasjidal-Haraam biratti, yoo isaan isa keessatti isin waraanan malee isin isaan hin waraaninaaYoo isaan isin waraanan, isinis isaan ajjeesaa; galanni kaafirootaa akkuma kana.

﴿فَإِنِ انْتَهَوْا فَإِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

Yoo isaan (waraana) dhaabanii amantii seenan Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha.

﴿وَقَاتِلُوهُمْ حَتَّىٰ لَا تَكُونَ فِتْنَةٌ وَيَكُونَ الدِّينُ لِلَّهِ ۖ فَإِنِ انْتَهَوْا فَلَا عُدْوَانَ إِلَّا عَلَى الظَّالِمِينَ﴾

Hanga shirkiin hafee amantiin Rabbiif qofa ta’utti isaaniin lolaaYoo isaan (lola) dhiisan, warra miidhaa hojjatu irratti malee diinomuun hin jiru.

﴿الشَّهْرُ الْحَرَامُ بِالشَّهْرِ الْحَرَامِ وَالْحُرُمَاتُ قِصَاصٌ ۚ فَمَنِ اعْتَدَىٰ عَلَيْكُمْ فَاعْتَدُوا عَلَيْهِ بِمِثْلِ مَا اعْتَدَىٰ عَلَيْكُمْ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ مَعَ الْمُتَّقِينَ﴾

Baatiin kabajamaan baatuma sana keessa (galata galfama); kabajaan gamaa gamanaayi (yoo isaan baaticha san kabajan isiniis kabajju)Nama isin irratti daangaa dabre isinis fakkaatuma waan inni isin irratti daangaa dabreetiin isa irratti daangaa dabraaRabbiin sodaadhaa; Rabbiin warra Isa sodaatuu wajjiin ta’uus beekaa.

﴿وَأَنْفِقُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَلَا تُلْقُوا بِأَيْدِيكُمْ إِلَى التَّهْلُكَةِ ۛ وَأَحْسِنُوا ۛ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُحْسِنِينَ﴾

Karaa Rabbii keessattis arjoomaaHarka keessaniin gara badiittis of hin darbinaaToltuus hojjadhaa; Dhugumatti, Rabbiin warra toltuu hojjatan ni jaalata.

﴿وَأَتِمُّوا الْحَجَّ وَالْعُمْرَةَ لِلَّهِ ۚ فَإِنْ أُحْصِرْتُمْ فَمَا اسْتَيْسَرَ مِنَ الْهَدْيِ ۖ وَلَا تَحْلِقُوا رُءُوسَكُمْ حَتَّىٰ يَبْلُغَ الْهَدْيُ مَحِلَّهُ ۚ فَمَنْ كَانَ مِنْكُمْ مَرِيضًا أَوْ بِهِ أَذًى مِنْ رَأْسِهِ فَفِدْيَةٌ مِنْ صِيَامٍ أَوْ صَدَقَةٍ أَوْ نُسُكٍ ۚ فَإِذَا أَمِنْتُمْ فَمَنْ تَمَتَّعَ بِالْعُمْرَةِ إِلَى الْحَجِّ فَمَا اسْتَيْسَرَ مِنَ الْهَدْيِ ۚ فَمَنْ لَمْ يَجِدْ فَصِيَامُ ثَلَاثَةِ أَيَّامٍ فِي الْحَجِّ وَسَبْعَةٍ إِذَا رَجَعْتُمْ ۗ تِلْكَ عَشَرَةٌ كَامِلَةٌ ۗ ذَٰلِكَ لِمَنْ لَمْ يَكُنْ أَهْلُهُ حَاضِرِي الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ﴾

Hajjiifi umraa Rabbiif jecha guutaaYoo dhorgamtan, horii wareegaa (hadyii) irraa kan isiniif laafe (qalaa)Hanga hadyiin iddoo (qalma) isaa ga’uttis mataa keessan hin haaddatinaaNamni isin irraa dhukkubsate yookiin mataa isaa irra rakkoon jiraate, soomuun yookiin sadaqachuun yookiin qaluun 'fidyaa' haa baasuYeroo nagaa taatan, namni umraadhaan hanga hajjiitti qanani'e hadyii irraa waan isaaf laafetu irra jiraNamni hin argatin, guyyaa sadi hajjii keessatti, (guyyaa) torba immoo yeroo deebitan (soomuu qabdu)Sun (guyyaa) kudhan guutuudha(Hadyiin yookiin soomuun) sun nama maatiin isaa masjiidal-Haraam bira (jiraataa Makkaa) hin ta’iniif qofaRabbiin sodaadhaa; adabbiin Rabbii cimaa ta’uus beekaa

﴿الْحَجُّ أَشْهُرٌ مَعْلُومَاتٌ ۚ فَمَنْ فَرَضَ فِيهِنَّ الْحَجَّ فَلَا رَفَثَ وَلَا فُسُوقَ وَلَا جِدَالَ فِي الْحَجِّ ۗ وَمَا تَفْعَلُوا مِنْ خَيْرٍ يَعْلَمْهُ اللَّهُ ۗ وَتَزَوَّدُوا فَإِنَّ خَيْرَ الزَّادِ التَّقْوَىٰ ۚ وَاتَّقُونِ يَا أُولِي الْأَلْبَابِ﴾

Hajjiin ji’oota beekamoodhaNamni isaan keessa hajjii ofitti murteesse (ihraama godhate), hajjii keessatti qunnamtii saalaa gochuu, finciluufi falmii gaggeessuu hin qabuToltuu irraa waan isin hojjattan Rabbiin akkaan ni beekaGalaa guduunfadhaa; dhugumatti caalaan galaa sodaa RabbiitiYaa warra sammuu qabdan Anuma sodaadhaa!

﴿لَيْسَ عَلَيْكُمْ جُنَاحٌ أَنْ تَبْتَغُوا فَضْلًا مِنْ رَبِّكُمْ ۚ فَإِذَا أَفَضْتُمْ مِنْ عَرَفَاتٍ فَاذْكُرُوا اللَّهَ عِنْدَ الْمَشْعَرِ الْحَرَامِ ۖ وَاذْكُرُوهُ كَمَا هَدَاكُمْ وَإِنْ كُنْتُمْ مِنْ قَبْلِهِ لَمِنَ الضَّالِّينَ﴾

(Yeroo hajjii keessa) tola Rabbii keessanii irraa yoo barbaaddattan badiin isin irra hin jiruYeroo Arafaa irraa dachaatanis Mash’aral Haraam biratti Rabbiin zakkaraaAkkuma Inni isin qajeelchetti isa zakkaraa; sanaan dura warra jallatoo irraa turtani.

﴿ثُمَّ أَفِيضُوا مِنْ حَيْثُ أَفَاضَ النَّاسُ وَاسْتَغْفِرُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

(Yaa Qurayshotaa!) ergasii bakka namoonni yaa'aniin yaa'aaRabbiin araarama gaafadhaaDhugumatti, Rabbiin mararfataa rahmata godhaadha.

﴿فَإِذَا قَضَيْتُمْ مَنَاسِكَكُمْ فَاذْكُرُوا اللَّهَ كَذِكْرِكُمْ آبَاءَكُمْ أَوْ أَشَدَّ ذِكْرًا ۗ فَمِنَ النَّاسِ مَنْ يَقُولُ رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا وَمَا لَهُ فِي الْآخِرَةِ مِنْ خَلَاقٍ﴾

Yeroo hojii hajjii raawwattan, akkuma abbootii keessan faarsitanitti yookiin faaruu sana caalu Rabbiin zakkaraaNamoota irraa nama odoo Aakhiraatti carraa hin qabne “yaa Rabbii keenya addunyaa irratti (gaarii) nuuf kenni” jedhutu jira.

﴿وَمِنْهُمْ مَنْ يَقُولُ رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا حَسَنَةً وَفِي الْآخِرَةِ حَسَنَةً وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ﴾

Isaan irraas nama "Gooftaa keenya! Duuniyaatti toltuu, Aakhirattis toltuu nuuf kenni; adabbii ibiddaa irraa nu baraari" jedhantu jiru.

﴿أُولَٰئِكَ لَهُمْ نَصِيبٌ مِمَّا كَسَبُوا ۚ وَاللَّهُ سَرِيعُ الْحِسَابِ﴾

Warra san isaaniif waan hojjatan irraa qoodatu jiraRabbiin saffisaa qormaataati.

﴿۞ وَاذْكُرُوا اللَّهَ فِي أَيَّامٍ مَعْدُودَاتٍ ۚ فَمَنْ تَعَجَّلَ فِي يَوْمَيْنِ فَلَا إِثْمَ عَلَيْهِ وَمَنْ تَأَخَّرَ فَلَا إِثْمَ عَلَيْهِ ۚ لِمَنِ اتَّقَىٰ ۗ وَاتَّقُوا اللَّهَ وَاعْلَمُوا أَنَّكُمْ إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ﴾

Guyyoota lakkaa’amtuu keessa Rabbiin yaadadhaaNamni guyyaa lama keessatti ariifate badiin isarra hin jiruNamni booda aanes badiin isa irra hin jiru(Kun) nama (Rabbiin) sodaateefiRabbiin sodaadhaa; gara Isaatti oofamuu keessanis beekaa.

﴿وَمِنَ النَّاسِ مَنْ يُعْجِبُكَ قَوْلُهُ فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَيُشْهِدُ اللَّهَ عَلَىٰ مَا فِي قَلْبِهِ وَهُوَ أَلَدُّ الْخِصَامِ﴾

Namoota irraa nama haala falmiidhaan jabaa ta'een jechi isaa addunyaa irratti si dinqisiisuufi kan waan qalbii isaa keessa jiru irratti Rabbiin ragaa godhutu jira

﴿وَإِذَا تَوَلَّىٰ سَعَىٰ فِي الْأَرْضِ لِيُفْسِدَ فِيهَا وَيُهْلِكَ الْحَرْثَ وَالنَّسْلَ ۗ وَاللَّهُ لَا يُحِبُّ الْفَسَادَ﴾

Yeroo gara gales, ishee keessatti badii raawwachuuf, sanyiifi horii balleessuuf dachii keessa fiigaRabbiin badii hin jaalatu.

﴿وَإِذَا قِيلَ لَهُ اتَّقِ اللَّهَ أَخَذَتْهُ الْعِزَّةُ بِالْإِثْمِ ۚ فَحَسْبُهُ جَهَنَّمُ ۚ وَلَبِئْسَ الْمِهَادُ﴾

Yeroo "Rabbiin sodaadhu" isaan jedhames, of tuulummaan badiitti isa kakaasaGa’aan Isaa jahannamiAfanni (jahannam ta’uun) waa fokkate!

﴿وَمِنَ النَّاسِ مَنْ يَشْرِي نَفْسَهُ ابْتِغَاءَ مَرْضَاتِ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ رَءُوفٌ بِالْعِبَادِ﴾

Nama irraas nama jaalala Rabbii barbaachaaf lubbuu ofii gurgurutu jiraRabbiinis gabroota akkaan mararfataadha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا ادْخُلُوا فِي السِّلْمِ كَافَّةً وَلَا تَتَّبِعُوا خُطُوَاتِ الشَّيْطَانِ ۚ إِنَّهُ لَكُمْ عَدُوٌّ مُبِينٌ﴾

Yaa warra amantan! Islaamummaa keessa guutuu guutuutti seenaa; tarkaanfilee shayxaanaas hin hordofinaaDhugumatti, inni (shayxaanni) isiniif diina ifa bahaadha.

﴿فَإِنْ زَلَلْتُمْ مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَتْكُمُ الْبَيِّنَاتُ فَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ﴾

Erga ragaawwan ifa ta’an isiniif dhufanii booda (daandii Islaamaa irraa) yoo mucucaattan, Rabbiin injifataa, ogeessa ta’uu beekaa.

﴿هَلْ يَنْظُرُونَ إِلَّا أَنْ يَأْتِيَهُمُ اللَّهُ فِي ظُلَلٍ مِنَ الْغَمَامِ وَالْمَلَائِكَةُ وَقُضِيَ الْأَمْرُ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ﴾

Sila Rabbiifi malaa’ikoonni, gaaddisa duumessa irraa ta’e keessaan isaanitti dhufuufi murteen raawwatamuu malee waan biraa eeguu? Wantoonni hunduu gamuma Rabbii deebifamti.

﴿سَلْ بَنِي إِسْرَائِيلَ كَمْ آتَيْنَاهُمْ مِنْ آيَةٍ بَيِّنَةٍ ۗ وَمَنْ يُبَدِّلْ نِعْمَةَ اللَّهِ مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَتْهُ فَإِنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ﴾

Mallattoolee ifa ta’an meeqaatama akka isaaniif kennine Ilmaan Israa’iil gaafadhuNamni erga isatti dhufee booda ni’imaa Rabbii jijjiire (adaba cimaatu isa mudata)Dhugumatti Rabbiin irra cimaa adabaati.

﴿زُيِّنَ لِلَّذِينَ كَفَرُوا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا وَيَسْخَرُونَ مِنَ الَّذِينَ آمَنُوا ۘ وَالَّذِينَ اتَّقَوْا فَوْقَهُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۗ وَاللَّهُ يَرْزُقُ مَنْ يَشَاءُ بِغَيْرِ حِسَابٍ﴾

Isaan kafaraniif jireenyi addunyaa miidhagfameera; warra amananittis ni qoosuWarri Rabbiin sodaatan immoo Guyyaa Qiyaamaa isaanii ol ta’uRabbiinis nama fedheef (tola Isaa irraa) lakkoofsa malee soorata kenna.

﴿كَانَ النَّاسُ أُمَّةً وَاحِدَةً فَبَعَثَ اللَّهُ النَّبِيِّينَ مُبَشِّرِينَ وَمُنْذِرِينَ وَأَنْزَلَ مَعَهُمُ الْكِتَابَ بِالْحَقِّ لِيَحْكُمَ بَيْنَ النَّاسِ فِيمَا اخْتَلَفُوا فِيهِ ۚ وَمَا اخْتَلَفَ فِيهِ إِلَّا الَّذِينَ أُوتُوهُ مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَتْهُمُ الْبَيِّنَاتُ بَغْيًا بَيْنَهُمْ ۖ فَهَدَى اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا لِمَا اخْتَلَفُوا فِيهِ مِنَ الْحَقِّ بِإِذْنِهِ ۗ وَاللَّهُ يَهْدِي مَنْ يَشَاءُ إِلَىٰ صِرَاطٍ مُسْتَقِيمٍ﴾

Namoonni amantii tokkicha irra turan; ergasii Rabbiin nabiyyoota gammachiiftotaafi akeekkachiiftota taasisee ergeIsaan waliinis kitaaba akka inni waan isaan isa keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuuf dhugaan buuseWarra inni kennameef qofatu erga ragaawwan ifa ta’an isaaniif dhufanii booda wal jibbaa gidduu isaanii jiru irraa kan ka’e wal dhabeRabbiin fedha Isaatiin warra amanan gara dhugaa waan isaan irratti wal dhabanii qajeelcheRabbiin nama fedhe gara karaa sirraawaa qajeelcha.

﴿أَمْ حَسِبْتُمْ أَنْ تَدْخُلُوا الْجَنَّةَ وَلَمَّا يَأْتِكُمْ مَثَلُ الَّذِينَ خَلَوْا مِنْ قَبْلِكُمْ ۖ مَسَّتْهُمُ الْبَأْسَاءُ وَالضَّرَّاءُ وَزُلْزِلُوا حَتَّىٰ يَقُولَ الرَّسُولُ وَالَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ مَتَىٰ نَصْرُ اللَّهِ ۗ أَلَا إِنَّ نَصْرَ اللَّهِ قَرِيبٌ﴾

Sila odoo (mokkoroon) fakkaataa warra isin dura dabranii isinitti hin dhufin jannata seenuu yaadduu? Rakkinniifi dhukkubni hamtuun isaan tuqxee, hanga ergamaaniifi warri isa waliin amanan "sila tumsi Rabbii yoom (dhufa)?" jedhan tokkotti shororkeeffamanEeyyeen! Dhugumatti, tumsi Rabbii dhihoodha.

﴿يَسْأَلُونَكَ مَاذَا يُنْفِقُونَ ۖ قُلْ مَا أَنْفَقْتُمْ مِنْ خَيْرٍ فَلِلْوَالِدَيْنِ وَالْأَقْرَبِينَ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينِ وَابْنِ السَّبِيلِ ۗ وَمَا تَفْعَلُوا مِنْ خَيْرٍ فَإِنَّ اللَّهَ بِهِ عَلِيمٌ﴾

(Yaa Muhammad!) maal akka sadaqatan si gaafatu“Qabeenya irraa wanti kennattan abbaa haadha, firoota, yatiimota, hiyyeeyyiifi kara deemaaf ta’uu qabaToltuu irraa waan isin hojjattan dhugumatti Rabbiin akkaan isa beekaadha” jedhi.

﴿كُتِبَ عَلَيْكُمُ الْقِتَالُ وَهُوَ كُرْهٌ لَكُمْ ۖ وَعَسَىٰ أَنْ تَكْرَهُوا شَيْئًا وَهُوَ خَيْرٌ لَكُمْ ۖ وَعَسَىٰ أَنْ تُحِبُّوا شَيْئًا وَهُوَ شَرٌّ لَكُمْ ۗ وَاللَّهُ يَعْلَمُ وَأَنْتُمْ لَا تَعْلَمُونَ﴾

Odoma inni isin biratti jibbamaa ta’uu lolli dirqama isin irratti godhameOdoo inni isiniif gaarii ta'uu waan tokko jibbuun keessan mirkanaa’eOdoo inni isiniif hamtuu ta’uu waan tokko jaalachuun keessanis mirkanaa’eRabbumatu beeka; isin hin beektanu

﴿يَسْأَلُونَكَ عَنِ الشَّهْرِ الْحَرَامِ قِتَالٍ فِيهِ ۖ قُلْ قِتَالٌ فِيهِ كَبِيرٌ ۖ وَصَدٌّ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ وَكُفْرٌ بِهِ وَالْمَسْجِدِ الْحَرَامِ وَإِخْرَاجُ أَهْلِهِ مِنْهُ أَكْبَرُ عِنْدَ اللَّهِ ۚ وَالْفِتْنَةُ أَكْبَرُ مِنَ الْقَتْلِ ۗ وَلَا يَزَالُونَ يُقَاتِلُونَكُمْ حَتَّىٰ يَرُدُّوكُمْ عَنْ دِينِكُمْ إِنِ اسْتَطَاعُوا ۚ وَمَنْ يَرْتَدِدْ مِنْكُمْ عَنْ دِينِهِ فَيَمُتْ وَهُوَ كَافِرٌ فَأُولَٰئِكَ حَبِطَتْ أَعْمَالُهُمْ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ ۖ وَأُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

Ji’oota kabajamoo keessa loluu irraa si gaafatuJedhi: "Isa keessa loluun (yakka) guddaadhaKaraa Rabbii irraa (namoota) deebisuun, Isatti kafaruun, namoota Masjidal Haraam irraa dhorguuniifi jiraattota isaa achi irraa baasuutu Rabbiin biratti irra guddaadhaShirkiitu ajjeechaa irra (badiin isaa) guddaadhaYoo danda’an hanga diinii keessan irraa isin deebisanitti isiniin loluu irraa hin deemanNamni isin irraa diinii isaa irraa garagalee kaafira ta’ee du’e, warri sun addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirtiAmmas warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha.

﴿إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَالَّذِينَ هَاجَرُوا وَجَاهَدُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ أُولَٰئِكَ يَرْجُونَ رَحْمَتَ اللَّهِ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

Dhugumatti, warri amananiifi warri godaananii, karaa Rabbii keessattis qabsaa’an, isaan sun rahmata Rabbii ni kajeeluRabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha.

﴿۞ يَسْأَلُونَكَ عَنِ الْخَمْرِ وَالْمَيْسِرِ ۖ قُلْ فِيهِمَا إِثْمٌ كَبِيرٌ وَمَنَافِعُ لِلنَّاسِ وَإِثْمُهُمَا أَكْبَرُ مِنْ نَفْعِهِمَا ۗ وَيَسْأَلُونَكَ مَاذَا يُنْفِقُونَ قُلِ الْعَفْوَ ۗ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ اللَّهُ لَكُمُ الْآيَاتِ لَعَلَّكُمْ تَتَفَكَّرُونَ﴾

Dhugaatii macheessaniifi qumaara irraa si gaafatuJedhi: "Dilii guddaafi faayidaawwantu namootaaf isaan keessa jiraDiliin isaan lamaanii faayidaa isaan lamaanii irra guddaadha." Ammas maal akka arjoomanu si gaafatu“Isa dhimma keessan irraa hafe” jedhiinAkka xiinxaltaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota isaa isiniif ibsa.

﴿فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ ۗ وَيَسْأَلُونَكَ عَنِ الْيَتَامَىٰ ۖ قُلْ إِصْلَاحٌ لَهُمْ خَيْرٌ ۖ وَإِنْ تُخَالِطُوهُمْ فَإِخْوَانُكُمْ ۚ وَاللَّهُ يَعْلَمُ الْمُفْسِدَ مِنَ الْمُصْلِحِ ۚ وَلَوْ شَاءَ اللَّهُ لَأَعْنَتَكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ﴾

Duuniyaafi Aakhiraa keessatti (haa xiinxaltaniifi)Waa’ee yatiimotaa irraas si gaafatu“Isaaniif tolchuutu caalaadha” jedhiYoo isaanitti makamtanis isaan obboleeyyan keessaniRabbiinis nama balleessu isa tolchu irraa adda baasee beekaRabbiin odoo fedhee, isin rakkisuu danda’aDhugumatti, Rabbiin akkaan injifataa, ogeessa.

﴿وَلَا تَنْكِحُوا الْمُشْرِكَاتِ حَتَّىٰ يُؤْمِنَّ ۚ وَلَأَمَةٌ مُؤْمِنَةٌ خَيْرٌ مِنْ مُشْرِكَةٍ وَلَوْ أَعْجَبَتْكُمْ ۗ وَلَا تُنْكِحُوا الْمُشْرِكِينَ حَتَّىٰ يُؤْمِنُوا ۚ وَلَعَبْدٌ مُؤْمِنٌ خَيْرٌ مِنْ مُشْرِكٍ وَلَوْ أَعْجَبَكُمْ ۗ أُولَٰئِكَ يَدْعُونَ إِلَى النَّارِ ۖ وَاللَّهُ يَدْعُو إِلَى الْجَنَّةِ وَالْمَغْفِرَةِ بِإِذْنِهِ ۖ وَيُبَيِّنُ آيَاتِهِ لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَتَذَكَّرُونَ﴾

Hanga isaan amananutti (dubartoota) mushrikaa hin fuudhinaaOdoma isheen isin gammachiifteeyyuu gabrittii mu’uminaatu mushrika caaltiYoo amanan malee dhiira mushrikootaattis hin heerumsiisinaaOdoma (inni) isin gammachiiseeyyuu gabricha mu’uminaatu mushrika irra caalaWarri sun gara ibiddaatti waamu; Rabbiin immoo heyyama isaatiin gara jannataafi araaramaatti waamaHaa xiinxalaniif jecha aayatoota isaa namootaaf ibsa.

﴿وَيَسْأَلُونَكَ عَنِ الْمَحِيضِ ۖ قُلْ هُوَ أَذًى فَاعْتَزِلُوا النِّسَاءَ فِي الْمَحِيضِ ۖ وَلَا تَقْرَبُوهُنَّ حَتَّىٰ يَطْهُرْنَ ۖ فَإِذَا تَطَهَّرْنَ فَأْتُوهُنَّ مِنْ حَيْثُ أَمَرَكُمُ اللَّهُ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ التَّوَّابِينَ وَيُحِبُّ الْمُتَطَهِّرِينَ﴾

Dhiiga laguu (haydii) irraas si gaafatu “Inni (iddoon isaa) faalamaadha; kanaafuu yeroo dhiiga xurii keessa dubartoota irraa fagaadhaa” jedhiHanga isaan qulqullaa’anittis isaanitti hin dhihaatinaaYeroo isaan qulqulleeffatan, gara Rabbiin isin ajajeen isaan bira dhaqaaDhugumatti, Rabbiin warra gara Isaa tawbataniifi qulqulleeffatan ni jaalata.

﴿نِسَاؤُكُمْ حَرْثٌ لَكُمْ فَأْتُوا حَرْثَكُمْ أَنَّىٰ شِئْتُمْ ۖ وَقَدِّمُوا لِأَنْفُسِكُمْ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ وَاعْلَمُوا أَنَّكُمْ مُلَاقُوهُ ۗ وَبَشِّرِ الْمُؤْمِنِينَ﴾

Niitiiwwan keessan isiniif oyruudhaOyruu keessan kallattii feetaniin itti dhaqaaLubbuu keessaniif gaarii dabarfadhaaRabbiinis sodaadhaa; Isa qunnamuu keessanis beekaaMu’uminootas gammachiisi.

﴿وَلَا تَجْعَلُوا اللَّهَ عُرْضَةً لِأَيْمَانِكُمْ أَنْ تَبَرُّوا وَتَتَّقُوا وَتُصْلِحُوا بَيْنَ النَّاسِ ۗ وَاللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

Akka toltuu hin hojjanne, Rabbiin hin sodaanneefi gidduu namootaatti araara hin buufne Rabbiin kakachuu keessan sababaa hin taasifatinaaRabbiinis dhagayaa, beekaadha.

﴿لَا يُؤَاخِذُكُمُ اللَّهُ بِاللَّغْوِ فِي أَيْمَانِكُمْ وَلَٰكِنْ يُؤَاخِذُكُمْ بِمَا كَسَبَتْ قُلُوبُكُمْ ۗ وَاللَّهُ غَفُورٌ حَلِيمٌ﴾

Rabbiin kakuu keessan keessatti isa itti hin yaadaminiif isin hin qabuGaruu waan onneen hojjataniif isin qabaRabbiinis araaramaa, obsaadha.

﴿لِلَّذِينَ يُؤْلُونَ مِنْ نِسَائِهِمْ تَرَبُّصُ أَرْبَعَةِ أَشْهُرٍ ۖ فَإِنْ فَاءُوا فَإِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

Warra haadha manaa isaanii irraa kakataniif ji’oota afur eeguutu isaan irra jiraYoo deebi’an dhugumatti Rabbiin akkaan araaramaa, rahmata godhaadha.

﴿وَإِنْ عَزَمُوا الطَّلَاقَ فَإِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

Yoo hiikkaa irratti muratan, dhugumatti Rabbiin dhagayaa, beekaadha.

﴿وَالْمُطَلَّقَاتُ يَتَرَبَّصْنَ بِأَنْفُسِهِنَّ ثَلَاثَةَ قُرُوءٍ ۚ وَلَا يَحِلُّ لَهُنَّ أَنْ يَكْتُمْنَ مَا خَلَقَ اللَّهُ فِي أَرْحَامِهِنَّ إِنْ كُنَّ يُؤْمِنَّ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ ۚ وَبُعُولَتُهُنَّ أَحَقُّ بِرَدِّهِنَّ فِي ذَٰلِكَ إِنْ أَرَادُوا إِصْلَاحًا ۚ وَلَهُنَّ مِثْلُ الَّذِي عَلَيْهِنَّ بِالْمَعْرُوفِ ۚ وَلِلرِّجَالِ عَلَيْهِنَّ دَرَجَةٌ ۗ وَاللَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ﴾

Dubartoonni hiikaman xurii laguu sadi ofii isaaniitiif eeguu qabuYoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanan ta’an waan Rabbiin gadaamessa isaanii keessatti uume dhoksuun isaaniif halaala mitiYeroo san keessatti yoo tolchuu fedhan isaan deebifachuu keessatti irra caalaa mirga kan qaban dhirsota isaaniitiIsaaniifis (mirga) fakkaataa akka (dirqama) isaan irra jiruutu haala gaariin isaaniif jiraDhiironni isaan irra sadarkaa qabuRabbiinis hunda injifataa, ogeessa.

﴿الطَّلَاقُ مَرَّتَانِ ۖ فَإِمْسَاكٌ بِمَعْرُوفٍ أَوْ تَسْرِيحٌ بِإِحْسَانٍ ۗ وَلَا يَحِلُّ لَكُمْ أَنْ تَأْخُذُوا مِمَّا آتَيْتُمُوهُنَّ شَيْئًا إِلَّا أَنْ يَخَافَا أَلَّا يُقِيمَا حُدُودَ اللَّهِ ۖ فَإِنْ خِفْتُمْ أَلَّا يُقِيمَا حُدُودَ اللَّهِ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْهِمَا فِيمَا افْتَدَتْ بِهِ ۗ تِلْكَ حُدُودُ اللَّهِ فَلَا تَعْتَدُوهَا ۚ وَمَنْ يَتَعَدَّ حُدُودَ اللَّهِ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ﴾

Hiikkaan (eega isaatii deebifatamu) yeroo lama.
[] Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa gaariin gadi lakkisuudhaIsin (dhiironni) waan isaaniif kennitan (mahrii) irraa isaan lamaanuu daangawwan Rabbii sirreessuu dhabuu yoo sodaatan malee homaa fudhachuun isiniif hin hayyamamuYoo isaan lamaan daangawwan Rabbii hin sirreessanu jechuu sodaattan, waan isheen ittiin of baafte fudhachuu keessatti isaan lamaan irra badiin hin jiruKun daangawwan Rabbiitii isaan hin dabrinaa; namni daangaa Rabbii dabre, isaan sun isaanumatu miidhaa hojjatoodha.

﴿فَإِنْ طَلَّقَهَا فَلَا تَحِلُّ لَهُ مِنْ بَعْدُ حَتَّىٰ تَنْكِحَ زَوْجًا غَيْرَهُ ۗ فَإِنْ طَلَّقَهَا فَلَا جُنَاحَ عَلَيْهِمَا أَنْ يَتَرَاجَعَا إِنْ ظَنَّا أَنْ يُقِيمَا حُدُودَ اللَّهِ ۗ وَتِلْكَ حُدُودُ اللَّهِ يُبَيِّنُهَا لِقَوْمٍ يَعْلَمُونَ﴾

Yoo (hiikkaa sadaffaa) ishee hiike, sana booda hanga dhirsa biraatti heerumtutti isaaf hin heyyamamtuYoo inni (dhirsi boodaa) ishee hiike, daangaa Rabbii eeguu isaanii beeknaan isaan lamaan yoo walitti deebi’an badiin isaan irra hin jiruKun daangawwan Rabbiiti; ummata beekaniif ishee ibsa.

﴿وَإِذَا طَلَّقْتُمُ النِّسَاءَ فَبَلَغْنَ أَجَلَهُنَّ فَأَمْسِكُوهُنَّ بِمَعْرُوفٍ أَوْ سَرِّحُوهُنَّ بِمَعْرُوفٍ ۚ وَلَا تُمْسِكُوهُنَّ ضِرَارًا لِتَعْتَدُوا ۚ وَمَنْ يَفْعَلْ ذَٰلِكَ فَقَدْ ظَلَمَ نَفْسَهُ ۚ وَلَا تَتَّخِذُوا آيَاتِ اللَّهِ هُزُوًا ۚ وَاذْكُرُوا نِعْمَتَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ وَمَا أَنْزَلَ عَلَيْكُمْ مِنَ الْكِتَابِ وَالْحِكْمَةِ يَعِظُكُمْ بِهِ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ﴾

Yeroo dubartoota hiiktanii beellamni isaaniis ga’e; bifa gaariin isaan qabadhaa yookiin bifa gaariin isaan gaggeessaaRakkisuudhaan akka daangaa isaanitti dabartaniif isaan hin qabatinaaNamni sana hojjate, dhugumatti lubbuu ofii miidheeraKeeyyattoota Rabbiis qishinaa hin taasifatinaaNi’imaa Rabbii kan isin irra jirtuufi kitaaba (Qur’aana)fi hikmaa (Sunnaa) irraas waan Inni isin irratti buuse kan ittiin isin gorsu yaadadhaaRabbiin sodaadhaasAkka Rabbiin waan hunda beekaa ta’es beekaa.

﴿وَإِذَا طَلَّقْتُمُ النِّسَاءَ فَبَلَغْنَ أَجَلَهُنَّ فَلَا تَعْضُلُوهُنَّ أَنْ يَنْكِحْنَ أَزْوَاجَهُنَّ إِذَا تَرَاضَوْا بَيْنَهُمْ بِالْمَعْرُوفِ ۗ ذَٰلِكَ يُوعَظُ بِهِ مَنْ كَانَ مِنْكُمْ يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ ۗ ذَٰلِكُمْ أَزْكَىٰ لَكُمْ وَأَطْهَرُ ۗ وَاللَّهُ يَعْلَمُ وَأَنْتُمْ لَا تَعْلَمُونَ﴾

Yeroo dubartoota hiiktanii beellama isaanii guuttatan, yoo isaan lamaan waan gaarii irratti walii galan dhirsoota isaanii (kan jalqabaatti) heerumuu irraa isaan hin dhorginaaSana isin irraa nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanutu ittiin gorfamaSun isiniif irra gaariifi irra qulqulluudhaRabbitu beekaa; isin hin beektanu.

﴿۞ وَالْوَالِدَاتُ يُرْضِعْنَ أَوْلَادَهُنَّ حَوْلَيْنِ كَامِلَيْنِ ۖ لِمَنْ أَرَادَ أَنْ يُتِمَّ الرَّضَاعَةَ ۚ وَعَلَى الْمَوْلُودِ لَهُ رِزْقُهُنَّ وَكِسْوَتُهُنَّ بِالْمَعْرُوفِ ۚ لَا تُكَلَّفُ نَفْسٌ إِلَّا وُسْعَهَا ۚ لَا تُضَارَّ وَالِدَةٌ بِوَلَدِهَا وَلَا مَوْلُودٌ لَهُ بِوَلَدِهِ ۚ وَعَلَى الْوَارِثِ مِثْلُ ذَٰلِكَ ۗ فَإِنْ أَرَادَا فِصَالًا عَنْ تَرَاضٍ مِنْهُمَا وَتَشَاوُرٍ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْهِمَا ۗ وَإِنْ أَرَدْتُمْ أَنْ تَسْتَرْضِعُوا أَوْلَادَكُمْ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ إِذَا سَلَّمْتُمْ مَا آتَيْتُمْ بِالْمَعْرُوفِ ۗ وَاتَّقُوا اللَّهَ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ﴾

Nama yeroo hoosisaa guutuu fedheef haadholiin ilmaan isaanii waggaa lama guutuu hoosisuSoorataafi uffata isaanii (haadholeef) akka dandeettii isaatiin kennuun nama ilmi isaaf dhalate (abbaa) irra jiraLubbuun tokkos dandeettii isheetii ol hin dirqisiifamtuHaati sababaa ilma isheetiin hin rakkifamtu; namni ilmi isaaf dhalates (abbaanis) sababaa ilma isaatiin (hin rakkifamu)Nama (abbaa) dhaalu irras fakkaataa sanaatu jiraYoo isaan lamaan fedha isaaniitiifi wal mariin guusisuu fedhan, badiin isaan irra hin jiruYoo ilmaan keessaniif hoosiftuu gootanii hoosisuu feetanis, yoo waan kennitan akkaataa gaariin kennitan, badiin isin irra hin jiruRabbiin sodaadhaa, Rabbiin waan isin dalagdan argaa ta’uu beekaa.

﴿وَالَّذِينَ يُتَوَفَّوْنَ مِنْكُمْ وَيَذَرُونَ أَزْوَاجًا يَتَرَبَّصْنَ بِأَنْفُسِهِنَّ أَرْبَعَةَ أَشْهُرٍ وَعَشْرًا ۖ فَإِذَا بَلَغْنَ أَجَلَهُنَّ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ فِيمَا فَعَلْنَ فِي أَنْفُسِهِنَّ بِالْمَعْرُوفِ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ﴾

Isin irraas isaan du’anii niitii of duubatti dhiisan, isaan (niitiiwwan kun) ji’oota afuriifi guyyaa kudhan turuu qabuYeroo beellama isaanii guuttatan, waan isaan karaa gaariin (heerumuuf) of qopheessan keessa badiin isin irra hin jiruRabbiin waan isin hojjattan beekaadha.

﴿وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ فِيمَا عَرَّضْتُمْ بِهِ مِنْ خِطْبَةِ النِّسَاءِ أَوْ أَكْنَنْتُمْ فِي أَنْفُسِكُمْ ۚ عَلِمَ اللَّهُ أَنَّكُمْ سَتَذْكُرُونَهُنَّ وَلَٰكِنْ لَا تُوَاعِدُوهُنَّ سِرًّا إِلَّا أَنْ تَقُولُوا قَوْلًا مَعْرُوفًا ۚ وَلَا تَعْزِمُوا عُقْدَةَ النِّكَاحِ حَتَّىٰ يَبْلُغَ الْكِتَابُ أَجَلَهُ ۚ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ مَا فِي أَنْفُسِكُمْ فَاحْذَرُوهُ ۚ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ غَفُورٌ حَلِيمٌ﴾

Waan dubartoota (dhirsi irraa du’e iddaan isaanii xumuramuu dura) mallattoon isaan dubbatachuu mul’iftan yookiin (waan) onnee keessan keessatti dhoksitan keessatti badiin isin irra hin jiruAkka isin isaan dubbatuuf jirtan Rabbiin beekeeraGaruu yoo jecha beekamaa jechuu ta’e malee, iccitiidhaan waadaa waliif hin seeninaaHanga beellamni daangaa ga’utti nikaah hidhuu hin murteessinaaRabbiin waan lubbuu keessan keessa jiru beekaa ta'uus beekaa; Isa sodaadhaaRabbiin araaramaa, obsaa ta’us beekaa.

﴿لَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ إِنْ طَلَّقْتُمُ النِّسَاءَ مَا لَمْ تَمَسُّوهُنَّ أَوْ تَفْرِضُوا لَهُنَّ فَرِيضَةً ۚ وَمَتِّعُوهُنَّ عَلَى الْمُوسِعِ قَدَرُهُ وَعَلَى الْمُقْتِرِ قَدَرُهُ مَتَاعًا بِالْمَعْرُوفِ ۖ حَقًّا عَلَى الْمُحْسِنِينَ﴾

Dubartoota odoo isaan hin tuqin yookiin mahrii isaaniis isaaniif hin murteessin yoo hiiktan badiin isin irra hin jiru; kennaa itti fayyadaman isaaniif kennaaNamni qabu akkaatuma dandeettii isaatiin, kan hin qabnes akkaatuma dandeettii isaatiin bifa gaariin kennaa isaan itti fayyadamanu (kennuu qaba)Kuni warra toltuu hojjatan irratti dirqama.

﴿وَإِنْ طَلَّقْتُمُوهُنَّ مِنْ قَبْلِ أَنْ تَمَسُّوهُنَّ وَقَدْ فَرَضْتُمْ لَهُنَّ فَرِيضَةً فَنِصْفُ مَا فَرَضْتُمْ إِلَّا أَنْ يَعْفُونَ أَوْ يَعْفُوَ الَّذِي بِيَدِهِ عُقْدَةُ النِّكَاحِ ۚ وَأَنْ تَعْفُوا أَقْرَبُ لِلتَّقْوَىٰ ۚ وَلَا تَنْسَوُا الْفَضْلَ بَيْنَكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ﴾

Odoo mahrii isaaniif murteessitanii jirtanuu isaan tuquun dura yoo isaan hiiktan, walakkaa waan murteessitaniitu (isheef jira), garuu yoo isaan (duubartoonni) dhiisan yookiin inni hidhaan nikaa harka isaa jiru (dhirsi) dhiise (walakkaan dirqamaa miti)Isin dhiisuutu sodaa (Rabbiitti) irra dhiyoodhaTola giddu keessanii hin irraanfatinaa; Rabbiin waan isin hojjattan argaadha.

﴿حَافِظُوا عَلَى الصَّلَوَاتِ وَالصَّلَاةِ الْوُسْطَىٰ وَقُومُوا لِلَّهِ قَانِتِينَ﴾

Salaatowwan irratti, keessattuu salaatattii giddu galeessaa irratti tikfadhaaHaala Rabbiif ajajamoo taataniinis dhaabbadhaa.

﴿فَإِنْ خِفْتُمْ فَرِجَالًا أَوْ رُكْبَانًا ۖ فَإِذَا أَمِنْتُمْ فَاذْكُرُوا اللَّهَ كَمَا عَلَّمَكُمْ مَا لَمْ تَكُونُوا تَعْلَمُونَ﴾

Yoo (diina) sodaattanis, miilaan deemaa yookiin yaabbatoo ta'aa sagadaaYoo (lola keessaa) gara nagaa baatan, Rabbiin, akkuma waan (san dura) isin hin beekne Inni isin barsiisetti yaadadhaa.

﴿وَالَّذِينَ يُتَوَفَّوْنَ مِنْكُمْ وَيَذَرُونَ أَزْوَاجًا وَصِيَّةً لِأَزْوَاجِهِمْ مَتَاعًا إِلَى الْحَوْلِ غَيْرَ إِخْرَاجٍ ۚ فَإِنْ خَرَجْنَ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ فِي مَا فَعَلْنَ فِي أَنْفُسِهِنَّ مِنْ مَعْرُوفٍ ۗ وَاللَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ﴾

Isin irraa isaan du’anii, niitiiwwan of duubatti dhiisan, niitiiwwan isaaniitiif (qabeenya dhiisanii du’an irraa) waan odoo mana isaanii irraa hin baafamne hanga waggaa tokkoo isaan itti fayyadaman isaaniif haa dhaamanYoo isaan (niitiiwwan fedha isaanitiin) bahan, waan shari’aa keessatti beekamaa irraa isaan ofii isaaniitii hojjataniif badiin isin irra hin jiruRabbiinis injifataa, ogeessa.

﴿وَلِلْمُطَلَّقَاتِ مَتَاعٌ بِالْمَعْرُوفِ ۖ حَقًّا عَلَى الْمُتَّقِينَ﴾

Dubartoota hiikamaniifis wanti isaan ittiin fayyadaman haala sababa qabeessa ta’een kennamuufii qaba(Kun) warraRabbiin sodaatan irratti haqa.

﴿كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ اللَّهُ لَكُمْ آيَاتِهِ لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ﴾

Akka isin xiinxaltaniif akkanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif addeessa.

﴿۞ أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ خَرَجُوا مِنْ دِيَارِهِمْ وَهُمْ أُلُوفٌ حَذَرَ الْمَوْتِ فَقَالَ لَهُمُ اللَّهُ مُوتُوا ثُمَّ أَحْيَاهُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَذُو فَضْلٍ عَلَى النَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَشْكُرُونَ﴾

Sila warra manneen isaanii irraa du’a sodaatanii kumaatama ta’anii ba’anii (qalbiin) hin ilaallee? Rabbiin “du’aa!” isaaniin jedhee, sana booda isaan jiraachiseDhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tola (guddaa)tiGaruu irra hedduun namaa hin galateeffatan.

﴿وَقَاتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

Karaa Rabbii keessatti lolaaRabbiin dhagayaa, beekaa ta’uus beekaa.

﴿مَنْ ذَا الَّذِي يُقْرِضُ اللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا فَيُضَاعِفَهُ لَهُ أَضْعَافًا كَثِيرَةً ۚ وَاللَّهُ يَقْبِضُ وَيَبْسُطُ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ﴾

Namni liqii gaarii Rabbiif liqeessee Inni dachaa baay’ee isaaf baay’isu eenyuma! Rabbiin nama fedhe (rizqii) irraa qabata; kan fedhe immoo itti baldhisaIsinis gara Isaatti deebifamtu.

﴿أَلَمْ تَرَ إِلَى الْمَلَإِ مِنْ بَنِي إِسْرَائِيلَ مِنْ بَعْدِ مُوسَىٰ إِذْ قَالُوا لِنَبِيٍّ لَهُمُ ابْعَثْ لَنَا مَلِكًا نُقَاتِلْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ ۖ قَالَ هَلْ عَسَيْتُمْ إِنْ كُتِبَ عَلَيْكُمُ الْقِتَالُ أَلَّا تُقَاتِلُوا ۖ قَالُوا وَمَا لَنَا أَلَّا نُقَاتِلَ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَقَدْ أُخْرِجْنَا مِنْ دِيَارِنَا وَأَبْنَائِنَا ۖ فَلَمَّا كُتِبَ عَلَيْهِمُ الْقِتَالُ تَوَلَّوْا إِلَّا قَلِيلًا مِنْهُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِالظَّالِمِينَ﴾

Sila gara qondaaltota Ilmaan Israa’iil irraa ta’an kan booda Muusaa, yeroo isaan nabiyyii isaaniitiin "hogganaa nuuf godhi karaa Rabbii keessatti lollaa" jedhan hin ilaallee? [Inni] "Sila yoo lolli isin irratti murteeffame loluu dhabuu keessan hin sodaattamuu?" jedhe"Odoo manneeniifi ilmaan keenya irraa baafamnee jirruu maaltu nuuf jiraayyi karaa Rabbii keessatti hin lolle?" jedhanYeroma lolli isaan irratti murteeffamus namoota muraasa isaan irraa ta’an malee irraa gara galanRabbiin miidhaa raawwattoota ni beeka.

﴿وَقَالَ لَهُمْ نَبِيُّهُمْ إِنَّ اللَّهَ قَدْ بَعَثَ لَكُمْ طَالُوتَ مَلِكًا ۚ قَالُوا أَنَّىٰ يَكُونُ لَهُ الْمُلْكُ عَلَيْنَا وَنَحْنُ أَحَقُّ بِالْمُلْكِ مِنْهُ وَلَمْ يُؤْتَ سَعَةً مِنَ الْمَالِ ۚ قَالَ إِنَّ اللَّهَ اصْطَفَاهُ عَلَيْكُمْ وَزَادَهُ بَسْطَةً فِي الْعِلْمِ وَالْجِسْمِ ۖ وَاللَّهُ يُؤْتِي مُلْكَهُ مَنْ يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ وَاسِعٌ عَلِيمٌ﴾

Nabiyyiin isaaniis isaaniin jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin Xaaluutiin mootii godhee isiniif ramadeera.
" [Isaan] "Sila odoo nuti mootummaaf isarra abboomnuu, inni qabeenya ga’aas argatee hin beekne akkamiin nurratti mootummaan isaaf ta’a?" jedhanNi jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin isin irra isa filatee beekumsaafi qaama keessattis bal'ina isaaf dabaleRabbiin mootummaa Isaa nama fedheef kennaRabbiin (arjummaan isaa) bal’aa, beekaadha."

﴿وَقَالَ لَهُمْ نَبِيُّهُمْ إِنَّ آيَةَ مُلْكِهِ أَنْ يَأْتِيَكُمُ التَّابُوتُ فِيهِ سَكِينَةٌ مِنْ رَبِّكُمْ وَبَقِيَّةٌ مِمَّا تَرَكَ آلُ مُوسَىٰ وَآلُ هَارُونَ تَحْمِلُهُ الْمَلَائِكَةُ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً لَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ﴾

Nabbiyyiin isaaniis isaaniin ni jedhe: "Dhugumatti, mallattoon mootummaa isaa sanduuqni malaa’ikoonni isa baadhatan kan isa keessa tasgabbiin Gooftaa keessan biraa ta’eefi hanbaan waan maatiin Muusaafi Haaruun dhiisan irraa ta’e isa keessa jiru isinitti dhufuudhaDhugumatti, yoo mu’uminoota taataniif, kana keessa mallattootu isiniif jira."

﴿فَلَمَّا فَصَلَ طَالُوتُ بِالْجُنُودِ قَالَ إِنَّ اللَّهَ مُبْتَلِيكُمْ بِنَهَرٍ فَمَنْ شَرِبَ مِنْهُ فَلَيْسَ مِنِّي وَمَنْ لَمْ يَطْعَمْهُ فَإِنَّهُ مِنِّي إِلَّا مَنِ اغْتَرَفَ غُرْفَةً بِيَدِهِ ۚ فَشَرِبُوا مِنْهُ إِلَّا قَلِيلًا مِنْهُمْ ۚ فَلَمَّا جَاوَزَهُ هُوَ وَالَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ قَالُوا لَا طَاقَةَ لَنَا الْيَوْمَ بِجَالُوتَ وَجُنُودِهِ ۚ قَالَ الَّذِينَ يَظُنُّونَ أَنَّهُمْ مُلَاقُو اللَّهِ كَمْ مِنْ فِئَةٍ قَلِيلَةٍ غَلَبَتْ فِئَةً كَثِيرَةً بِإِذْنِ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ مَعَ الصَّابِرِينَ﴾

Xaaluutis yeroma waraana (isaa) qabatee ba’u ni jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin laga wahiitiin isin mokkoraadhaNama harka isaatiin hammaarrii tokkittii hammaarrate malee namni isa irraa dhuge anarraayii mitiNamni isa hin dhandhamin immoo anarraayyiMuraasa isaan irraa ta'e malee isa irraa dhuganiYeroma inniifi warri isaa wajjin amanan isa qaxxaamuran, (warri dhugan) ni jedhan: "Har'a Jaaluutiifi waraana isaa irratti dandeettiin nuuf hin jiru." Warri Rabbiin wal qunnamoo ta'uu isaanii dhugoomsan ni jedhan: "Garee muraasa heddutu hayyama Rabbiitiin garee baay’ee injifate." Rabbiinis warra obsan wajjin jira.

﴿وَلَمَّا بَرَزُوا لِجَالُوتَ وَجُنُودِهِ قَالُوا رَبَّنَا أَفْرِغْ عَلَيْنَا صَبْرًا وَثَبِّتْ أَقْدَامَنَا وَانْصُرْنَا عَلَى الْقَوْمِ الْكَافِرِينَ﴾

Yeroma Jaaluutiifi waraana isaatiif dirreetti bahan ni jedhan: “Gooftaa keenya! Obsa nurratti dhangalaasiFaana keenyas gadi dhaabi; ummata kaafirootaa irrattis nu tumsi."

﴿فَهَزَمُوهُمْ بِإِذْنِ اللَّهِ وَقَتَلَ دَاوُودُ جَالُوتَ وَآتَاهُ اللَّهُ الْمُلْكَ وَالْحِكْمَةَ وَعَلَّمَهُ مِمَّا يَشَاءُ ۗ وَلَوْلَا دَفْعُ اللَّهِ النَّاسَ بَعْضَهُمْ بِبَعْضٍ لَفَسَدَتِ الْأَرْضُ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ ذُو فَضْلٍ عَلَى الْعَالَمِينَ﴾

Hayyama Rabbiitiin isaan injifataniDaawuudis Jaaluutiin ajjeesee Rabbiin mootummaafi ogummaa isaaf kennee waan fedhe irraas isa barsiiseOdoo nama garii gariin deebisuun Rabbii jiraachuu baatee, silaa dachiin baddeGaruu Rabbiin aalama hunda irratti abbaa tola guddaati.

﴿تِلْكَ آيَاتُ اللَّهِ نَتْلُوهَا عَلَيْكَ بِالْحَقِّ ۚ وَإِنَّكَ لَمِنَ الْمُرْسَلِينَ﴾

Kun keeyyattoota RabbiitiDhugaadhaan ishee sirratti dubbifnaAtis dhugumatti ergamtoota irraayyi.

﴿۞ تِلْكَ الرُّسُلُ فَضَّلْنَا بَعْضَهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ ۘ مِنْهُمْ مَنْ كَلَّمَ اللَّهُ ۖ وَرَفَعَ بَعْضَهُمْ دَرَجَاتٍ ۚ وَآتَيْنَا عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ الْبَيِّنَاتِ وَأَيَّدْنَاهُ بِرُوحِ الْقُدُسِ ۗ وَلَوْ شَاءَ اللَّهُ مَا اقْتَتَلَ الَّذِينَ مِنْ بَعْدِهِمْ مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَتْهُمُ الْبَيِّنَاتُ وَلَٰكِنِ اخْتَلَفُوا فَمِنْهُمْ مَنْ آمَنَ وَمِنْهُمْ مَنْ كَفَرَ ۚ وَلَوْ شَاءَ اللَّهُ مَا اقْتَتَلُوا وَلَٰكِنَّ اللَّهَ يَفْعَلُ مَا يُرِيدُ﴾

Ergamoota kana garii isaanii garii irra caalchifneIsaan irraa nama Rabbiin ittiin dubbatetu jiraGarii isaaniis sadarkaa heddu ol kaaseIisaa ilma Maryamiifis ragaawwan ifa ta’an kenninee jirraRuuhii qulqulluunis (Jibriiliiniis) isa jajjabeessineOdoo Rabbiin fedhee, warri booda isaanii erga ragaawwan ifa taate isaanitti dhuftee booda wal hin lolan turanGaruu isaan wal dhabaniIsaan irraa namni amane ni jira; isaan irraas kan kafare ni jiraOdoo Rabbiin fedhee, wal hin lolanGaruu Rabbiin waan fedhe hojjata.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا أَنْفِقُوا مِمَّا رَزَقْنَاكُمْ مِنْ قَبْلِ أَنْ يَأْتِيَ يَوْمٌ لَا بَيْعٌ فِيهِ وَلَا خُلَّةٌ وَلَا شَفَاعَةٌ ۗ وَالْكَافِرُونَ هُمُ الظَّالِمُونَ﴾

Yaa warra amantan! Odoo guyyaan bittaa gurgurtaan, jaalalleefi manguddummaan isa keessa hin jirre hin dhufin dura waan Nuti isiniif kennine irraa kennadhaaKaafiroonni isaanumatu miidhaa raawwattoota.

﴿اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ ۚ لَا تَأْخُذُهُ سِنَةٌ وَلَا نَوْمٌ ۚ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ مَنْ ذَا الَّذِي يَشْفَعُ عِنْدَهُ إِلَّا بِإِذْنِهِ ۚ يَعْلَمُ مَا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ ۖ وَلَا يُحِيطُونَ بِشَيْءٍ مِنْ عِلْمِهِ إِلَّا بِمَا شَاءَ ۚ وَسِعَ كُرْسِيُّهُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ ۖ وَلَا يَئُودُهُ حِفْظُهُمَا ۚ وَهُوَ الْعَلِيُّ الْعَظِيمُ﴾

Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadhaMugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatuWanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan IsaatiInni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beekaBeekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanuKursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateeraIsaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisuInnis ol ta’aa, guddaadha.

﴿لَا إِكْرَاهَ فِي الدِّينِ ۖ قَدْ تَبَيَّنَ الرُّشْدُ مِنَ الْغَيِّ ۚ فَمَنْ يَكْفُرْ بِالطَّاغُوتِ وَيُؤْمِنْ بِاللَّهِ فَقَدِ اسْتَمْسَكَ بِالْعُرْوَةِ الْوُثْقَىٰ لَا انْفِصَامَ لَهَا ۗ وَاللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

Amantii keessa dirqisiisuun hin jiruDhugumatti, qajeelumni jallina irraa ifa ta'eeraNamni xaaghuutatti kafaree, Rabbitti amane, dhugumatti haada jabaa hin cinne qabateeraRabbiin dhagayaa, beekaadha.

﴿اللَّهُ وَلِيُّ الَّذِينَ آمَنُوا يُخْرِجُهُمْ مِنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ ۖ وَالَّذِينَ كَفَرُوا أَوْلِيَاؤُهُمُ الطَّاغُوتُ يُخْرِجُونَهُمْ مِنَ النُّورِ إِلَى الظُّلُمَاتِ ۗ أُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

Rabbiin gargaaraa warra amananiitiDukkana heddu irraa gara ifaatti isaan baasaWarri kafaran gargaartonni isaanii xaaghuuta; Ifa irraas gara dukkana hedduutti isaan baasuIsaan sun warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.

﴿أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِي حَاجَّ إِبْرَاهِيمَ فِي رَبِّهِ أَنْ آتَاهُ اللَّهُ الْمُلْكَ إِذْ قَالَ إِبْرَاهِيمُ رَبِّيَ الَّذِي يُحْيِي وَيُمِيتُ قَالَ أَنَا أُحْيِي وَأُمِيتُ ۖ قَالَ إِبْرَاهِيمُ فَإِنَّ اللَّهَ يَأْتِي بِالشَّمْسِ مِنَ الْمَشْرِقِ فَأْتِ بِهَا مِنَ الْمَغْرِبِ فَبُهِتَ الَّذِي كَفَرَ ۗ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الظَّالِمِينَ﴾

Sila gara isa Rabbiin mootummaa isaaf kenninaan (waa’ee) Gooftaa isaa keessatti Ibraahiimiin mormee hin ilaallee? Yeroo Ibraahiim "Gooftaan kiyya Isa jiraachisuufi ajjeesu" jedhu "Anis nan jiraachisa; nan ajjeesas" jedheIbraahiim "Dhugumatti, Rabbiin aduu Baha irraa fida; ati immoo Dhiha irraa fidi" jedheAchumaan inni kafare dhama'eRabbiin miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.

﴿أَوْ كَالَّذِي مَرَّ عَلَىٰ قَرْيَةٍ وَهِيَ خَاوِيَةٌ عَلَىٰ عُرُوشِهَا قَالَ أَنَّىٰ يُحْيِي هَٰذِهِ اللَّهُ بَعْدَ مَوْتِهَا ۖ فَأَمَاتَهُ اللَّهُ مِائَةَ عَامٍ ثُمَّ بَعَثَهُ ۖ قَالَ كَمْ لَبِثْتَ ۖ قَالَ لَبِثْتُ يَوْمًا أَوْ بَعْضَ يَوْمٍ ۖ قَالَ بَلْ لَبِثْتَ مِائَةَ عَامٍ فَانْظُرْ إِلَىٰ طَعَامِكَ وَشَرَابِكَ لَمْ يَتَسَنَّهْ ۖ وَانْظُرْ إِلَىٰ حِمَارِكَ وَلِنَجْعَلَكَ آيَةً لِلنَّاسِ ۖ وَانْظُرْ إِلَى الْعِظَامِ كَيْفَ نُنْشِزُهَا ثُمَّ نَكْسُوهَا لَحْمًا ۚ فَلَمَّا تَبَيَّنَ لَهُ قَالَ أَعْلَمُ أَنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

Yookiin gara namicha haala (manneen ishee) mataa ishee irratti kukkuftee jirtuun ganda irra dhufee "akkamumatti Rabbiin erga du’a isheetii ishee kana jiraachisa!" jedhee (hin ilaallee?) Rabbiiniis waggaa dhibba isa ajjeesee ergasii isa kaasee "hangam turte?" jedheen"Guyyaa tokko, yookiingarii guyyaan ture" jedhe(Rabbiiniis) ni jedhe: "Ati waggaa dhibba turteMee gara nyaataafi dhugaatii keetii ilaali; hin jijjiiramne! Gara harree keetiis ilaali! Namootaaf mallattoo si taasisuuf (kana goone)Akkamitti akka walitti qabnuufi ergasii foonis itti uffifnu gara lafees ilaali." Yeroma ifa isaaf ta’u "Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’uu nan beeka" jedhe.

﴿وَإِذْ قَالَ إِبْرَاهِيمُ رَبِّ أَرِنِي كَيْفَ تُحْيِي الْمَوْتَىٰ ۖ قَالَ أَوَلَمْ تُؤْمِنْ ۖ قَالَ بَلَىٰ وَلَٰكِنْ لِيَطْمَئِنَّ قَلْبِي ۖ قَالَ فَخُذْ أَرْبَعَةً مِنَ الطَّيْرِ فَصُرْهُنَّ إِلَيْكَ ثُمَّ اجْعَلْ عَلَىٰ كُلِّ جَبَلٍ مِنْهُنَّ جُزْءًا ثُمَّ ادْعُهُنَّ يَأْتِينَكَ سَعْيًا ۚ وَاعْلَمْ أَنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ﴾

Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa akka kaaftu natti agarsiisi" jedhes [yaadadhaa](Rabbiiniis) "Sila hin amannee?" jedhe(Ibraahiimis): "Lakkii (amaneera), Garuu akka onneen kiyya tasgabbaa’uufi" jedhe"Simbira irraa afur gara keetti fuudhii isaan kukkutiSana booda isaan irraa qooda wahii gaara hunda irra kaayiErgasii isaan waami; fiigaa sitti dhufu.” Rabbiin injifataa, ogeessa ta’uus beeki.

﴿مَثَلُ الَّذِينَ يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ كَمَثَلِ حَبَّةٍ أَنْبَتَتْ سَبْعَ سَنَابِلَ فِي كُلِّ سُنْبُلَةٍ مِائَةُ حَبَّةٍ ۗ وَاللَّهُ يُضَاعِفُ لِمَنْ يَشَاءُ ۗ وَاللَّهُ وَاسِعٌ عَلِيمٌ﴾

Fakkeenyi warra qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti arjoomanii, akka fakkeenya firii sootalloo (mataa) torba baasee sootalloo hunda keessa firiin dhibbi jiruutiRabbiin nama fedheef dachaa taasisaRabbiin (kenni isaa) bal’aa, beekaadha.

﴿الَّذِينَ يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ ثُمَّ لَا يُتْبِعُونَ مَا أَنْفَقُوا مَنًّا وَلَا أَذًى ۙ لَهُمْ أَجْرُهُمْ عِنْدَ رَبِّهِمْ وَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ﴾

Warri qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti kennatanii, ergasii waan arjooman dhaaddannaafi rakkisuu hin hordofsiisin, isaaniif mindaan Gooftaa isaanii bira jiraSodaanis isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.

﴿۞ قَوْلٌ مَعْرُوفٌ وَمَغْفِرَةٌ خَيْرٌ مِنْ صَدَقَةٍ يَتْبَعُهَا أَذًى ۗ وَاللَّهُ غَنِيٌّ حَلِيمٌ﴾

Jecha gaariifi dhiifamatu sadaqaa rakkisuun isa hordofu irra caalaRabbiinis dureessa, obsaadha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تُبْطِلُوا صَدَقَاتِكُمْ بِالْمَنِّ وَالْأَذَىٰ كَالَّذِي يُنْفِقُ مَالَهُ رِئَاءَ النَّاسِ وَلَا يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ ۖ فَمَثَلُهُ كَمَثَلِ صَفْوَانٍ عَلَيْهِ تُرَابٌ فَأَصَابَهُ وَابِلٌ فَتَرَكَهُ صَلْدًا ۖ لَا يَقْدِرُونَ عَلَىٰ شَيْءٍ مِمَّا كَسَبُوا ۗ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْكَافِرِينَ﴾

Yaa warra amantan! Sadaqaa keessan akka isa qabeenya isaa namoonni isaaf haa arganiif arjoomuu fi, Rabbiifi guyyaa Aakhiraattis hin amannetti dhaaddannaafi (nama) rakkisuudhaan hin balleessinaaFakkeenyi isaa akka fakkeenya dhagaa diriiraa biyyeen isa irra jiruu kan bokkaan cimaan isa tuqee (biyyee irraa dhiquun) duwwaa isa hanbiseetiIsaan waan horatan irraa homaa irratti dandeettii hin qabanRabbiinis ummata kaafirootaa hin qajeelchu.

﴿وَمَثَلُ الَّذِينَ يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمُ ابْتِغَاءَ مَرْضَاتِ اللَّهِ وَتَثْبِيتًا مِنْ أَنْفُسِهِمْ كَمَثَلِ جَنَّةٍ بِرَبْوَةٍ أَصَابَهَا وَابِلٌ فَآتَتْ أُكُلَهَا ضِعْفَيْنِ فَإِنْ لَمْ يُصِبْهَا وَابِلٌ فَطَلٌّ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ﴾

Fakkeenyi warra qabeenya isaanii jaalala Rabbii barbaaduufi lubbuu isaanii raggaasisuuf arjoomanii, akka fakkeenya ashaakiltii lafa ol fuudhamaa irra jiruu bokkaan cimaan itti roobee oomisha ishee dachaan kennitee yoo bokkaan guddaan ishee hin argatinis tiifuun (of geessuuti)Rabbiin waan isin dalagdan argaadha.

﴿أَيَوَدُّ أَحَدُكُمْ أَنْ تَكُونَ لَهُ جَنَّةٌ مِنْ نَخِيلٍ وَأَعْنَابٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ لَهُ فِيهَا مِنْ كُلِّ الثَّمَرَاتِ وَأَصَابَهُ الْكِبَرُ وَلَهُ ذُرِّيَّةٌ ضُعَفَاءُ فَأَصَابَهَا إِعْصَارٌ فِيهِ نَارٌ فَاحْتَرَقَتْ ۗ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ اللَّهُ لَكُمُ الْآيَاتِ لَعَلَّكُمْ تَتَفَكَّرُونَ﴾

Sila tokkoon keessan ashaakiltiin Nakhliifi Inaba irraa ta’e, kan laggeen jala ishee yaatu, kan isa keessa fuduraaleen hundi isaaf jiru, odoo ilmaan dadhabduu qabuu kan dullumni isa qabde, bubbeen ibidda qabu ishee tuqee gubatte isaaf ta'uu ni jaalataa? Akka isin xiinxaltaniif jecha akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif addeessa

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا أَنْفِقُوا مِنْ طَيِّبَاتِ مَا كَسَبْتُمْ وَمِمَّا أَخْرَجْنَا لَكُمْ مِنَ الْأَرْضِ ۖ وَلَا تَيَمَّمُوا الْخَبِيثَ مِنْهُ تُنْفِقُونَ وَلَسْتُمْ بِآخِذِيهِ إِلَّا أَنْ تُغْمِضُوا فِيهِ ۚ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ غَنِيٌّ حَمِيدٌ﴾

Yaa warra amantan! gaggaarii waan carraaqqattaniifi waan Nuti dachii irraa isiniif baafne irraa kennadhaa(Odoo isiniif kennamee) Isa keessatti ija dunuunfattanii malee kan hin fudhanne taatanii, isa irraa kennachuudhaan Waan fokkataa hin yaadinaaRabbiin dhugumatti dureessa, faarfamaa ta’uu beekaa.

﴿الشَّيْطَانُ يَعِدُكُمُ الْفَقْرَ وَيَأْمُرُكُمْ بِالْفَحْشَاءِ ۖ وَاللَّهُ يَعِدُكُمْ مَغْفِرَةً مِنْهُ وَفَضْلًا ۗ وَاللَّهُ وَاسِعٌ عَلِيمٌ﴾

Shayxaanni hiyyummaan isin sodaachisa, wantoota fokkataattis isin ajajaRabbiin garuu araaramaafi tola Isa biraa ta’e waadaa isiniif galaRabbiin (kenni isaa) bal’aa, beekaadha.

﴿يُؤْتِي الْحِكْمَةَ مَنْ يَشَاءُ ۚ وَمَنْ يُؤْتَ الْحِكْمَةَ فَقَدْ أُوتِيَ خَيْرًا كَثِيرًا ۗ وَمَا يَذَّكَّرُ إِلَّا أُولُو الْأَلْبَابِ﴾

Inni hikmaa[] nama fedheef kennaNamni hikmaa kenname, dhugumatti toltuun baay’een isaaf kennameeraWarra sammuu qaban malee eenyullee hin gorfamu.

﴿وَمَا أَنْفَقْتُمْ مِنْ نَفَقَةٍ أَوْ نَذَرْتُمْ مِنْ نَذْرٍ فَإِنَّ اللَّهَ يَعْلَمُهُ ۗ وَمَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ أَنْصَارٍ﴾

Kenna irraa waan isin kennattan yookiin qodhaa (nazrii) irraa waan nazartanis, Rabbiin isa beekaMiidhaa hojjattootaafis tumsitoonni hin jiranu.

﴿إِنْ تُبْدُوا الصَّدَقَاتِ فَنِعِمَّا هِيَ ۖ وَإِنْ تُخْفُوهَا وَتُؤْتُوهَا الْفُقَرَاءَ فَهُوَ خَيْرٌ لَكُمْ ۚ وَيُكَفِّرُ عَنْكُمْ مِنْ سَيِّئَاتِكُمْ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ﴾

Sadaqaa yoo mul’iftanii (kennattan) isheen waa tolte; yoo ishee dhoksitanii hiyyeeyyiif kennitanis isatu isiniif caalaHamtuuwwan keessanis isin irraa harcaasaRabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha.

﴿۞ لَيْسَ عَلَيْكَ هُدَاهُمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ يَهْدِي مَنْ يَشَاءُ ۗ وَمَا تُنْفِقُوا مِنْ خَيْرٍ فَلِأَنْفُسِكُمْ ۚ وَمَا تُنْفِقُونَ إِلَّا ابْتِغَاءَ وَجْهِ اللَّهِ ۚ وَمَا تُنْفِقُوا مِنْ خَيْرٍ يُوَفَّ إِلَيْكُمْ وَأَنْتُمْ لَا تُظْلَمُونَ﴾

Qajeelchuun isaanii (dirqama) sirratti hin taaneGaruu Rabbiin nama fedhe ni qajeelchaQabeenya irraas wanti isin kennattan lubbuma keessaniifiFuula Rabbii barbaachaaf malee hin kennattanuQabeenya irraa wanti isin kennattan haala isin kan hin miidhamne taataniin guutamee isiniif deebifama.

﴿لِلْفُقَرَاءِ الَّذِينَ أُحْصِرُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ لَا يَسْتَطِيعُونَ ضَرْبًا فِي الْأَرْضِ يَحْسَبُهُمُ الْجَاهِلُ أَغْنِيَاءَ مِنَ التَّعَفُّفِ تَعْرِفُهُمْ بِسِيمَاهُمْ لَا يَسْأَلُونَ النَّاسَ إِلْحَافًا ۗ وَمَا تُنْفِقُوا مِنْ خَيْرٍ فَإِنَّ اللَّهَ بِهِ عَلِيمٌ﴾

(Sadaqaan) hiyyeeyyii warra dachii keessa deemuu hin dandeenye, kan kadhaa irraa of qabuu isaanii irraa wallaalaan dureeyyii isaan se’u, mallattoolee isaaniitiin kan isaan beektu, namoota kan hin kadhanne, ifachiisuus (kan hin ifachiifne) ta’anii karaa Rabbii keessatti hidhamaniif (kennamti)Qabeenya irraa waan isin kennattan dhugumatti Rabbiin isa beeka.

﴿الَّذِينَ يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ بِاللَّيْلِ وَالنَّهَارِ سِرًّا وَعَلَانِيَةً فَلَهُمْ أَجْرُهُمْ عِنْدَ رَبِّهِمْ وَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ﴾

Warra qabeenya isaanii halkaniifi guyyaa, dhoksaafi ifatti mul’isanii arjooman, isaaniif mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira jiraSodaanis isaan irra hin jiru; isaanis hin gaddanu.

﴿الَّذِينَ يَأْكُلُونَ الرِّبَا لَا يَقُومُونَ إِلَّا كَمَا يَقُومُ الَّذِي يَتَخَبَّطُهُ الشَّيْطَانُ مِنَ الْمَسِّ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَالُوا إِنَّمَا الْبَيْعُ مِثْلُ الرِّبَا ۗ وَأَحَلَّ اللَّهُ الْبَيْعَ وَحَرَّمَ الرِّبَا ۚ فَمَنْ جَاءَهُ مَوْعِظَةٌ مِنْ رَبِّهِ فَانْتَهَىٰ فَلَهُ مَا سَلَفَ وَأَمْرُهُ إِلَى اللَّهِ ۖ وَمَنْ عَادَ فَأُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

Warri dhala nyaatan (Guyyaa Qiyaama) akka isa shayxaanni maraatummaa irraa isa kukuffisu dhaabbatuutti malee hin dhaabbatanuKunis waan isaan "bittaa gurgurtaan akkuma dhalaati" jedhaniifiRabbiin immoo bittaa gurgurtaa hayyamee dhala dhorgeNamni gorsi Gooftaa isaa irraa itti dhufee (dhala nyaachuu irraa) dhorgame, wanti (dhorgaan dura) darbe kanuma isaatiDhimmi isaas (waan dhufu keessatti) gara RabbiitiNamni (itti) deebi’e immoo isaan warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.

﴿يَمْحَقُ اللَّهُ الرِّبَا وَيُرْبِي الصَّدَقَاتِ ۗ وَاللَّهُ لَا يُحِبُّ كُلَّ كَفَّارٍ أَثِيمٍ﴾

Rabbiin dhala (keessaa barakaa) ni haqa; sadaqaawwan immoo ni guddisaRabbiin warra akkaan kafaraa, dilaawaa hunda hin jaalatu.

﴿إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَآتَوُا الزَّكَاةَ لَهُمْ أَجْرُهُمْ عِنْدَ رَبِّهِمْ وَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ﴾

Dhugumatti, isaan amananii gaggaariis hojjatanii, salaatas gadi dhaabanii, zakaas kennan, warri sun mindaan isaanii gooftaa isaanii bira isaaniif jiraSodaanis isaan irra hin jiru; isaanis hin gaddanu.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَذَرُوا مَا بَقِيَ مِنَ الرِّبَا إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ﴾

Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; yoo mu’uminoota taataniif dhala irraa waan (nama irratti) hafe dhiisaa

﴿فَإِنْ لَمْ تَفْعَلُوا فَأْذَنُوا بِحَرْبٍ مِنَ اللَّهِ وَرَسُولِهِ ۖ وَإِنْ تُبْتُمْ فَلَكُمْ رُءُوسُ أَمْوَالِكُمْ لَا تَظْلِمُونَ وَلَا تُظْلَمُونَ﴾

Yoo (kana) hin godhin, lola Rabbiifi ergamaa Isaa irraa ta’e beekkadhaa! Yoo tawbattan mataan qabeenya keessanii isinumaaf (haqa)Hin miitanus; hin miidhamtanus.

﴿وَإِنْ كَانَ ذُو عُسْرَةٍ فَنَظِرَةٌ إِلَىٰ مَيْسَرَةٍ ۚ وَأَنْ تَصَدَّقُوا خَيْرٌ لَكُمْ ۖ إِنْ كُنْتُمْ تَعْلَمُونَ﴾

Yoo rakkataan argameef hanga argatutti eeggachuutu (isin irra jira)(Isaanitti) saddaqachuutu irra isiniif caalaYoo kan beektan taataniif (sadaqadhaa).

﴿وَاتَّقُوا يَوْمًا تُرْجَعُونَ فِيهِ إِلَى اللَّهِ ۖ ثُمَّ تُوَفَّىٰ كُلُّ نَفْسٍ مَا كَسَبَتْ وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ﴾

Guyyaa isa keessa gara Rabbii deebitan, ergasii lubbuun hundi kan hin miidhamne taatee waan hojjatteen galata galfamtu sodaadhaa.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا تَدَايَنْتُمْ بِدَيْنٍ إِلَىٰ أَجَلٍ مُسَمًّى فَاكْتُبُوهُ ۚ وَلْيَكْتُبْ بَيْنَكُمْ كَاتِبٌ بِالْعَدْلِ ۚ وَلَا يَأْبَ كَاتِبٌ أَنْ يَكْتُبَ كَمَا عَلَّمَهُ اللَّهُ ۚ فَلْيَكْتُبْ وَلْيُمْلِلِ الَّذِي عَلَيْهِ الْحَقُّ وَلْيَتَّقِ اللَّهَ رَبَّهُ وَلَا يَبْخَسْ مِنْهُ شَيْئًا ۚ فَإِنْ كَانَ الَّذِي عَلَيْهِ الْحَقُّ سَفِيهًا أَوْ ضَعِيفًا أَوْ لَا يَسْتَطِيعُ أَنْ يُمِلَّ هُوَ فَلْيُمْلِلْ وَلِيُّهُ بِالْعَدْلِ ۚ وَاسْتَشْهِدُوا شَهِيدَيْنِ مِنْ رِجَالِكُمْ ۖ فَإِنْ لَمْ يَكُونَا رَجُلَيْنِ فَرَجُلٌ وَامْرَأَتَانِ مِمَّنْ تَرْضَوْنَ مِنَ الشُّهَدَاءِ أَنْ تَضِلَّ إِحْدَاهُمَا فَتُذَكِّرَ إِحْدَاهُمَا الْأُخْرَىٰ ۚ وَلَا يَأْبَ الشُّهَدَاءُ إِذَا مَا دُعُوا ۚ وَلَا تَسْأَمُوا أَنْ تَكْتُبُوهُ صَغِيرًا أَوْ كَبِيرًا إِلَىٰ أَجَلِهِ ۚ ذَٰلِكُمْ أَقْسَطُ عِنْدَ اللَّهِ وَأَقْوَمُ لِلشَّهَادَةِ وَأَدْنَىٰ أَلَّا تَرْتَابُوا ۖ إِلَّا أَنْ تَكُونَ تِجَارَةً حَاضِرَةً تُدِيرُونَهَا بَيْنَكُمْ فَلَيْسَ عَلَيْكُمْ جُنَاحٌ أَلَّا تَكْتُبُوهَا ۗ وَأَشْهِدُوا إِذَا تَبَايَعْتُمْ ۚ وَلَا يُضَارَّ كَاتِبٌ وَلَا شَهِيدٌ ۚ وَإِنْ تَفْعَلُوا فَإِنَّهُ فُسُوقٌ بِكُمْ ۗ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۖ وَيُعَلِّمُكُمُ اللَّهُ ۗ وَاللَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ﴾

Yaa warra amantan! Hanga beellama beekamaatti liqii wahii yoo walii liqeessitan isa barrreessaaBarreessaan wahiis gidduu keessanitti haqaan haa barreessuBarreessaanis akka Rabbiin isa barsiisetti barreessuu hin didinHaa barreessu; Inni liqiin isa irra jirus haa dubbisuAllaah gooftaa isaa ta’es haa sodaatuIsa irraas homaa hin hir’isinYoo inni liqiin isa irra jiru gowwaa yookiin dadhabaa yookiin inni kan dubbisuu hin dandeenye ta’e firri isaa haa dubbisuRagaa lama dhiirota keessan irraa ragsiifadhaaYoo dhiirri lama hin argamin, dhiira tokkoofi dubartii lama, dagachuu ishee tokkoofi yaadachiisuu ishee birootiif jecha, ragoolee namoota isin jaallattan irraa haala ta’aniin ragaa godhaaRagoonnis yeroo waamaman hin didinXiqqaas ta’ee guddaa, hanga yeroo isaatti, isa barreessuu hin hifatinaaKanatu Rabbiin biratti irra haqa; ragummaafis irra mirkanaa’aadha; akka isin hin shakkineefis irra dhihoodhaGaruu yoo daldala bakkuma sanitti gidduu keessanitti raawwattan taate ishee barreessuu dhabuudhaan badiin isin irra hin jiruYeroo bittanii walitti gurgurtanis ragaa godhaaNamni barreessuufi kan ragaa bahus miidhamuu hin qabuYoo raawwattan, dhugumatti inni fincila (ajaja Rabbii diduu) keessaniRabbiin sodaadhaa; Rabbiin isin barsiisaRabbiin waan hunda beekaadha.

﴿۞ وَإِنْ كُنْتُمْ عَلَىٰ سَفَرٍ وَلَمْ تَجِدُوا كَاتِبًا فَرِهَانٌ مَقْبُوضَةٌ ۖ فَإِنْ أَمِنَ بَعْضُكُمْ بَعْضًا فَلْيُؤَدِّ الَّذِي اؤْتُمِنَ أَمَانَتَهُ وَلْيَتَّقِ اللَّهَ رَبَّهُ ۗ وَلَا تَكْتُمُوا الشَّهَادَةَ ۚ وَمَنْ يَكْتُمْهَا فَإِنَّهُ آثِمٌ قَلْبُهُ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ عَلِيمٌ﴾

Yoo imala irra jiraattanii barreessaa hin argatin, qabdii qabamtuu taatetu(bakka bu’a)Yoo gariin keessan garii amane immoo, inni amaname amaanaa isaa haa dhaqqabsiisu; Rabbii Gooftaa isaa ta’es haa sodaatuRagaas hin dhoksinaaNamni ishee dhokse, dhugumatti inni onneen isaa dilaawaadhaRabbiinis waan isin hojjattan beekaadha.

﴿لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ وَإِنْ تُبْدُوا مَا فِي أَنْفُسِكُمْ أَوْ تُخْفُوهُ يُحَاسِبْكُمْ بِهِ اللَّهُ ۖ فَيَغْفِرُ لِمَنْ يَشَاءُ وَيُعَذِّبُ مَنْ يَشَاءُ ۗ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

Wantoonni samiifi dachii keessa jiran kan RabbiitiWaan lubbuu keessan keessa jiru yoo ifatti mul’iftan yookiin yoo isa dhoksitanis Rabbiin ittiin isin qorata; nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adabaRabbiinis waan hunda irratti danda’aadha.

﴿آمَنَ الرَّسُولُ بِمَا أُنْزِلَ إِلَيْهِ مِنْ رَبِّهِ وَالْمُؤْمِنُونَ ۚ كُلٌّ آمَنَ بِاللَّهِ وَمَلَائِكَتِهِ وَكُتُبِهِ وَرُسُلِهِ لَا نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِنْ رُسُلِهِ ۚ وَقَالُوا سَمِعْنَا وَأَطَعْنَا ۖ غُفْرَانَكَ رَبَّنَا وَإِلَيْكَ الْمَصِيرُ﴾

Ergamaan (kiyya) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu’uminoonnisHundumtuu Rabbitti, malaa’ikota Isaa, kitaabota Isaafi ergamtoota Isaatti amananiiru.[] "Nuti ergamtoota Isaa irraa tokkos adda hin baafnu" (jedhan)"Nuti dhageenye; ajajamnesGooftaa keenya! Araarama kee (barbaanna)Deebiinis garuma keeti" jedhan.

﴿لَا يُكَلِّفُ اللَّهُ نَفْسًا إِلَّا وُسْعَهَا ۚ لَهَا مَا كَسَبَتْ وَعَلَيْهَا مَا اكْتَسَبَتْ ۗ رَبَّنَا لَا تُؤَاخِذْنَا إِنْ نَسِينَا أَوْ أَخْطَأْنَا ۚ رَبَّنَا وَلَا تَحْمِلْ عَلَيْنَا إِصْرًا كَمَا حَمَلْتَهُ عَلَى الَّذِينَ مِنْ قَبْلِنَا ۚ رَبَّنَا وَلَا تُحَمِّلْنَا مَا لَا طَاقَةَ لَنَا بِهِ ۖ وَاعْفُ عَنَّا وَاغْفِرْ لَنَا وَارْحَمْنَا ۚ أَنْتَ مَوْلَانَا فَانْصُرْنَا عَلَى الْقَوْمِ الْكَافِرِينَ﴾

Rabbiin lubbuu tokkos dandeettii isheetiin ala hin dirqisiisu(Toltuu irraa) wanti isheen carraaqqate isheedhumaafi; (hamtuu irraa) wamti isheen carraaqqattes ishee irratti (ta’a)"Gooftaa keenya! Yoo daganne yookiin dogoggorre nu hin qabinGooftaa keenya! Ba’aa guddaa akka warra nuun duraa irratti baachifte nurratti hin baachisinGooftaa keenya! Waan isatti dandeettiin nuuf hin jirre nu hin baachisinIrras nuuf dabri; nuuf araaramisRahmatas nuuf godhiAti gargaaraa keenyaUmmata kaafirootaa irrattis nuuf tumsi.

الترجمات والتفاسير لهذه السورة: